Hidhattooti WBO waliigaltee mootummaa booda akkamiin galan?

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoota nagaan galan ummati simachuu dubbate

Madda suuraa, EBC

Ibsa waa'ee suuraa, Mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoota nagaan galan ummati simachuu dubbate

Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo bakkeewwan giddugaleessa Naannoo Oromiyaa gara garaatii meeshaa isaanii waliin bosonaatii galaa jiru.

Kunis, erga Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhihoo gartuu Waraana Bilisummaa Oromoo kanneen araara buusuu barbaadan waliin waliigalteen raawwatame boodadha.

Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, guyyaa Kibxataafi Roobii hidhattoonni aanaalee Godina Shawaa Lixaafi Shawaa Kibba Lixaa garagaraatti simatamaa oolaniiru.

Ajajaan duraanii Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugaleessaa, Sanyii Nagaasaa, booji'amanii osoo hin taane ''gidiraa ummataaf'' dursa kennanii waliigaluu dubbatan.

Waliigalteen kuni akka milkaa’u Raayyaan Ittisa Biyyaa qooda olaanaa bahatuu ibsameera.

Waliigaltee xumura torban darbe mallattaa’e aangawooti mootummaa yoo jajan, hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo Kumsaa Dirribaan hoogganaman immoo busheessaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ‘’uummanni nageenya dheebootee nagaa gaafachaa ture WBO kallatti hundarraa gara giddu galeessaatti dhufaa jiruuf simannaa ho’aa taasisaa jira,’’ jedhe.

Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa immoo ''miseensonni WBO kallattii hundaan galuu itti fufanii jiru,'' jechuun ibse.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa hidhattooti galuun isaanii waliigalteen mootummaafi ''WBO waamicha nageenyaa fudhatan gidduutti mallattaa'e qabatamaan hojiirra oolaa jira,'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan waliigaltee gaafa Dilbataa raawwatame Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasifame jechuun beeksise.

Ta’us, hidhattoonni ABO-WBO Kumsaa Dirribaan hoogganaman ''waliigalteen mootummaa waliin taasifne hin jiru,'' jechuun dubbatan.

‘’Warri amma galan kanneen kana dura sababa rakkoo naamusaan miseensummaa keessaa baafamanidha,'' jedhan Gorsaa Olaanaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO, Jireenyaa Guddataa.

Dabaluunis, ''waraanni keenya socho'ee hin jiru. Kan kana dura harka kennatanis jiraachuu danda'u. Kanneen kana dura waraana keenya fakkaachuun uummata saamaa turan galuu danda'u'' jechuun himatan.

Waliigalteen kuni ajajoota sadii hidhattooti WBO qaban keessaa ajajaa duraanii WBO Zoonii Gidduugaleessaa Sanyii Nagaasaa [Maqaa qabsoo Jaal Sanyiin beekamu] waliin taasifame.

Miidiyaan OBN hidhattooti kuni aanaalee Godina Shawaa Lixaa 6 jechuunis Gindibarat, Cobii, Ilfataa, Aanaa Amboo, Midaaqanyiifi Jibaat keessa turan 800 ol waamicha simatani jedhe.

Guyyaa Roobii immoo aanaalee Kibba Lixa Shawaa keessaa seenuu eegaluutu gabaafame.

Suuraawwan miidiyaalee mootummaatti hidhata qabaniin qoodaman yeroo hidhattooti bakka qophaa’eef seenaniifi jaarsolii biyyaan simataman mul’isa.

Waliigalteen kuni yerootti marsiin marsaa sadaffaa mootummaafi WBO yoom taasifama jedhuurratti gaaffiin ka’a tureerratti dhagahame.

Waliigalteen kuni ummata rakkoon miidheef nagaa kenna jechuun aangawoonni mootummaa dubbataniiru.

Qeeqxonni garuu gartuu hidhattoota keessaa fottoqe waliin waliigaluun nageenya waaraa hin fidu jechuun qeequ.

