Korri UN yeroo waraanni Gaazaafi Yukireen hammaataa jirutti taa'amu Tiraampiin ofitti deebisuu danda'aa?

Madda suuraa, Reuters
Torban dhufu hoggantoonni addunyaa Yaa'ii Waliigalaa Dhabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiw Yoorkitti taa'u.
Bara bulchinsa Tiraamp dhiibban UN nageenya kabachiisuu fi tarkaanfii fudhachuu irratti qabu laaffateera. Tiraampis qofaatti jijjiirama yaadan milkeessuuf rakkataa jiru.
Yaa'ii torban dhufuu kana irratti Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, kan waraana Gaazaa fi Yukireen keessatti hammaataa jiru, warri dhihaa mootummaa Filisxeemiif beekamtii kennuun dabaluu fi waldhabdee niwukilaraa Iraan waliin qaban dabalatee dhiibbaa guddaa keessa seenan, gara gamtichaatti deebi'uu maluu kan jedhu eegamaa jira.
Dhaabbanni miseensota 193 qabu kun ministeerota biroo hedduu waliin guyyoota jahaaf hoggantoota biyyoota gara 150 ta'an irraa guyyoota jahaaf kan wal ga'an ta'uu barreessaan olaanaa UN Antooniyoo Guterees kan himan.
Guuteress," yeroo haalli hammaate kana keessatti walitti dhufaa jirra'' jedhan
"Qoqqoodinsi ji'oopoolitikaa guddachaa jira. Walitti bu'iinsi akka malee hammateera. Itti gaafatmummaa fudhachuu dhabuun dabalaa jira, pilaanetii kana irratti akka malee hoo'insi dabalera".
"Akkasumas tumsi idil-addunyaa dhiibbaa bara jireenya keenya keessatti argine hin beekne jala jira."jechuun dubbatan.
Yaa'ii waliigalaa 80ffaa bara kanaa irratti dhimmi Tiraamp ijoo marii ta'a.
Tiraamp gumaacha US, UN'f gootu hir'isuuf kan gaafatan, walitti dhufeenya US Mana Maree Mirga Namoomaa UN waliin qabdu dhaabsisaniiru, maallaqa dhaabbata gargaarsa Falasxiin UNRWAf kennitu akka dhaabbatufi UNESCO keessaa ba'uufaa kan ilaallatudha.
Waliigaltee haala qilleensaa Paaris fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa ba'uuf akka yaadullee ifa godheera.
Tiraamp Kibxata yaa'ii kana irratti haasawa taasisuuf kan jiran yoo ta'u, marsaa lammaffaaf ji'oota saddeet booda gargaarsi alaa US irratti hir'ina guddaa kan qabu ta'uu sirriitti hubatamuu irratti deebii kennu jedhan Guutres
Sababa yaalii baasii hir'isuu Tiraampiin rakkoo namoomaa addunyaa irratti kan hammaate ta'uu fi egeree UN irratti yaaddoo uumuu ibsan.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daarektarri U.N. Garee Rakkoo Idil-addunyaa Riichaard Gowaan, "Tiraamp yaa'ii waliigalaa kan irratti ni gammada jedheen yaadaa. Xiyyeeffannoo hoggantoota biroollee ni hubata," jechuun eeran.
"Haalota rakkoo ta'an sirreessuu fayyadamuun bu'awwaan hedduu galmeessen dhaadachuu fi tarii ammas, badhaasa Noobeelii nagaa akka isaaf malu dhimmicha dhiyeessuuf akka jirun shakka."jedhe.
Tiraamp UN ''dandeettii guddaa'' akka qabutti ibsu garuu ''gocha isaa fi dubbiin isaa walitti dhufuu qaba'' jedhu.
Bara 2017 hanga 2021tti bara hojii Tiraamp marsaa jalqabaa irratti ijjannoo biyyootni hedduun isa gargaaruuf qaban irratti kan komate yoo ta'u, qaamni addunyaa walitti bu'iinsa adda addaa keessatti nagaa gidduu seenuuf yaaluun isa gargaaruu dhabuu isaa himate.
Guterres akka jedhanitti, "UN gidduu seenummaa nagaa irratti tattaaffii baayyee cimaa qaba ... garuu amma ulee of harkaa hin qabu jedhan."
Manni Maree Nageenyaa UN qaama UN qoqqobbii kaa'uu danda'u yoo ta'u, sababa aangoo sagalee sagaleen kuffisuu (veto power) US fi Raashiyaa irraa kan ka'e dhimmoota Gaazaa fi Yukireen irratti laamsha'ee jira.
"Ameerikaan badhaasa fi adabbii lamaanuu fayyadamti. Kanaaf, haalawwan murtaa'an keessatti, yoo lamaan walitti makuu dandeessan, jalqabbii nagaa tokko tokko yoo xiqqaate milkaa'ina akka argamsiisu mirkaneessuuf mala baay'ee bu'a qabeessa ta'e uumuu dandeenya jedheen amana," jechuun Guterres ibseera.
Guutersi fi Tiraamp erga Tiraamp baatii Amajjii keessa deebi'anii aangoo qabatanii as torban dhufu yeroo jalqabaatiif ifatti wal arguuf jiru.
Hoggantoonni walitti dhufaa jiru yeroo waldhabdeen loltoota Israa'elii fi Hamaas gidduutti Gaazaa keessatti mul'atu waggaa lamatti dhihaatee fi rakkoon namoomaa naannoo Filisxeem keessatti hammatee mul'atuttidha.
Kana malees haalli beela addunyaa fi hongeen akka jalqabee akkasumammoo dhuma baatii kanaatti akka babal'atu eegama.
MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu - kan Gaazaa keessatti yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti raawwatame jedhamuun Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaatiin barbaadamaa kan jiran yoo ta'u, Israa'el garuu kana mormti.
Jimaata dhufu Yaa'ii Waliigalaa irratti haasa'uuf beellama qaba. Israa'el haleellaa lafoo yeroo dheeraaf karoorfataa turte Kibxata darbe magaalaa Gaazaa irratti bantetti.
Ambaasaaddarri Israa'el UN Daani Daanoon walga'ii Niiw Yoorkitti gaggeeffamu kana ilaalchisuun yaada kennaniin, "Waraanni kun namoota butamanii Gaazaatti hafan irratti yaada furmaataa utuu hin kenniin akka hin xumuramne ammas addunyaa ni yaadachiifna."jedhan
Yaa'ii Waliigalaa osoo hin jalqabin dura hoggantoonni wixata dhufu walgahii Faransaayii fi Sa'uudii Arabiyaatiin qophaa'u irratti wal argu, kunis furmaata biyyoota lamaa Israa'elii fi Falasxiinota gidduutti akka uumamu humna uumuuf kan kaayyeffate ta'a.
Awustiraaliyaa, Beeljiyeem, Biriteen, Kaanaadaa fi Faransaay mootummaa Filisxeemiif beekamtii ifatti kennuuf waadaa galaniiru, haa ta'u malee gariin haal-duree kaa'aniiru.
Preezdaantiin Filisxeem Mahmuud Abbaas qaamaan hin hirmaatan. Michuu cimaa Israa'el kan taate U.S. viizaa akka isaaf hin kennine ibsiteetti, kunis UN irratti qeeqa guddaa kaasera.
Yaa'ii kana irratti dhimmi waraana Israa'elii fi Filisxeem, waraana Raashiyaa fi Yukireen keessatti itti fufee jiru, dhimma qoqqobbii Iraan irra kaa'amee kanneen irratti xiyyeeffatamu akka ta'e eeramaa jira.












