Waan Riyaal Maadirid mudate waaqatu beeka - Deegoo Simoonee

Madda suuraa, Getty Images
Darbii Maadirid irratti diraamaa hedduutu hojjetame. ''Waaan Riyaal Maadirid tahe isaaniif waaqa qofatu beeka'' jedhan leenjisaan Atileetiikoo Maadirid Deegoo Simoonee.
Atileetiikoo Maadirid taphni jalqabee daqiiqaa tokko osoo hin gutiin galchii lakkoofsisuun dursa qabatan.
Daqiiqaa 90 yoo dhumu ida'ama waliigalaan qixa 2-2 waan tahaniif yeroo dabalataa daqiiqaa 30 taphachuun wla injifachuu hin dandeenye.
Atileetiioo keessatti gahumsa guddaa irra kan jiru Juuliyaan Alvaarez peenaaliitii lammaffaa Atileetiikoo yoo rukutu, miilli tokko mucucaatee kubba si'a lama tuqeera jedhamuun galchiin lakkoofsise daqiiqota muraasa booda haqamuu dhagahame.
Galhiin Alvaarez erga lakka'ameeti akka haqamu kan murtaa'e. Yeroo kana Riyaal Maadirid caraa bal'aa argatus Jaan oblaak peenaaliitii Lukaas Vaasquwez jalaa deebise.
Deegoo Looreentee peenaaliitii murteesituu Atileetiikoof rukute pooliitti dhahuun osoo hin galchiin hafe. Ruudiger galchii injifannoo Riyaal Maadiridiif lakkoofsise.
Shaampiyoonaan dorgomichaa Riyaal maadirid osoo 16 keessa hin galiin kufuu danda'a jehame kunoo ammas gara nuusa xumuraati darbe.
Yeroo sanayyuu Kaarloo Anchelootiin '''na amanaa waancaa bara kanaa Riyaal Maadirid ykn Liiverpuultu mo'ata'' jedhanii tur.
Liiverpuul rukuttaa peenaaliitiin mo'amee yoo dorgommicha keessaa bahu Riyaal maadirid kileba yeroo hundaa masaanuu isaa tahe Atileetikoo Maadirid mo'achuun darbe.
Atileetiikoon ittisaa fi deebisanii jifachuun ajaa'iba turan. Imbaappee sochiin ala godhaniiru. Viinishiyes Juuner ammoo yeroo jalqabaaf rukuttaa peenaaliitii Maadiridiif rukute dhabe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Alvaarez akka rukuteen galchiichi lakkaa'ameefii boordii irratti mula'taa ture. Booda murteessaan taphichaa lammii Poolaandi tahan VAR galchii Alvaarez haquu ibsan.
Alvaarez yeroo miilli isa tokko mucucaatu kubba waan tuqeef kubbichi yeroo rukutamee gale si'a lama tuqameera jedhe.
Deegoo Simoonee garuu gonkumaa kana hin amanu. Alvaarez yeroo lama hin tuqne jedhan.
Oblaak abdii isaaniif kennus Loorenteen ammas galchii lakkoofsisuu dhabuun Riyaal Maadirid imala waancaa Shaampiyoonsi Liigii yeroo 16ffaa isaaniif darbaniiru.
Seera Boordii Waldaa Kubba Miilaa Idil-adunyaa keewata 14.1 waa'ee rukuttaa peenaaliitii hima.
''Taphataan peenaaliitii rukute hanga kubbicha deebisee taphatn garee fallaa biraa tuqutti namni rukute sun irra deebiin itti bu'uu hin qabu jedha.
Yoo poolii dhahee deebi'es taphatichi deebisee rukutuun galchuu hin danda'u. Taphataan biraa yoo itti bu'e malee.
Yoo tarii deebisee argatee galche haqameeti rukuttaan biraa garee fallaaf kennamee tapichi jalqabama.
Murteessaan taphichaa ''yeroo Juuliyan peenaaliitii rukute miili isaa ittiin dhaabbate kubba tuqeera. Garuu kubbicha bakasaatii hin sochoosne malee. Kanaaf haqame'' jedhe.
''Adaraa warri dirree keessa turtanis tahe daawwachaa turtan Juuliyaan kubba si'a lama tuqeeraa? Mee fuulduratti bahuun argineerra jedhaa. Nama tokkoyyuu argeera jedhu hin arganne'' jechuun Simooneen aarii isaa ibsate.
Leenjisaan Riyaal Maadirid Kaarloo Anchelootii ''murtee sirriidha. Akka natti fakkaatutti miila isaa bitaadhaan kubbatti bu'eera. VAR ilaaluun isaa gaariidha'' jedhan.
Karra eegaan Maadirid Tiiboo Koortohaa ''Atileetiikoo Maadiridiif carraa gaarii hin turre. Seeratu jalaa haqe,'' jedhe.
Karra eegaan duraanii Niwkaastil Sheey Giiven BBCtti akka himetti Alvaarez kubbatti bu'uun kallattii kubbichaa hin jijjiirre. Garuu tapha keessa seeratu jira waan taheef hojiirra oole.''
Kana dura Piriimer Liigii keessatti yeroo lamaaf mudateera. Riyaad Maaharez yeroo Leester Siitii keessa ture bara 2017 jalaa haqamuun gareen isaa 2-1 Maanchister Siitii kilaba booda innumtiyyuu galeen mo'ame.
Riyaal Maadirid Arsenaal waliin morkachuun walakkaa xumuraaf kan darban taha.
Baarseloonaan v Boorushiyaa Dootimondi, PSG v Astoon Viilaa, Inter Miilaan v Baayern Munik waliin kan morkatan taha.












