Buunyaa falmii kaaserratti waan hanga ammaa beeknuufi wallaalle

Madda suuraa, BBC Sport
Dorgomtuun buunyaa lammii Xaaliyaanii Anjelaa Kaariinii morkattuu ishee lammii Aljeeriyaa Imaan Kaliif waliin morkattee, ''lubbuu koo olfachuun qaba'' jettee injifatamu ishee sekondii 46tti labsitee, tapha keessaa baate.
Kaliif bara darbe ulaagaa shaampiyoonaa addunyaa hin guutan jedhamuun dorgomtoota buunyaarraa hambifaman keessaa tokko.
Barana Olompikii Paarisirratti atileetota lama bara kanaa akka hirmaatan eeyyamameef keessaati.
Kaliif Shaampiyoonaa addunyaa Hindiitti dorgomamerratti hammi teestistironii ishee ol'aanaadha jedhamtee dhorkamte.
Garuu dorgommii buunyaa Olompikii Paaris irratti koree Olompikii idil-addunyaatu akka hirmaattu eeyyameef.
Dargaggeettiin ganna 25 lammii Aljeeriyaa kun Olompikii Tookiyoorratti hirmaattetti.
Taateen mudate maal ture?

Madda suuraa, Getty Images
Sekondii 30 jalqabaa keessatti aboottee Kaliifin kan jaanjofte Kaariin, dirree dorgommiirra qarqaratti baatee leenjisaa ishee waliin haasa'uu eegalte.
Gara dorgommitti erga deebitee sekondii muraasa booda gara qarqaraatti deebitee morkii sana akka itti hin fufne beeksiste.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaan murtii harka Kaliif ol kaasanii mo'achuu ishee hin labsiin dura Kaariiniin "Kun sirrii miti" jettee dubbattetti.
Atileetiin tapha buunyaa lammii Xaaliyaanii kun waltajjiirra jirtus ta’ee fi booda miidiyaaf ibsa wayita laattu boo’aa turte.
''Taphicha xumuruu hin dandeenye. Yeroon funyaan koo garmalee na dhukkubu biyyi koo hin mufanne jedheen, abbaan koo hin mufanne ofiin jechaa ture. Garuu addaanin kute,'' jechuun Kaariiniin BBC Ispoortiitti himte.
''Tapha jireenya koo keessatti morkii isa guddaa ta'uu danda'a ture. Haa ta'u malee, lubbuu koo eeguun qaba. Sodaa tokkollee hin qabu.
Dirree dorgommii hin sodaanne. Garuu ittifufuu waanan hin dandeenyeef, addaan kutuuf dirqame” jette.
Muummichi MinistIra Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniin ''namni hundi dirree walqixa ta'eetti dorgomuu qaba. Gama kiyyaan taphi kun dirree wal qixaarratti kan dorgomame natti hin fakkaatu,'' jechuun miidiyaa biyya isaatti dubbatan.
Waa'ee Kaliif gaafatamte Kaariiniin, "hanga dhumaatti akka ittifuftun hawwaaf" jette.
Akka gammaddun barbaada. Ani namoota biroo balaalefachuuf as hin dhufne,''jette.
''Warqee argachuuf as dhufe,'' kan jetti Kaliif, tapha morkii 50 irratti hirmaattee, taphoota 9 mo'amte.
Nama kamiinu waliin nan morkadha,'' jechuun BBC'tti himte.
Dubbi-himaan koree Olompikii Maark Adamsi dhimmi atileeletii kanaa jijjiirraa koorniyaa waliin kan wal hin qabanne ta'uun beekamuu qaba jedhan.
Shaampiyoonaa addunyaa bara darbeerratti ulaagaa koorniyaa hin guunne jedhamuun meedaaliyaa naasii kan irraa fudhatame Lammiin Taayiwaan Liin Yu-ting Jimaata Olompikii Paaris irratti hirmaatti.
Kaliif fi Lin yeroo dhalatan dhiiraamoo dhalaa turan?
Kaliif yeroo hunda dubartootaa bakka buute dorgomaa turte.
yoo ta'u,Koreen Olompikii idil addunyaaa(IOC)atileetii dubartii ta’uusheetti beeka.
Dubbi himaan Koree IOC Maark Adamsi Jimaata darbe, ''Dorgomtuun buunyaa lammii Aljeeriyaa dubartii taatee dhalatte, dubartiidha jetteetu galmoofte, akka dubartiitti jiraatte, akka dubartiitti bunyaatti taphatte, paaspoortii dubartii qabdi,'' jedhan.
"Kun dhimma saala jijjiirrachuu miti. dhiiratu dubartiin waliin wal lole jedhame burjaajiin uumamee jira.
Kun akkas miti. Sana irratti waliigalteetu jira, saayinsiidhaan yool ilaalame kun dhiira dubartii lole jechuu miti."
Kaliif shamarree taatee Aljeeriyaa keessatti guddachuu ishee fi loogii ijoollee dhiiraa cinatti wayita kubbaa miilaa taphattu ishee mudate dubbatteetti.
