Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee haleellaa qilleensarraa Aanaalee Cobii fi Nuunnuu Qumbaa hanga ammaa maal beekna?
Dhiheenya kana naannoo Oromiyaa Godinaalee Wallagga Bahaa, Shawaa Lixaa fi Shawaa Bahaa keessatti haleellaa qilleensarraan lubbuun lammiilee nagaa darbaa jiraachuu jiraattonni BBC'tti himan.
Haleellaa jedhamu kana ilaalchisee mootummaan kan jedhe jiraachu baatulleen, Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) ibsa baaseen, ''humni mootummaa haleelaa qilleensarraa Aanaalee Meettaa Walqixxee, Gindabarat, Fantaallee, Nuunnuu Qumbaa fi kaan keessatti raawwateera'' jedhera.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaas waa'ee haleellaa jedhamee kanarratti gaafatamee, qorachaa jiraachu BBCtti himeera.
Jiraattoota keessaa kanneen haleellaa kana mootummaatu Waraana Bilisummaa Oromoo haleeluuf raawwate jechuun ibsan jiru.
Gareen hidhattootaa gamasaaniin haleellaa mootummaan lammiilee nagaarratti raawwateen hedduun ajjeefamuu ibsu.
Keessattu haleellaawwan Aanaalee Godina Shawaa Lixaa- Meettaa Walqixxee fi Cobiitti raawwatamaniin 'namoonni 100 ol' ajjeefamuu dubbi himaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Odaa Tarbii toora tiwitara isaa irratti ibseera.
Viidiyoon wayita namoonni (dargaggoonni) uffannaa walfakkaatu (yuunifoormii) uffatan haleellaadhaan miidhamanii kukkufanii jiran agarsiisuu miidiyaa hawaasummaarratti hedduu qoodama.
BBC viidiyoo kana addatti ofiin hin mirkaneessine. Haata'u malee firoottan namoota maatiin jalaa miidhamee dubbiseera.
Jiraataan Aanaa Meettaa Walqixxee tokko Obboloonni sadi kanneen kutaa 10 fi kutaa 12 baratan haleellaa qilleensaan duraa ajjeefamuu hime.
''Roobii darbe lola magaalaa Gooroo keessatti raawwateen ajjeefaman,’’ jedhe.
Akka jiraataan kun jedhutti obboloonni isaa sadan qe’eesaanii baadiyyaa jiru irraa ba’anii magaalaa Gooroo taa’anii baratu.
Wayita haleellaan raawwatus mana kireeffatanii jiraatan keessa turan jedhe.
''Haleellaan kun wayita hammaatu barattoonni gara manaa galuu eegalan. Haleellaa kanaan qaamni wal waraanu wal miidhe. Isa booda humni hidhate namoota nu jalaa miidhaman nuu qabaa jedhanii humnaan barattoota manaa yaasuu eegalan. Akkuma obbolooti kiyya manaa ba’aniin humni qilleensarraa dhufee obboleeyyan kiyya fixe,’’ jechuun haala ture ibse.
Akkanni jedhutti humnoonni hidhatanii bosona jiran miseensotasaanii waraana keessatti miidhaman akka baataniif barattoota mana keessa dhokatan dirqamaan baasaa turan.
''Isaan mana keessa turan. Warri hidhatanii bosona jiran namoota jalaa miidhaman akka kaasaniif balbala itti bananii ijoollee dirqamaan gadi baasan. Ijoolleen akkuma xiqqoo magaalaa keessaa gadi baateen rasaasa ibiddaan gubattee dhumte.’’
Namni kun obbolootasaaf hangafa. Ofii barnootasaa xumuree waan argate hojjetee isaan gargaara. Isaan of biraa dhabuutti hamileen guddoo akka isa cabe hime.
''Obboloota kiyya argee hin awwaallanne. Harcaatuuma isaaniillee dhabne.''
Akka jiraataan kun jedhutti humni hidhatee bosona jirus hedduu waan ta’eef uummataan adda baasuun hin danda’amne.
''Humni bosonaas uummata keessa baayyatee waan jiruuf qilleensarraa akkamiin adda baasanii rukuturee. Walumatti qabanii rukutan. Obboloota koo qofa miti. Namni baayyeen dhumeera.''
Amma bakka sana mootummaa moo qaama hidhatetu to’atee jira gaaffii jedhuuf: ''Ammaaf wanti adda ba’e hin jiru, akkasumatti callisee jira. Hunduu riphee jira,’’ jedhe.
Jiraataan kun akka jedhutti, obboloonnisaa kana biraan lama ammoo maaliif reenfa kaasuu dhuftan jedhamuun hidhaa jiru.
