Waa'ee tibbana magaalaa Mandiifi aanaalee Wallagga Lixaa muraasatti mudate maal beekna?

Guyyoota muraasaan dura hidhattootni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ABO-Shaneen jedhuun aanaalee Wallagga Lixaa muraasa to'achuufi qabeenyi barbadaa'uu jiraattonni BBC'tti himan.

Kun kan dhagahame yeroo mootummaan Itoophiyaa waraana Kaaba biyyattiitti waggoota lamaaf gaggeeffamaa turetti xumura gochuuf TPLF waliin waliigaltee waraana dhaabuu irra gahettidha.

Jiraattonniifi qondaalli mootummaa nageenyaaf jecha maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan BBC'n dubbise, hidhattooti torban kana magaalaa Mandii, Qilxuu Kaarraa fi Lataa Sibuu seenuun to'atuu himu.

Kana hordofes qabeenyaawwan akka baankotaa dabalatee waajjiraaleen mootummaa saamamuufi manca'u himaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa dhimma kana irratti hanga yoonaatti homaa hin jenne.

Kana malees yaaliin bulchitoota aanotaa fi godina Wallagga Lixaa irraa adda baasuuf BBCn taasisee hin milkoofne.

Hoogganoonni mootummaa Magaalaa Mandii lakkoofsaan hin ibsamne hidhattootaan butamuu hidhattooti mirkaneessaniiru.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa sababa waraana qaamolee lamaaniin miidhaa namoota nagaa irra gahu ilaalchisee odeeffannoo walitti qabataa jirachuu BBC'tti himeera.

Komishinichi qorannoosaa yeroo xumuruttis ummataaf akka ibsu qondaalli komishinichaa ergaa karaa barreeffamaatiin BBC erganiin himaniiru.

Jiraattonni ijaan argine jedhan maal himu?

Jiraataan magaalaa Mandii maqaa naaf dhoksaa jechuun BBC’tti dubbate akka jedhanitti, dhukaasni gaafa Wiixataa ganama jalqabee magalaa Mandii keessa dhagahamuu jalqabe.

‘‘Konkolaataan tokko socho’aa hin jiru, suuqiin hundi cufaadha, jiraattonnis manasaanii keessa jiru,’’ jechuun haala magaalicha ture gaafa Kibxataa BBC’tti dubbatan.

Yeroo BBC’n jiraataa kana dubbisaa turettis duubaan sagaleen dhukaasaa dhagahame ture.

Guyyaa Wiixataa Baankii Daldala Itoophiyaa dabalatee baankiiwwan sadii akkasumas waajjirii Itiyoo Telekoom magaalaa Mandii keessa jiru hidhattootaan saamamuu jiraattonni himaniiru.

‘‘Baankii Daldala Itoophiyaa argeera, baankii Siinqee dhiheenya kana hundeeffame argeera, Birhaan baankiis argeera,’’ jechuun saamamuu isaanii ibsan.

Haata'u malee dhimma kana irratti hanga yoonaatti baankiileen kunneen waan jedhan hin qaban.

Jiraataan biroo BBCn dubbisa garuu baankiiwwan saamaman lama ta’uu dubbatu.

‘‘Waajjirri mootummaa akkuma jiruutti barbadaa'e, kan hafe hin jiru,’’ jechuun gubachuu fi kaan saamamuu himan.

‘‘Waajjirri poolisii kan magaalaas, kan baadiyyaas, waajjira bulchiinsa Aanaa Mana Sibuus gubateera’’ jechuun himan.

Qabeenyi mancaa’e kunis hidhattootaa fi dargaggoonni hidhattoota waliin yaa’aniin raawwatamu BBC’tti himan.

Qondaalli mootummaa Godina Wallagga Lixaa nageenya isaaniif maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan tokkos, hidhattoonni aanolee kanneen keessa akka jiran BBC'f mirkaneessaniiru.

Qondaalli kun akka jedhanitti, hidhattoonni guyyaa Kibxataa Sadaasa 01, 2022 ganama irraa eegaluun erga humna waraanaa mootummaa waliin walitti dhukaasaa turaniin booda magaalicha galanii baankilee akka Awwaash, Baankii Daldala Itoophiyaa fi Baankii Siinqeee saaman.

Dabalataanis waajjiraalee mootummaa hedduu mancaasuun meeshaalee akka kompiteraa fa'i ammoo fudhachu himu qondaalli kun.

Kana malees naannoo magaala Najjoos dhukaasni akka ture fi magaalaa xiqqoon Dongoroo jedhamtu aanaa Laaloo Assaabii keessaa fi magaala Gimbiitti dhiyoo jirtus hidhattootaan qabamuu himan qondaalli kun.

Qondaaltonni mootummaa butamuu

''Hidhattoonni kaabinoota irratti xiyyeeffatu jedhamee waan sodaatamuuf hedduun isaanii baqatanii bahaniiru'' jedhan qondaalli godina Wallaga Lixaa maqaa isaanii akka hin dhahamne gaafachuun odeeffannoo BBC'f kennan kuni.

'‘Kaabinoota baay’een gara kaampii waraana mootummaa naannoo magaalichaa jiruutti baqatanii turan. Garuu hidhattoonni kaampicha yeroo cabsan loltoonni achi turan baqatanii bahan. Qondaalonni mootumaa achi keessa turan kaan hidhattootaan qabaman, kaan ammoo baqatanii bosona keessa turan,’’ jedhan.

Hidhattoonni namoota to’atan jedhaman kanneenis gara kaampii waraanaa isaanii godinicha keessa jira jedhamuutti fudhatanii deemu himu maddeen BBCn dubbise.