"Gufuun karaa kee akka cufu hin eeyyamiin, gufuu kamuu didi, irra aani" jechuun Caamsaa bara 2024 dubbatte.
"Abjuun koo meedaaliyaa warqee argachuudha" jette Kaliif.
"Yoon injifadhe haadholii fi abbootiin ijoolleen isaanii eessa gahuu akka danda'an arguu.
Ani shamarranii fi daa'imman Aljeeriyaa carraa akkasii hin qabnef fakkeenya ta’uun barbaada."
Yaadni Kaliif dubartii malee koorniyaa biraatiin ibsu hin jiru.
Liin yeroo hunda dubartootaa waliin kan dorgomti , Koreen Olompikii addunyaa(IOC) akka atileetii dubartiitti ishee beeka.
Dorgommii buunyaaf qorannoo akkamiitu gaggeeffama?
Bara 2019 gartuun IOC qoricha humna dabalataa namaa kennuu dorgommii Olompkirratti to’achuu enjesii to'annoo ' International Testing Agency (ITA) jedhamutti dabarse.
Dhaabbanni IOC jedhamu imaammata dorgommirratti dawaa humna dabalataa qaama kennuu fi fayyadamu kamiifu bira akka hin tarre baasu ibse.
Qorannoo keessatti qormaanni sadarkaa testostiroonii atileeti tokkoo murteessuu kan dabalatu yoo ta'u, garuu kun keessaa hin hafne.
Dubbi himaan IOC Adams, ''Dubartoonni dhiirota caalaa testostiroonii ol'aanaa qaban hedduudha,'' jedhan.
"Kanaaf yaadni qorannoon testostiroonii furmaata jedhamuun dhugumatti dhugaa miti" jedhan.
Dhimma saala geeddarachuun walqabataa?
Gabaabummatti lakki. Kaliif ykn Lin akka saala jijjiirrachuu isaanii waanti akeeku homtuu hinjiru.
Gabaasaaleen muraasni ibsa IBA kan atileetoota tapha buunyaaa kunneen kiroomozoomii XY qabu jedhu fudhatanii akka ta’uu hin oolle jedhanii tilmaamu.
Haa ta'u malee, BBC'n kun ta'uu fi dhiisuu addatti hin mirkaneeffanne.
Pirezidaantiin IOC Toomaas BaachI ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin kun "dhimma development (DSD) jedhamu hidhata akka hin qabne himaniiru.
Kaliif fi Liin Buunyaan sadarkaa maalirra gahan?
Kaliif waggoota saddeet buunyaa taphachaa ture.
Lammiin Aljeeriyaa kun yeroo jalqabaaf waltajjii dorgomtoota buunya warreen bartuu sadakkaa addunyaarratti umrii ganna 19tti hirmaatte turte.
Shaampiyoonaa Addunyaa bara 2018 irratti sadarkaa 17ffaa baatee. Waggaa tokko booda Kaliif Shaampiyoonaa buunyaa dubartootaa addunyaa bara 2019 irratti sadarkaa 19ffaa baate.
Dorgommii bara 2020 Tookiyootti gaggeeffameen Olompikiirratti yeroo jalqabaaf hirmaatte.
Ramaddii ulfaatina salphaa kg 60 irratti Kaliif dorgomtee sadarkaa nuusa xumuraarratti lammiin Ayerlaandi meedaaliyaa warqee argatte Keelii Haariingtooniin 5-0n ishee injifatte.
Sana booda buunyaan lammii Aljeeriyaa jalqabaa meedaaliyaa naasa Shaampiyoonaa Addunyaa injifatte taate.
Bara 2022tti tapha xumuraa irratti lammii Ayerlaandi Emii Biroodurist kan amma Biriteen bakka buuutee dorgomtuun mo'amtee meetii fudhatte.
Kaaliif sana booda Shaampiyoonaa Afrikaa bara 2022tti, fi tapha Meditiraaniyaanii bara sana keessaa injifate.
Bara 2023 dorgommii biyyoota Arabaa rratti kg 66’n irratti dorgomtee meedaliyaa warqee kan injifatte.
Hanga har'aatti Kaliif dorgommii buunyaa 50irratti hirmaattee 41 injifachuun 9 moo'amte.
Kanneen injifatte sana keessaa jaha kuffisuun haala ajaa’ibaan irra aante.
Liin bara 2008tti daa'ima ganna 13tti taatetu bunyaa jalqabde.
Bara 2017 sadarkaa ogummaatti ol guddifachuun shaampiyoonaa addunyaa yeroo lama - bara 2018 fi 2022 - yoo taatu, bara 2019 ammoo naasa argatteetti.
Liin yeroo lama shaampiyoonaa Eeshiyaa (2017 fi 2019) taatetti.
Akkasumas yeroo lama dorgommii Eeshiyaarratti meedaaliyaa lama -bara 2023 warqee fi bara 2018 naasa fudhatte.
Liin dorgmmii Olompikii jalqabaa bara 2020 kan hirmaatte Tookiyootti yoo ta’u,
Gara xumuraatti mo'amte.
Taphoota 58tti hirmaatte keessaa 44 mo'attee, 14 ammoo moo'amte.












