Raashiyaa fi Chaayinaan Mana-maree Nageenyaarratti wixinee dhukaasa dhaabuu US kuffisan

Manni-Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waraana Gaazaa irratti wixinee dhukaasa dhaabuu US qopheessite irratti sagalee wayita sassaabu Raashiyaafi Chaayinaan wixinicha kufaa godhan.

Mana Marichaatti ambaasaaddara US kan ta'an Liindaa Toomaas Giriinfiild wixineen US qopheessite waraanni atattamaan akka dhaabatu kan gafatu ta'uu ibsaniiru.

Dhimmi dubbii ta'e ammoo lammiileen Israa'eel Hamaasiin butaman hundi akka gadhiifaman haaldure kan kaahu ta'uusaati.

Aboo sagalee sagaleen kuffisuu kan qabdu Raashiyaan Gaazaan erga barbadooftee wixinee dhukaasa dhaabuu dhiyaateedha jechuun dursitee kufaa goote.

Mana Maree Nageenyaa UN'tti ambaasaaddar Raashiyaa kan ta'an Vaasilii Nabeenzii wixineen kun Isra'el kan yakkoota hedduu dalagde bilisa baase jedhan. Ammoo Erga Gaazaan addunyaarraa baddee dhufe jechuun morman.

US erga wixineen qopheessite kufa godhamee booda Raashiyaafi Chaayinaa komatte. Raashiyaan waan hunda siyaasa gooti jedhan Ambaasaaddar Liindaan.

Michuu US kan taate UKn ammoo Raashiyaafi Chaayinaan wixinee kana raawwatamuurraa dhaabsisuu isaaniitti gadduu ibsite.

Ambaasaaddarri UK Daamii Barbaraa 'baayyeen gadde'' jechuun biyyisaanii wixinee waraanni bifa waaraa ta'een atattamaan akka dhaabatu, namootni hamaasiin butaman akka gadhiifamaniifi duulli lafoo Raafatti godhamu akka dhaabatu godhu deeggaruu ibsan.

Kun kanaan osoo jiruu Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu US fi michootni ishee isaan deeggaruu yoo bataaniyyuu duula lfoo gara Raafaatti godhan akka hin dhiifne dubbata.

''Hamaasiin injifachuu kan dandeenyu Raafaatti yoo duulle qofa'' jedhan Netaaniyaahuun.

Netaaniyaahuun kana kan dubbatan Ministirri Dhimma Alaa US waayeedhuma kanaarratti dubbachuuf Tel Aviiv wayita galan iddootti wal-arganittidha.

''Kana Yunaayitiid Isteets waliin ta'uun akka rawwannu nan abdadha. Yoo ta'uu baates koophaa goona'' jedhan.

Raafaa keessa uummatni miliyoona 1.2 ta'u qubatee jiraata.