Dhimma qondaaltota mootummaa aanolee kanneenii hidhattootaan qabamuu fi saamicha raawwatame jedhame ilaalchise BBC’n yaaliin nageenya naannoo Oromiyaa irraa odeeffannoo qulqulleefachuuf yaaluus bilbila hin kaasan.

Dhimmicharratti kan gaafataman ajajaan WBO Marroo Dirribaa, qondaalota mootummaa hedduun isaanii kaampii waraanaa keessa buufachuun hojjetaa akka turaniifi humnoota isaanitiin to’atamu BBC'f mirkaneessaniiru.

Namoonni to'ataman kunneenis ''waan mootummaa waliin hojjataniif to'ataman. Ammas ummata waliin walitti araarsuun gara maatii isaaniitti ni deebifamu'' jedhan.

Qondaaloti kana dura hidhattootaan qabaman garuu achi buuteen isaanii dhabamuu maatiin isaaniifi jiraattonni himaa turan.

Deebiin bakka bu'aa WBO maali?

Yeroo garaa garaatti badiiwwaniifi saamicha qabeenyaa naannoo Oromiyaa bakkeewan hidhattoonni qabatanitti mudatuuf mootummaan qaamooleedhuma kanneen himata.

Tibbanas aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandiittis hidhattoonni akkuma magaalicha galaniin baankiilee saamamuu, wajjiiraalee mootummaa gubachuu fi mancaa'uu maddeen irraa BBCn odeeffateera.

Dubbbii himaan WBO Obbo Odaa Tarbii humni isaanii aanaalee wallagga Lixaa muraasa to'achaa jiraachuu himan.

Kaayyoo waraana gaggeessaa jiranii yoo himan kaampii waraana mootummaa aanolee kessa jiran qabachuudha jedhan.

''Humna waraanaa mootummaa naannicha keessa jiru guutummaatti diiguudha,'' jedhan.

Kaampii waraanaa irratti akka xiyyeeffatan haa himan malee qabeenyi gubachuu fi saamamaa jiraachuu jiraattonni himaniiru.

Dubbii himaan hidhattootaa garuu badii kana ni waakkatan.

''Dhufaatii keenya sodaatanii kaabinee fi humni waraanaa mootummaa saamanii achii bahan. Waajjiraaleen bulchiinsaa kaampii waraanaa tahanii turaniiru. Waraana gaggeesinee yoo kaampicha qabannu qabeenyi manca'eera,'' jedhan.

Haa ta'u malee, namoonni BBC'n dubbise ammoo qondaalonni mootummaa ofiiyyuu baqatanii akka bahan himan.

Odaa Tarbii yeroo humni isaanii bakka tokko to'achu jeequmsi yeroo gabaabaaf jiraata. Namoonni carrichatti fayyadamuun saamicha raawwatan jiru jechuun himu.

Waraanni naannoo magaalatti humnoota lameen gidduutti yeroo gaggeeffamu namootni nagaan miidhamu.

Magaala to'achuun maaliif barbaachise kan jedhuuf Odaan kaayyoon oppireeshinii keenya kana duraa magaala gallee kaampii waraanaa haleeluun meeshaa fudhatanii bahuu ture jedhe.

Kan amma gaggeessaa jiran garuu caasaa mootummaa diiguun bulchiinsa caasaa haaraa waliin hojjechuudha jechuun dubbatu.

Qondaalota mootummaa hidhattootaan ugguraman ilaalchisee ''qondaalonni mootummaa qorannoodhaaf qabamu malee miidhaan isaan irra gahu hin jiru. Gara maatii isaaniitti ni deebisna. Mirgi isaanii akka eegamu goona,'' jedhe.

Ammaaf lakkoofsa namoota to'annaa isaanii jala jiranii hin ibsine.

Mootumaanis bakkeewwan hidhattoonni kunneen keessa socha'aniitti, hidhattootatti quba qabuurra darbe nageenya uummataa kabajiisaa akka hin jirree jiraattoonni BBC dubbise yeroo garaa garaatti ni komatu.

Dabalataan humni nageenyaa mootummaa namoota nagaa hidhattoota deeggartu jechuun dararuu fi ajjeesuun yeroo hedduu akka jiru yeroo adda addaatti BBC'n maatii miidhamtootaa irraa odeeffateera.

Godinaalee Wallaggaa keessatti waggoota arfan darban keessa qondaalonni mootummaa hedduun hidhattoota kanneen akka ajjeefamaa turan mootummaan naannoo Oromiyaa himaa ture.

Hidhattoonni mootummaan ABO-Shanee jechuun shororkeessaatti galmeesse kunneenis duraan irra caalaa Lixa Oromiyaa fi Kibba keessa akka socho’an himulleen, amma garuu godinoota naannichaa kaaniittis akka babal’ataa jiran himama.

Ji’a darbe keessa naannoo Oromiyaa Godinaalee Wallagga Bahaa, Shawaa Lixaa fi Shawaa Bahaa keessatti haleellaa qilleensarraa mootummaan hidhattoota kanneen irratti raawwateen lubbuun lammiilee nagaa darbuu jiraattonni BBC'tti himuun ni yaadatama.

Hidhattoonni WBO jedhaman kunneen, damee waraanaa duraanii ABO yoo tahan, erga paartichi qabsoo nagaa gaggeessuuf gara biyyatti galee booda maqaa isaanii ABO-WBOtti jijjiiruun bosonatti hafuun mootummaa Itoophiyaa waliin wal waraanaa jiru.