Kilaboonni Piriimer Liigii Ingilaand carraa dorgommiiwwan Awurooppaa qaban eenyu fa'i?

Nootiingihaam Foorast erga bara dorgommii 1995-96 as dorgommiiwwan Awurooppaa hirmaatee hin beeku

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nootiingihaam Foorast erga bara dorgommii 1995-96 as dorgommiiwwan Awurooppaa hirmaatee hin beeku

Nootiingihaam Foorast kilaba liigicha keessaa bu'uuf qarqara irra jirtu -goolii 4-2n mo'achuun carraa hirmaannaa dorgommiiwwan Awurooppaa keessatti qabaatu bal'ifateera.

Kanaanis Foorast Maanchistar Siitii irraa qabxii ja'aan fagaareera.

Gareen Nuno Espirito Santo erga bara dorgommii 1995-96 as dorgommiiwwan Awurooppaa irratti hirmaatee hin beeku.

Siitiin dirree isaarratti Biraayitan waliin goolii 2-2 qixa ba'e.

Biraayitanillee dorgommiiwwan Awurooppaa keessa seenuuf falmataa jira.

Sadarkaa lammaffaarra kan jiru Arsenaal har'a sa'aatii 10:30 irratti dirree isaarratti Chelsii waliin taphata.

Ja'affaarra kan jiru Niwukasil har'a Liivarpuul waliin tapha xumuraa waancaa Karabaawoo ni taphata.

Tapha tokko kan qabu Niwukasi qabxii tokko qofaan Siitii booda jira.

Yeroo ammaa sadarkaa afraffaarra kan jiruu fi har'a waaree booda Arsenaal waliin tapha 29ffaa kan taphatu Chelsiin ammoo qabxii lamaan caala.

Biraayitan akkuma Niwukasil qabxii 47 qaba, garuu gooliin caalamee sadarkaa torbaffaarra jira.

Kaleessa Bireentifordiin kan injifatame Bornimaaz ammoo qabxii qabxii 44n sadarkaa sagalaffaarra jira.

Kanniisonni yeroo ammaa qabxii torbaan Maanchistar Siitii booda hafanii sadarkaa 11ffaarra jiru, 10ffaarra kan jiru Fulhaam har'a morkataasaa Tootanhaam injifachuun falmii hirmaannaa Awurooppaa cimsuuf deema.

Foorast bara darbe yeroo akkanaa liigicha keessaa b'uurraa of baraaruuf ijibbaata falmataa ture.

Kilabni haga xiqqoof kufaatiirraa hafe kun barana ammoo warra bara dhufu Chaampiyoonsi Liigii hirmaatan keessaa tokko ta'uu ga'eera.

Leenjisaan kilabichaa Nuno Santo garuu ammallee hojiin ni hafa jedhu.

''Waa'ee gabatee Piriimer Liigii waanan yaadu beektaa?,'' jedha leenjisaan lammii Poorchugaal kun.

''Amma kan gochuu dandeenyu ofirratti xiyyeeffachuudha. Xiyyeeffannaa olaanaan hojjechuudha. Taphoonni hafan heddu waan ta'aniif ga'umsa olaanaan falmachuutu nurraa eegama,'' jedhan.

Maanchistar Siitiin waggoota 15f walitti aansee dorgommii waancaa Chaampiyoonsi Liigii keessatti hirmaachuuf tattaafataa jira

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maanchistar Siitiin waggoota 15f walitti aansee dorgommii waancaa Chaampiyoonsi Liigii keessatti hirmaachuuf tattaafataa jira
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaan gamasaaniin Itihaad irratti injifatamuun dhiphina sammuu akka itti ta'u hin haalle.

Garuu dorgommii Awurooppaa guddicha (Chaampiyoonsi Liigii) irratti akka hirmaatan ofitti amanummaan dubbatan.

''Yeroo hunda mo'ataa akkan ta'u ofittin amana. Yeroon itti of shakku qaba. Garuu karaa sirrii, karaa na baasun barbaada. Waan sirriin waan hunda keessa jira,'' jedhan Gaardiyoolaan.

''Afur keessa galuun kan namoonni eegan ol cimaadha. Foorast fi Biraayitaniif kabajan qaba. Afur keessa galanii xumuruun sababoota hedduuf ulfaachuu mala. Garuu taphoota sagaltu hafu. Tapha dhumaa sagal.''

Utubaan Biraayitan Jaak Hinshelwuud seenaa Awurooppaa keessatti waggaa 124 booda yeroo lammaffaaf dorgommii Awurooppaa keessa seenuun keenya waan hin oolle jedhe.

''Bara darbe dorgommii Awurooppaarratti hirmaachuun miira inni qabu arginneerra. Miira sanatti deebi'uuf cimnee falmataa jirra,'' jedhe.

Dursaan taphattoota kilaba Bireentiford Kiristiyaan Noorgaard erga Bornimaaz injifatanii booda abdiin akka jiru dubbateera.

''Ammatti bakka kam akka jirruu fi kaanis eessa akka jiran hubanneerra. Yoo dorgommii sadarkaa guddaa keessa galuu barbaanne kanaan booda injifachuun dirqama,'' jedhe.

''Maaliif isa keessa galuuf hin yaallu [dorgommii waancaa Awurooppaa]? Amma liigicha keessaa bu'uurraa fagaannee jirra. Bilisummaadhaan waan guddaaf taphachuu dandeenya. Taphoota hafan salgan injifachuuf taphanna.''

Eenyutu waancaa Awurooppaaf darbuuf carraa qaba?

Tilmaamni Opta Piriimer Liigii keessa kilabni kam bakka kamiin akka xumuru kaa'eera.

Bu'uura tilmaama kanaan Liivarpuul sadarkaa 1-4 keessatti akka xumuru guutummaa guutuutti mirkana.

Waancaa liigicha injifachuuf carraa dhibbeentaa 99.51 qaba.

Arsenaal afur keessa galee xumuruuf carraa dhibbeentaa 99.15 qaba, Nootinghaam Foorast 65.88.

Yeroo 15ffaaf walitti aansee dorgommii waancaa Chaampiyoonsi Liigii irratti hirmaachuuf kan ijibbaataa jiru Maanchistar Siitiin sadarkaa 1 hanga 4 keessa galee xumruuf carraan inni qabu dhibbeentaa 57.12 akka tilmaama Optatti.

Chelsiin afur keessa galee xumuruuf carraa dhibbeentaa 36.18 qaba, Niwukasil dhibbeentaa 30.52 qaba.

Biraayitan fi sadarkaa saddeettaffaarra kan jiru Aston Viilaan walduraa duubaan carraan afraffaa keessa galanii xumuruu dhibbeentaa 6.48 fi 2.47.

Ragaan kun hanga Bitootessa 15, 2025 guyyaa Sambataatti sirrii ture.