Waa'ee vaayirasii haaraa Chaayinaatti mudatee maal beekna?

Madda suuraa, Getty Images
Torbanoota muraasa darban keessaa Chaayinaatti suuraan namoonni hedduun maaskii kaawwatan miidiyaa hawaasaa irratti hospitaaloota keessatti mul'achuunsaanii weerara gara biraatuu ka'ee laata yaaddoo jedhu uumeera.
Vaayirasiin qufaa waliin wal fakkaatu 'Human Metapneumovirus (HMPV) keessattuu daa'imman irratti bal'inaan mudachuu Beejiing amantee jirti. Kan mudates jijjirama waqtii waliin wal qabate ta'uu himte.
HMPV akka COVID-19 miti jechuun ibsan ogeessoonni fayyaa hawaasaa. Vaayirasiin kun kan waggoota kudhaniif ture ta'uu kaasuudhaan, vaayirasichis daa'imman hunda haala jechisiisuun dhalatanii hanga umurii waggaa shaniitti kan miidhu ta'uu dubbatan.
Vaayirasichi daa'immaniifi namoota dandeettiin dhukkuba dandamachusaanii gadaanaa ta'an tokko tokkorratti dhukkubbii cimaa hordofsiisuu danda'a.
Waa'ee vaayirasii kanarratti dhimmoonni beekuu qabnu kan itti aananiidha.
HMPV'n maaliidha? Attamiin daddarba?
HMPVn vaayirasii hanga tokko qaama argansuu gara olii miidhuudha. Namoota hedduudhaaf qufaadhaan baayyee garaagarummaa hin qabaatu.
Bara 2001tti yeroo jalqabaatiif Neezarlaanditti kan argame yoo ta'u, vaayirasichis walitti dhufeenya kallattii nama dhukkubsate waliin ykn bakka vaayirasiin faalameen namootarraa namatti darba.
Namoota dhukkubbichaan qabaman irra caalaa isaanii irratti mallattoolee mullatan keessaa qufaa, qaama gubaa fi funyaan ukaamamun ni eeramu.
Daa'imman umuriinsaanii waggaa lamaatiin gadiitii kaasee namoota umuriin jaaraniifi kanneen kaansarii sadarkaa olaanaarra gahe qaban, akkasumas namoonni dandeettii dhibee dandamachuunsaanii gadaanaa ta'e caalaa saaxilamoo ta'usaanii Siingaapooritti hakiimiin dhukkuboota daddarboo Hiisuu Lii Yaang ibsaniiru.
Yeroo ammaattis, ''baayyeen hospitaalaatti kunuunsi barbaachisulleen kanneen vaayirasichaan du'an baayyee namoota xiqqoodha'' jedhan Dr Hiisuun.
Vaayirasichaa maaliif Chaayinaatti dabalaa dhufe?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkuma dhukkuba sirna hargansuu hedduu, HMPV tibba qorraa akka baayyatu dubbatu ogeeyyiin. Vaayirasichi babalachuuf waqtiin qorraa akka mijatuu fi yeroosittis namoonni yeroo baayyee mana keessa waan turaniif nama tokko irraa gara nama biraatti salphaatti akka darbu ibsan.
Kaaba Chaayinaa keessatti, tatamsa'inni vaayirasii HMPV amma mul'achaa jiru kanaa kan babal'ate hanga Bitooteessa dhufaatti turuu danda'a jedhamee eegama. Kunis haala qilleensa qorraa waliin akka wal qabatu himame.
Yunivarsitii Filindars Awustiraaliitti ogeettiin dhibee daddarboo, Jaakliin Isteefans, dhugaa dubbachuuf Chaayinaa dabalatee, biyyoonni hemisfeera kaabaa hedduun, tamsa'inni HMPV keessatti dabalaa jiru jedhan.
''Kun yaaddeessaa ta'ulleen garuu tatamsa'inni dabaluunsaa tarii waqtii gannaatiin kan wal qabate ta'uu danda'a'' jetti,
Odeeffannoon aanga'oota fayyaa Ameerikaafi UK irraa argame akka agarsiisutti, biyyoota kanneen baatii Onkololeessaa bara darbee irraa kaasuun tatamsa'inni vaayirasii kanaa haala olaanaan mudataa jira.
HMPV'n Kooviidiin wal fakkaataa? Hangam yaaddeessaadha?
Weerara akka koovid eeguun baayyee kan harbeeffamedha jedhu ogeeyyiin. Weerarri kooviid akkaataa idilee ta'een kan dhufu ta'uu hubachiisuun, kunis HMPV'f akka hin taane ibsaniiru.
HMPV akka addunyaatti kan argamu yoo ta'u, waggoota kurnaniif kan turedha. Kana jechuunis, namoonni addunyaa guutuutti argaman ''sababii kanaan dura saaxilamuu isaaniitiin dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu sadarkaa hanga ta'e ni qabu'' jedhu Dr Hisuun.
''Daa'immanni hunda haala jedhamuun hanga waggaa shan guutanitti yoo xinnaate yeroo tokko HMPVn ni miidhamu'' jedhu Yunaatid Kingidamiitti pirofeessarri Wallaansa Yunivarsitii Isti Ingiliyaa (University of East Anglia), Pool Haantar.
"Kanaaf, yeroo ammaatti dhimma yaaddeessaa addunyaa ta'usaatiif mallattooleen kan jiran natti hin fakkaatu.''
Bakkeewwan namoonni itti baayyataniitti maaskii kaawwachuu, carraan namoonni dhukkubaaf saaxilamusaanii olaanaa itti ta'e bakkeewwan namoonni itti baayyatan irraa fagaachuu, qulqullina harkaa eeggachuu fi talaallii qufaa fudhachuufi of eeggannoo idilee kan kana fakkaatan akka gorfamu dubbatu Dr Hiisuun.












