Qeensi keenya haala fayyaa keenyaa akka himu quba qabduu?

Bifti qeensa namaa fayyaa waliigalaatiif murteessaa ta'uu himu oggeessoonni fayyaa. Kutaan qaamaa kun rakkoo fayyaa adda addaa agarsiisuu akka danda’a himu.

Jijjiiramni halluu qeensaa dhukkuboota hedduudhaaf akeekkachiisa ta’ee tajaajila waan ta’eef xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta'uu gorsu.

Namni jijjirama halluu qeensa ofirratti arge tokkos ogeessa bira dhaquudhaan marisiisuun akka barbaachisu gorsu oggeessoonni damee kanaa.

Dhukkuboonni gariin adda baafamuudhaaf yeroo fudhachu malu, ''garuu ammoo dhukkuboonni miilaafi harka irratti mul’atan jiru,'' jetti Dr. Aginees Maayiluu, Doktarri hospitaala Kooptikii Naayirobii hojjatan.

Rakkoon fayyaa qeensa irratti mul'achuun beekamaan keessaa dhibee tiruu, gogaa, kalee, rakkina fi kkf eeruun ni danda'ama.

Haata’u malee, garaagarummaan qeensa yeroo hunda rakkoo guddaa jechuu akka hin taanees ni dubbatu oggeettiin tun.

“Qeensi quba miilaa akka gaariitti kunuunfamuu waan hin dandeenyeef yeroo tokko tokko rakkoo qabaachu mala. Fakkeenyaaf, haalluun qeensa miila keenyaa keelloo ta’uu danda’a,” jetti ogeettin gogaafi piroofeesara Fayyaa Yunivarsiitii Kaatolikii Paaraanaatti Vaaleriyaa Zaneelaa.

Haata'u malee mallattoolee qeensa namaa irratti mul'atan waan rakkoo fayyaa agarsiisuu danda’aniif xiyyeeffannoo kennuufiin barbaachisaa akka ta'e gorsiti.

Qeensa adii

Akka oggeessonni jedhaniitti, namni tokko jijjiirama halluu qeensaa hin baratamne wayita ofirratti arguutti, dafee ogeessaan ilaalamuu qaba.

Fakkeenyaaf, qeensi halluu adii, namni tokko dhukkuba paaraasaayitiidhaan dhufu maaykoosiisin jedhamuun qabamu isaa agarsiisuu danda’a jedhan.

Akkasumas mallattoo walfakkaataan, mallattoo dhukkuba psoriasis jedhamu ta’u danda’a. Kunis dhukkuba gogaa kan yeroo baay’ee jilba, ciqilee fi gogaa mataa irratti cittoo, gogaa ciccitaa ta’ee uumuudha jetti.

Hanqinni soorata tokko tokko, hanqinni nyaataa fi nyaata pirootiinii xiqqaa ta'es rakkoo kana fidu danda’a jetti oggeettiin tun.

Kana malees, “qeensa adii qabaachuunis hir’ina dhiigaa agarsiisuu danda’a. Kun hanqina miniraala sibiila jedhamurraa kan maddu yoo ta’u, qeensi boca fal'aana akka qabaatuu fi akka shuntuuruu gochuu danda’a,” jetti Dr. Maayiluun.

Mallattoolee qeensarratti mul'ataniif agarsiiftuu fayyaa keenyaa ta'e kan biraas jiraachu kaasti oggeettiin tun.

Mallattoolee kanneen irratti hundaa'un wallaansa argachuuf ammoo oggeessa fayyaa marisiisuun murteessaadha jedhu. Hakiimonnis sababa rakkoo kanaa qorachuun adda baasu.

Qeensa keelloo

Qeensii haalluunsaa keelloo ta'e kan dhaalootaan ykn dulloomuu qeensa kan argisiisu ta'u akka danda'u dubbattu oggeessoonni.

Akkasumas qeensi haalluu jijjiiruunsaa maaykoosii fi dhibee fangasii adda ta’een kan dhufe ta’uu danda’a jedhu.

Haalluun keelloo akkanaa kunis yeroo tokko tokkoo kan dhibeewwan akka psoriasis, HIV fi dhukkuba tiruu agarsiisadha.

Namoonni tamboo xuuxanis sababii qeensi isaanii kallattiidhaan aara sijaaraatiif saaxilamufuu, haalluun qeensa isaanii jijjiiruu danda'an.

Qeensa tuqaa adii qabu

Tuqaaleen adiin qeensa irratti akka citaa xixiqqootti qeensa qubaa yookaan miilaa irratti mul'achuu danda'u. Tuqaaleen kunneenis dhukkuba gogaa ‘atopic dermatitis’ jedhamuun beekamu waliin walqabata jedhu oggeettiin tun.

Dhukkubni kunia gogaan akka gogu, ita’uu akkasumas miidhaa rifeensa fida jedhan.

Tuqaaleen akkasi kunis irra caalaa daa'imman xixiqqoo irratti kan mul'atu yoo ta'u, nama umurii kamiyyuu keessatti agaramurratti mul'achuu danda'a.

Qeensa bifa cuquliisa qabu

Qeensi bifa cuquliisaatti geeddaramu yeroo baayʼee kan hin mudannee taʼus, darbee darbee ammoo sababii qoricha tokko tokko fayyadamuutiin wal qabte kan dhufu taʼuu kaasu.

Qorichoota kanaaf madda ta'an keessa qorichi finnisa yaaluuf kennamuu fi qoricha busaa yaaluuf kennamu kan eeramaniidha.

Haalli akkasii yeroo nama mudateetti atattamaan hakiimii mariisiisuun, qoricha sana dhaabuun wallaansa haaraa itti fufuun barbaachisaa ta’uu gorsu oggeessoonni.

Qeensa infekshinii fangasiin qabame

Infekshiniin qeensaa yeroo baayyee kan maaykoosis infekshinii fangasiin dhufu yoo ta’u, erga wallaansa argataniin bodalleen erga yaaliin dhaabbateen booda deebi’ee mul’achuu danda’a ta'a.

Hordoffiin sirnaan kan hin taasifamne yoo ta'e, qeensi tun irra deddeebiin miidhamuu danda’a.

Rakkoon kun irra caalaa qeensa miila kan mudatu yoo ta'u, namni rakkina akkasii mudate tokkoos yoo xinnaate hanga ji'a jahaatti yaalamuutu barbaachisa.

Namoonni rakkoo akkanaa qaban, qoricha sirnaan fudhachuufi wal’aansi hanga xumuramutti gorsa hakiimaa of eeggannoodhaan hordofuu qabu.

Yeroo garii qeensi bal’dhate, ispoonjii fakkaataa ykn dhiita’ee akka fal'aana garagalfameetti mul’achu danda'a. Rakkoon kunis ‘Nail clubbing’ jedhama.

Haalli akkasii kunis qeensa muraasa ykn hundasaanii irratti dhiibbaa uumuu danda'a. Rakkoon akkasii kunis yeroo baayyee, quba guddaa irraa jalqabe gara qeensa birootti babal’ata.

Walumaagalattis, sababii ykn maddawwan qeensi keenya itti haalluun saa jijjirame hubachuu fi rakkinichaaf yeroodhaan wal’aansa barbaachisu taasisuun, jireenya fayya qabeessa ta’e jiraachuuf akka nama gargaaruu gorsu oggeessoonni.