''Obboloonni kiyya wayita reenfa obboloota keenyaa kaasuuf deeman qabamanii hidhaman. Isinis deggartoota warra hidhatanii bosona jiraniiti ittiin jedhan. Amma maal keessa akka jiran hin beeknu,'' jechuun kunimmoo gadda maatiitti dabaluu hime.
''Kaan reenfasaaniillee dhabnee, kaan ammoo jiraattuu dhabne. Gadda hamaatu maatii mudate.''
Nuunnuu Qubbaa-'Uummatni Sodaa keessa jira'
Iddoowwan haleellaan diroonii itti raawwataman jedhaman keessaa kan biraan Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa magaalaa Adareeti. Magaalaa kanaafi naannawasheetti haleellaan Jimaataa fi Sambata darbe mudachuu jiraataan magaalattii tokko BBC'tti himaniiru.
Ga'eessi umriinsaanii waggaa 40oota gara jalqabaa keessa ta'e kun, haleellaa Jimaataan waraana hidhatee bosona jiru (Waraana Bilisummaa Oromoo) fi ijoolleen loon tiksaa turte ajjeefamuu ibsan.
Guyyaa itti aanu Sambatas haleellaa walfakkaataa magaalattii naannoo Kafaa Bar jedhamutti raawwateen daa'imman du'uu ibsan jiraataan kun.
Akka namni kun jedhanitti hidhattoonni magaalattii fi baadiyyaa aanichaa keessa heddumminaan waan jiraniif haleellaan achirratti xiyyeeffate.
''Kanaan dura wayita waraanni Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhaniin magaalattiitti baayyinaan seenan hidhattoonni mootummaa hundi gadhiisanii gara magaalaa guddoo aanaa, Nuunnuutti godaanan'' jedhan.
''Uummanni amma sodaa hamaa keessa jira. Waan argee hin beeknetu mudate. Ijoolleesaa fageessee erguu dhiiseera. Maaliif yoo jette, daa'imman bakkeetti du'aniiru waan ta'eef. Amma kaan baqatee, kaan mana cufatee jira,'' jechuun haala yeroo ammaa magaalattii keessa jiru ibsan.
Dubbi himaan Waraana Bilisummaa Oromoo Odaa Tarbii, Onkoloolessa 20, 2022 irraa eegalee haleellaawwan diroonii Oromiyaa bakkeewwan garaagaraatti raawwatamaa jira jechuun tiwiitarii isaarratti barreesse.
Qaamooleen mootummaa waan jedhe jiraa?
Waa’ee haleellaa Godina Shawaa Lixaatti raawwate jedhame kanaa qulqulleeffachuuf Hoogganaa Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Cobii Obbo Silashiitti bilbillus, bilbila kaasanii osoo deebii nuuf hin kennin nurratti cufan.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) gamasaan, humni mootummaa haleelaa qilleensarraa Aanaalee Meettaa Walqixxee, Gindabarat, Fantaallee, Nuunnuu Qumbaa fi kaan keessatti raawwateera jechuun Onkolooleessa 20, 2022 ibsa baaseen himateera.
BBCn haleellaa raawwatamee fi lakkoofsa namoota ajjeefaman jedhaman ilaalchisee qaama mootummaa irraa ykn madda walabaa irraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Ebla darbes Godina Shawaa Lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti lola mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti gaggeefameen walqabatee haleellaa qilleensarraan raawwatameen lubbuun lammiilee nagaa darbuu jiraattonni BBC'tti himanii turan.
Haata'u malee, Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa himannaa kana kuffisuun, ''haleellaan xiyyaaraa gaggeeffames ta'e, namoonni nagaa bakkee jedhameetti ajjeeffaman hin jiran'' jechuun BBC'tti himanii turan.
''Humni Shanee haleellaa xiyyaaraa barbaaachisu naannicha keessa hin jirus,'' jedhanii turan qondaalli kun.
Abbaan Adeemsa hojii Kominikeeshinii Shawaa Lixaa Obbo Warquu Hundeessaa ammoo motummaan godinichatti aanaalee garaa garaa keessatti opareshinii gaggeessaa jiraachuu dhugaa bahanii turan.
Gareen hidhatee bosona jiru- Waraanni Bilisummaa Oromoo duraan Godinaalee Qellam Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu keessa socho'uun beekamu, yeroo dhihoo as Godinaalee Shawaa arfan keessatti babal'achaa jiraachuu ibsa.
Keessattuu Shawaa Lixaa keessa bal'inaan socho'aa jiraachuu fi achirraas magaalaa Finfinneetti dhihaachaa akka jiru qondaaltonni garee kanaa ibsaa turan.
Sochiin waraanaa heddummaachuun lammiilee nagaa dhumaatiif gaaga'eera, qabeenyi barbadaa'uu fi buqqaatiin lammiilee Godina Shawaa Lixaa aanaalee garaagaraa keessatti heddummaateera.