Liiverpuul maaltu mudate, diraamaan Aanfiild akkamiin xumurame?

Liiverpuul 0-1 PSG, PSG rukuttaa peenaaliitiidhaan mo'achuun nuusa xumuraaf darbe.

Madda suuraa, Getty Images

Aanfiilditti diraamaa guddaatu hojjetame. Bara kana Liiverpuul dirree isaa kana irratti al takkaa qofa mo'amee ture.

Galchii 1-0'n kan Nootiingihaamiin mo'ameen ala hunda injifannoon gale. Kaleessa garuu Aanfiilditti lapheen taphattoota Liiverpuul cabe.

Liiverpuul galchii waliigalaa 1-1 PSG waliin xumuruun rukuttaa peenaaliitiidhaan mo'amee dorgommii Shaamoiyoons Liigii keessaa bahe.

Kurtis Joonsii fi Daarwiin Nuunez rukuttaa peenaaliitii dhabuu isaaniin Liiverpuul dorgommiin waancaa Shaampiyoonsi Liigiin ala tahe.

Osoo Aleeksaander Arnooldi miidhamee hin baane tahe Nuunez peenaaliitii akka rukutuuf isa dursee hin filamu ture.

Maak Alister bahuunis Liiverpuul carraa biraa akka hin qabaanne taasise. Garuu kufaatii keenyaaf Nuunez qofaatti itti gaafatamummaa fudhachuu hin qabu. Waan hundaa isarra hin keenyu. Garee cimaa akkasii bara kana takkaa hin argine jechuun Arne Isloot cimina PSG jajan.

Leenjisaan PSG, Luwis Eneriikee kileboonni lameenuu marsaa itti aanuuf darbuu qabu ture. Liiverpuul dirree isaanii irratti nu caalaa taphatan. Qabxichi silaa lamaan keenyaafu ni mala ture jedhan.

Garuu kileba mo'ate qofatu darbuu waan qabuuf Liiverpuul nuusa xumuraa keessa galuuf hiree hin arganne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphattoonni Liiverpuul miira gaddaa guddaan liqimfamanii ture. Tapha wancaa Kaarabayoo Niwkaastil waliin qaban irrattiyyuu dhiibbaa qabaachuu mala.

Dhuma irratti Mohaammad Saalaan ni boo'e. Bara kana Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii mo'achuun badhaasa Baloon d'Or mo'atee waliigaltee Liiverpuul waliin qabu xumuree baha jedhamee eegamaa ture.

Isatti hin hafne. Garuu akka gareetti caalamaniiru. PSG akkuma dhaadate godhe.

Nuuneez laphee waayillan isaa cabse. Tapha Everteen waliin qixa xumuran irratti carraa galchii qulqulluu argate lakkoofsisuu dadhabuu isaan hedduu ceepha'amee ture.

Rukuttaa peenaaliitiif gara jalqabaatti filamuun isaas taphataa durumaanuu dhiibbaa jala jiru kanatti balaa biraa dabaluu ture.

Nuunezii fi Kurtis Joonsi rukuttaapeenaaliitii dhabuun Liiverpuul dorgommicha keessaa baase.

Virjil Vaan Daayik ''PSG baga gammaddan. Garee cimaa bara kana nu mudatedha. Luwis Eniriikeen garee jabaa ijaare'' jedhe.

Arnee Isloot daqiiqota 90 haala gaariin taphanneerra. Garuu daqiiqaa dabalataa irratti PSG nu caalaa haala gaariin taphatan jedhe.

Luwis Eniriikeen dirree isaanii irratti injifachuuf qophiidha jechuun ofitti amanamummaan kan dubbatan akkuma Paarisitti 1'n Liiverpuuliin mo'amaniin ture.

Dembeelee, Baarkoolaa, Kivaaskeeliyaa, Nuunoo mendesh, sarara gidduu irraa ammoo Vitiniyaa, Jaawoo Neeves eenyuun akka dhaabuu qaban taphattoota Liiverpuuliif waan gale hin fakkaatu.

Hunduu taphattoota gahumsa guddaa qabanidha.

Osmaan Dembeelee leenjisaa Luwis Eneriikee jalatti bilchina guddaa agarsiise.

Daqiiqaa 12ffaa irratti galchiin lakkoofsise qabxii Paarisitti Liiverpuul galmeessee deebisuun taphicha mo'achuuf akka carraa wal qixa qabaatan godhe.

Liiverpuul taphni akka jalqabeen galchii tokko lakkoofsisee garaagarummaa isaa dafee bal'isuuf ture. Mohaammad Saalaan yeroo lama carraa galchii gaariis uumee ture.

Yeroo Liiverpuul guutummaan bahee taphatu PSG ammoo tapha deebisanii jifachuun [counter attack] gara karra Liiverpuulitti ariitiin bahu ture.

Haala kanaan Osmaan Dembelees galchii jalqabaa lakkoofsisee haalicha jijjiire. Liiverpuul boqonnaan booda haala gaariin taphate.

Galchii Sooboslaayi lakkoofsise taphaan ala jedhamee haqame. Kubba ajaa'ibaa Diyaaz mataan rukute karra eegaan PSG, Doonarumaan deebise.

Yaalii Yaarel Kuwaanzaa taasise poolii galchiitu deebise. Liiverpuul deeggartoota isaan dabaalamee Aanfiilditti ni mo'ata jedhamee eegamus daqiiqaa dabalataa 30 taphachuuf dirqame.

Liiverpuul tapha Saawuzhampitan waliin taaisise irratti taphattoota 11 jalqabaa hunda taphachiise. Boqonnaa hin arganne.

PSG ammoo traphattoota saddet boqachiise. Tapha daqiiqaa 90 olii tahuu akka hin oolles tilmaama keessa kan galchan fakkaata. Taphattoota PSG irratti dadhabbii guddaan hin mul'anne.

Taphattoota Liiverpuul irraa garuu ifatti mul'ata. Taa'umsa jijjiirraa irraa ammoo akka PSG taphattoota gahumsa guddaa qaban hin qabu. Kunis qormaata Liiverpuul bara kana guutuuf qabu ture.

Nuusa xumuraaf osoo hin darbiin hafuun isaa carraa Mohaammad Saalaa taphattoota akka Imbaappee, Raafiinaa, Dembeelee fa'aa waliin dorgomee badhaasa Balon d'or mo'achuuf qabu jalaa dukkaneesse.

PSG'n marsaa jalqabaa irratti kallattiin waan hin darbineef tapha mo'atanii darbuu lama kileba Faransaay biraa Bireesti waliin gaggeessee ture.

Marsaa jalqabaa tokkoffaan kan xumure Liiverpuul waancaa Shaampiyoonsi Liigii ni mo'ata tilmaama jedhu argate ture.

PSG mo'ataa Aston Viilaa fi Kilab Biruuj waliin morkachuun gara walakkaa xumuraatti darba.

Baarseloonaa, Baayern Munikii fi Inter Miilaan gara nuusa xumuraatti darbaniiru.

Har'a ammoo Darbii Maadiridiin Atileetiikoo Maadirid masaanuu isaa Riyaal Maadirid waliin morkata.

Arsenaal kilaba Nezerlaandis kan 7-1 mo'ate dirree isaa irratti keessummeessa.