Puutin yeroo kamiyyuu caalaa nama jabaa ta'uu kan dandeessisan sababoota sadi

Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin marsaa shanaffaa mo'achuun hanga bara 2030tti aangorra akka turan mirkaneeffataniiru.

Filannoo mo'achuun wal-qabatee haasaa taasisaniin, filannicha mo'achuunsaanii Raashiyaan biyya cimtuufi caalmatti badhaatuu taasisa jedhan.

Filannoo alanaa kana sagalee dhibbeentaa 87 argachuun mo'atan.

Isa darberratti sagalee harka 76.7 argachuun injifatanii ture. Puutin filannicharratti mormituun cimaan isaan mudate hin jiru; mootummaan Pirezidant Puutin siyaasa, filannoofi miidiyaa biyyattii haala addaan to'ata.

Warri Lixaa filannoo Raashiyaa kana "filannoo bilisaafi haqa qabeessa miti" jechuun gatii dhabsiisan.

Puutin garuu waan biyyoonni lixaa jedhanitti iddoo hin laanne; mo'achuusaanii gammachuun fudhatanii uummata biyyattiis galateeffaniiru.

Pirezidaantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin "bara aangoosaa dheereffachuuf [Puutin] hammeenyi inni hin goone hin jiru. Inni nama aangorratti machaa'edha," jechuun "abbaa irree" jechuun ibsan.

Puutin nama ganna 71ti; bara Joosef Istaalin booda pirezidaantii bara dheeraf Raashiyaa bulchaniidha.

Puutin erga Yukireen irratti waraana bananii lammiilen biyyattii heddu waraanarratti dhumanis, biyyoota lixaarraa qoqqobbiifi qoollifannaan isaan mudatus, sababoonni armaan gadii sadan kan durii caalaa Puutin nama jabaa akka ta'an isaan gochuu danda'u.

'To'annoofi kan ittiin mormu dhabamsiisuu'

"Marii siyaasaa gosa hundaa akkamitti ukkaamsuu danda'an Puutin itti beeka," jedha gaazexeessan Raashiyaa kan yeroo ammaa baqatee Landan jiru Andiree Soldaatoov.

"Sirriittii dandeettiisaa waan qabuuf namoota siyaasaa isaan morkatan dhabamsiisuu bareechee beeka," jedha.

Filannoo pirezidaantummaa baranaarratti morkattoota sadi qofatu dhiyaate; sadanuu kaadhimamtoota Puutin irratti dhiibbaa qabatamaa fidan miti. Morkattoonni kun baay'edhuma Puutin irraa mormii kan qaban miti; waraana Yukireenitti gaggeeffamaa jiru ilaalchisee ijjannoo Puutin warra deeggaraniidha.

Kanneen Puutinif morkatoo cimoodha jedhamanii yaadaman kaan mana hidhaa jiru, kaan ajjeefamaniiru ykn dhabamsiifaniiru. Mootummaan Puutin garuu harki koo qulqulluudha jedhee waakkata.

Filannoo Raashiyaa osoo hin gahin ji'a tokko dursee morkataa cimaa Puutin yeroo dheeraa kan ture Aleeksii Navaalnii mana hidhaa keessatti du'e.

"Namni siyaasan cimaa ta'e tokko yeroo ajjeefamu [Puutin] akka namni sun homaa dhiibbaa irraan hin geenyetti 'maalifan isaan ajjeesa?" jechuun salphisee dhiyeessa jedha Andireen.

Namoota siyaasaatii kaasee hanga gaazexeessitootatti kanneen Puutin dura dhaabbatu jedhamanii sodaataman heddu du'aniiru.

Bara darbe gaggeessaa garee Waagnar kan ture Yevgeenii Pirigoozhin balaa xayyaaran du'e. Bara 2015 namni siyaasafi qeequdhaan beekamu Booris Nemtsoov magaala Mooskoo keessatti dhukaasan ajjeefame.

Bara 2006 ammoo gaazexeessituun yeroo waraana Chiichin waraanicha mormaa turte Annaa Politkovskaayaa magaala Mooskoo keessatti ajjeefamtee argamte.

"Biyya gaazexeessan, namni siyaasaafi aktivistoonni itti ajjeefaman ykn hidhaman keessa jiraachun sodaachisaadha.

Erga waraanni Yukireen eegalee ammoo seera to'annoo yaada uummataa ifa gochuun kanneen faallaa mootumma waraana morman, 'raayyaa ittisa biyyaalessaa ulfina dhorkuudha' jechuun Puutin mormitoota mataa gadi qabachiisaa jiru.

Waraana Yukireen

Haasaa filannoo mo'achuusaanii booda taasisaniin waraana Yukireenitti itti jiran irraa duubatti akka hin jenneefi inumaayyuu cimsanii halellaa akka itti fufan dhaadatan Puutin.