''Kun diraamaa mootummaan hojjetudha. Haala akkasiin nagaa uummanni gaafatu sana fiduu hin danda'amu,’’ jedhu Obbo Jireenyaan.

'Akka boojutti hin dhufne'

Obbo Sanyii Nagaasaa kan bakkeewwan gidduugala Oromiyaa keessa hidhattoota motummaa lolaa turan ajajaa turani.

‘’Irreefi afaan qawwee yookiin qabsoo dadhabnee gara kanatti [waliigaltee] hin dhufne quba qabaadhaa. Akka boojutti hin dhufne,’‘ jedhan waliigaltee yeroo raawwatan dubbii dubbataniin.

‘’Kan na fide yoo jiraate rakkoofi gidiraa ummanni Oromoo guyyaadhaa gara guyyaatti’’ argaa jiru jechuun dubbatan.

Hawaasi bakkeewwan naannoo Oromiyaa garagaraatti kana dura irra deddeebiin hiriira bahuun mootummaan lola hidhattoota waliin taasisu karaa nagaan, mariin akka furu gaafataa turan.

‘’Nama beekuf kuni [waamicha marii] imaanaa guddaadha,’’ kan jedhan Obbo Sanyiin, walitti bu’iinsi Naannoo Oromiyaa keessa jiru yoo itti fufe wanti hamaa akka dhalatu dhaaman.

Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waliigalteen kuni ‘’injifannoo olaanaadha. … warri har’a kana murteeffattanii dhuftan isin gootota keenya,’’ jedhan sagantaa waliigalteen raawwateerratti.

‘’Waan amma irra geenye kanaan kan injifate ummata Oromooti….baay’ee gammadeen jira,’’ jechuunis dubbatan.

'Taanzaaniyaatti dhaabbachuu qaba ture'

Waliigalteen kuni akka gahamu Raayyaan Ittisa Biyyaa qooda olaanaa bahatuu Obbo Shimallis dubbataniiru.

‘’Guyyaan har’aa akka uumamu[mul’atu] nuti baay’ee irratti dadhabneerra,’’ kan jedhan Ajajaa Olaanaa waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaadha.

‘’Miidhaa waraanaa ana caalaa namni beeku hin jiru,’’ kan jedhan qondaalli waraanaa olaanaa Itoophiyaa, garuu namoonni waraana hin beekne waraana faarsu jedhan.

‘’Miidhaa waraanaa nan beeka. Waan sirriitti beekuf immoo waraana hin barbaadu. Nagaa barbaada. Hundumtuu gara nagaatti akka dhufu barbaada.’’

Lolli Naannoo Oromiyaa keessaa kana dura yeroo Abbootiin Gadaa sosso’anii dhaabbachuu qaba ture jedhan.

‘’Utuu gaafa sana dhaabbatee jiraate salphinni keenya achitti dhaabbata ture. Hin taane.

‘’Kumaatama erga fixneen booda Tanzaaniyaa haalli gaarii uumame,’’ kan jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuu ‘’Waraanni kuni Tanzaaniyaarratti dhaabbachuu isarra ture,’’ jedhan.

‘’Ani ijoollee Taanzaaniyaa turtetti hin faradu [hin murteessu]. Warri waliigalte gaafa sanaa fashaleesse warra waraana hin beekne.

‘’Oromoon waraana hin beekne biyya alaa taa’uufi diina ummata Oromootu balleesse. ..Warra gateetti WBO irra taa’e dhufuu barbaadetu diige.’’

Kana dura mariin marsaa lamaaf mootummaafi hidhattoota WBO gidduu Tanzaaniyaatti taasifamee ture.

Ta’us, mariin akkaan eegame dhukaasa dhaaburrattillee osoo wal hin galin xumurame.

Mariin suni milkaa’uu dhabuu isaatti qaamoleen lamaan quba walitti qabuun isaanii ni yaadatama.