Mohammad Saalaah torban tokko keessatti hiree Ballon d'or injifachuu guddoo dhabe, Eenyufaatu dursa?

Imbaappee, Rafiinaa fi Saalaah

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan collee lammii Masriifi kilaba Liiverpuul Mohammaad Saalaah bara kana gahumsa addaa Piriimiyeer Liigiifi dorgommii Awurooppaarratti garsiisaa tureef, warra badhaasa Ballon d'or injifachuuf hiree guddaa qaban keessaa tokko ture.

Garaagartummaa guyyoota sadii keessatti garuu hireen Ballon d'or 2025 injifachuuf qaburratti hurriin marse.

Bara dorgommii kana Liiverpuuliif gooliifi kubaa goolii ta'an mijeessuun walumatti hirmaannaa 44 qaba. Kilaboota Awurooppaa gurguddoo keessaa hirmaannaa goolii hanga kanaa taphataan galmeesse hin jiru.

Gahumsi isaa erga Joorji Wiihaatii as taphataa lammii Afrikaa badhaasa guddicha addunya injifate isa gochuf kaadhimus Roobii torban dirreesaa Anfilditti PSGn injifatamanii Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa keessaa bahuun hiree kana jalaa dukkaneesseera.

Guyyoota sadii booda xumura waancaa karabawoo irrattis Niiwkaasiliin mo'amanii waancaa dhabuun abjuusaa dhugoomsuurraa waan hambise fakkaata.

Saalaah taphataa Baarseloonaa Raafiinaa fi Riyaal Maadriid Kiiliyaan Imbaappee waliin adda durummaan hiree guddaa kan qabu ture.

Ammawoo?

Akka bara dheengaddaa bara kana dorgommiin Intarnaashinaalaa eenyu filamuu akka qabu murteessu hin jiru. Bara dheengaddaa Waancaan Awurooppaa hiree guddaa waan taphateef Roodiriin Siitiirraa mo'achuu danda'eera.

Bara kana garuu milkii liigii biyyootaafi dorgommiiwwan Awuropopaa biroo qofatu injifataa filachuuf oola.

Mohaammad Saalaah amma warra hiree qabu jedhamanii hanga sadarkaa shaniitti eeraman keessaas mucucaateera.

1. Rafiinaa- Baarseloonaa

Ballon d'or Power ranking haromeen, sadarka jalqabaatti hiree kan qabu taphataa sarara cinaa Baarseloonaa Rafiinaadha.

Rafiinaan bara dorgommii 2024/25 Laaligaa Ispeen keessatti goolii 13 lakkoofsiseera kubbaa goliif mijatee dhiyaate 8 galmeesseera,

Shaampiyoonsi Liigii Awuropopaa irrattis tapha 10 taphatee goolii 11 fi kubbaa gooliif mijate 5 galmeesseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Walumaagalatti goolii 24 fi kubba agooliif mijaa'e 13 galmeessuun gahumsa ajaa'ibaarra jira.

Gareensaa Baarseloonaan Laaligaa Ispeen qabxii 60n goolii galcheen gargaaramee sadarkaa tokkoffaarra jira.

Shaampioonsi Liigi Awurooppaarrattis nuusa xumuraaf darbeera. Waancaa Supper Kaappi Ispeen Riyaal Maadriidiin 3-1n injifachuun mo'ateera.

Laaligaa fi Shaampiyoonsi Liigii injifachuu dandeenyaan Raafinaa caala kan badhaasa kanaaf malu hin jiraatu.

2. Kiliyaan Imbaappee- Riyaal Maadriid

Sadarkaa lammaffaatti kan hiree qabu jifataa Riyaal Maadriid lammii Faransaay Kiiliyaan Imbaappeedha.

PSG irraa gara Maadiriid erga makamee madaquuf yeroo kan itti fudhate jifataan kun morkii Shaampiyoonsi Liigii Maanchistar Siitii waliin walitti dhufan irratti haatrikii hojjechuun Maadriid keessattis murteessaa ta'uu agarsiise.

Sababoota Imbaappeen gara Maadiriid akka dhufu godhan keessaa tokko badhaasa kana argachuuf karaa salphaa ta'uusaati jedhama.

Morkiiwwan Laaligaa fi Shaampiyoonsi Liigii irratti fageenya Maadriid imaluu fi gahee innibahu irratti kan hundaa'u ta'us Imbaappeen hawwiisaa kana milkeessuuf carraa qaba.

3. Lamiin Yamaal

Ol-adeemaan ganna 17 Lamiin Yamaal waancaa Awurooppaa bara darbeerratti gahumsa addaa Ispeen keessatti agarsiiseen ija addunyaa lixe.

Haala taphaa isaatiin Meesii waliin kan walfakkeeffmaa jiru, lammiin Ispeen kun tapha ajaa'ibaa fi kubbaa gooliif mijeessee kennuun jajamaa jira.

Seenaa badhaasa Ballon d'or waggaa 70 keessatti taphataan ganna 21 gadii badhaasicha injifate hin jiru.

Haala amma jiruun garuu Lamiin Yamaal seenaa haaraa galmeessuuf daandii qabateera.

Bara darbe Paarisitti taphataa collee ol- adeemaa jedhamuun badhaafameera. Badhaasa guddicha kana harka galfachuufis fago hin jiru jedhama.

Gareensaa Baarseloonaan bara kana milkaa'ee jennaan Lowaandooskiifi Raafinaatu hirmaannaa gooliin isa caala. Ispeen keessatti gahumsaafi miidhagina tapha isaatiin kan deeggartoota booji'e garuu isa.

Sadarkaa ARfaffaatti kan maqaan dhahamaa jiru taphataa Tootehaam duraanii Baayer Muuniik keessattis goolii roobsuu itti fufe Haarii Keeni.

Shanaffaan PSG keessatti gahumsa ajaa'ibaa agarsiisaa kan jiruufi Liiverpuuliin kuffisuu keessatti gahee guddaa kan taphate Osmaan Dembeeleedha.

Mohaammad Saalaah gara Sadarkaa jahaffaati mucucaate.