Waraanni Yukireen erga eegalee amma ganna sadaffaa keessa jira. Puutin waraana kana nan injifadha jedhanii akka itti seenan hin taanef. Siyaasa Raashiyaa qorachuutti rifeensa lama kan biqilchite Ekaterina Schulmann Puutin waraana kana fayidaasaanif dhimma akka itti bahu himti.

"Yeroo jalqabu [waraanichi] akkuma kan Kiriimiyaa ture, garuummoo waraanichi akka Raashiyaan yaadde salphaa akka hin taane kan agarsiisedha," jetti.

Ekaterinan akka jettutti Puutin Yukireen mo'achuu dadhabaan bara 2022 keessa humna duula humna haaraa leenjisuutti gaafa seenan biyya keessaa lammiilen Raashiyaa deeggarsi isaan duraan waraanaf qaban hir'ataa dhufe.

Andiree Solvaatovis yaaduma kana deeggara. Deeggarsi lammiilen Raashiyaa waraanaf taasisan hir'ataa dhufnaan Puutin yaada haaraa fidan- Yukireen osoo hin taane biyyoota lixaa lolaa jirra kan jedhu.

"Amma waraanni gaggeeffamu Yukireen waliin osoo hin taane biyyoota lixaa waliini [yaadi jedhu] lammiilen Raashiyaa heddu akka boonan isaan taasiseera, sababni isaa waraanni biyyattii biyya xiqqoo osoo hin taane biyyoota gurguddoo lola jira," miirri jedhu akka isaan keessatti uumame hima.

Guraandhala 29 Puutin haasaa taasisaniin biyyoota Lixaa meeshaalee waraanaa Yukireenif ergan akeekkachiisun dhiyeenya miseensa NATO kan ta'an Siwidiinifi Fiinland waliin hidhata ittisaa akka cimsan dubbatan.

"Namni hunduu biyya keessa [Raashiyaa] jiru, ana dabalatee, mana baruumsatti addunyaarratti Impaayera Raashiyaa qofaatu namoota nagaan hundaa'e jennee baranne," jechuun uummanni yaada Puutin "namni hunduu na haleeluu barbaada" jedhu salphaatti akka fudhatu hima Andireen.

Biyyooni Lixaa waa'ee waraanichaa biyyoonni Afrikaafi Laatin Ameerikaa fa'aa sirriitti waan hin hubachiinef Puutin kanatti sirriitti akka dhimma bahanis hima Andireen.

Diinagdee Raashiyaa guddataa jiru

Puutin Yukireen weeraruusaanii hordofee biyyoota guddatan irraa qoqqoobin heddu irra kaa'amus Raashiyaan Awurooppaa keessatti guddina saffisaa galmeessuusheen warra qoqqobbii irra kaa'anis beektota diinagdes waan dubbatan wallaalchifte.

"Diinagdeen haala gaarirra jira, kuni ammoo Puutin qoqqobbii warra lixaatti iddoo kennuu dhiisuusadhaan nama diingadee Raashiyaa mataa olqabachiisa akka jedhamu isa taasissera," jedha gaazexeessan BBC Russian kan ta'e Aleeksi Kalmaayikov.

Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) akka jedhetti Raashiyaan dhibbeentaa 2.6 guddina argisiiiftetto- kuni biyyoonni lixaa qabeenya Raashiyaa dolaara biliyeena 300 jalaa ugguranii osoo jiraniiti.

Qoqqobbiin irra kaa'ame kan biyyoota lixaati malee kan addunyaa miti. Kuni ammoo Raashiyaan biyyoota akka Chaayinaa, Indiyaa, Biraazil fa'aa wajjin akka garaashee bittee akka gurgurtu gargaarera.

Raashiyaan biyya diinagdee cimtuu waan taatef jilbeenfachiisuf qoqqobbii waggaa dheeraa akka gaafatu hima Aleeksi Kalmaayikov.

Garuu baay'ee hin turu...

Ammaaf Puutin nama kan kana duraa caalaa nama cimaa haa fakkaataniyyuu malee yeroon kun itti dhumatu dhiyoo akka ta'e akeeku siyaasa Raashiyaa sirriitti kan qoratan Dr. Ekaatiriinan.

Heerri Raashiyaa bara 2020 haara'een Puutin si'a lama pirezidaantii ta'anii akka gaggeessan carraa ni laataf.

Kana jechuun hanga bara 2036 jechuudha. Yeroo sana Puutin manguddoo ganna 83 ta'u jechuudha.

Akka isheen jettutti sirni Raashiyaa dulloomaa jira. "Ciminni nama tokkoo qofaansaa bara baraan itti fufu," jetti.