PSG'n Liiverpuulitti dhaadateera, Dembeelee moo Saalaatu injifannoon gala?

Liiverpuul Aanfiildi irratti PSG morkata

Madda suuraa, Getty Images

Liiverpuul PSG injifachuuf gahumsa bara kana takkaa agarsiisee hin beekne agarsiisuu qaba jedhan leenjisaan Liiverpuul Arnee Isloot.

Liiverpuul Paarisitti taphaan hedduu caalamee garuu mo'atee deebi'e.

Aanfiildi irratti garuu Liiverpuul qophii addaa taasisa jedhamee eegama.

Aanfiildi bakka awwalcha PSG taha amantaa jedhu kan qaban taphattoonni Liiverpuul gareen Luwis Enriikee ammoo tapha torban kana Liig 1 keessatti taasisan irratti boqonnaa fudhachuun qophii jabaa taasisaniiru.

Taphattoonni saddet tapha PSG Reenes waliin taasisee 4-1 mo'ate irratti boqataniiru.

Homaa shakkii hin qabnu. Nuyis dirree isaanii irratti ni injifanna jedhan. taphattoonni akka Dembeelee fi Vitinhaa.

Mohaammad Saalaa bara kana galchii lakkoofsisuu fi kubba galchii tahan mijeessee kennuun Piriimer Liigii keessaa dursaa jira.

Osmaan Dembeelee erga Baarseloonaa keessatti isaaf hin milkaa'iin hafee PSG keessatti gahumsa adda irra jira.

PSG kileba sarara hundarraa taphattoota jajjaboo hedduu qabudha.

Luwis Enriikeen akkuma taphni xumurameen mo'achuu dadhabuun keenya ajaa'iba. Garuu waan hundaan isaan caalleerra. Amma gadduuf osoo hin taane Anfiildi irratti injifachuuf gama hundaan qophiidha jedhan.

Liiverpuul jabina karra eegaa isaa Alisan Beekeriin Paarisii injifannoodhaan gale.

Garuu taphattoonni Liiverpuul dadhabbii baay'ee qabu. Tapha Saawuzhampitan waliin taasisan irratti taphattoonni hin boqanne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Fuulduratti tapha waancaa Karaba'oo Kaappii Niwkaastil waliin qabu.

Arne Isloot erga leenjisaa Liiverpuul tahanii as tapha jabaa takkaa gareen isaanii taasisanii hin beeknetu Aanfiildi irratti isaan eeggata.

''Taphoota ulfaatoo kileboota akka Arsenaal fi Maanchister Siitii waliin taasifneerra. Isaan waliin humni keenya wlaitti dhiyoodha. Garuu PSG kileba sooressa leenjisaa cimaa qabu ammoo saffisa addaan tapha. Tapha akka malee ulfaataadha,'' jedhan Arne Isloot.

Aanfiildi irratti Liiverpuul tapha tokko qofa bara dorgommii kana mo'ame. Isas Nootiingihaamtu mo'ate.

Isloot Aanfiildi irratti tapha kana mo'achuuf taphanna malee of eeggannoo di qabxii keenya eegsisuuf qofa hin taphannu jedhan.

Torban darbeyyuu caallee mo'achuuf malee taphicha ittisnee xumuruuf hin turre kan dirree galle jedhan.

Koodee Gaakpoo miidhama irraa bayyaannachuun tapha har'aaf ni gaha.

Baayern Munik kilaba Jarman bara darbe shaampiyoona atahe Baayern Liiverkusen waliin morkata.

Baarseloonaan taphattoota kudhaniin Benefikaa tapha marsaa duraan erga mo'atee har'a dirree isaa irratti keessummeessa.

Inter Miilaan kilaba biyya Nezerlaandis Feeynoordi wlaiin morkatu.