Maanchister Yuunaayitid bara kana waancaa injifataa?

Madda suuraa, Getty Images
Maanchister Yuunaayitid dorgommii Awurooppaa Liigiin kilaba Ispeen Riyaal Soosedaad 4-1'n injifachuun gara nuusa xumuraatti darbe.
Buruunoo Fernaandez galchii sadii lakkoofsise. Leenjisaan Yuunaayitid Ruubeen Amoorim yeroo taphataan addaa isa barbaachisutti Buruunoo irratti akka hirkatu hime.
Garuu dursaan taphattootakoo kun akkuma taphataa cimaa tahe osoo waayillan isaattis ''amane'' jechuun dubbatan.
Fernaandez taphataa akka malee qeeqamuu fi qixuma isaa ammoo taphataa faarfamudha.
Maanchister Yuunaayitid carraa inni bara dhufu Shaampiyoonsi Liigii irratti hirmaatu ammayyuu hin duune. Yoo bara kana waancaa Awurooppaa Liigii kan mo'atu tahe injifannoo guddaadha.
Dorgommii waancaa sadarakaa Awurooppaatti barana godhe keessaa kilebni tokkichi bara kana hin mo'amne Maanchister Yuunaayitid qofaadha.
Taphoota Awurooppaa Liigii taphate hundaa garii mo'atee kaan ammoo qixa baheera.
Walakkaa xumuraatti darbuuf Olompik Liyoon waliin kan morkatu Maanchister Yuunaayitid carraa waancicha injifachuus qaba.
Tootenhaam kilaba biraa tilmaama waancicha injifachuu argatedha.
Bara 2023 yeroo Liiverpuul 7-1 Maan Yuunaayitidiin mo'atu Gaarii Neevil Buruunoon taphataa dursaa taphattootaa tahuu hin qabne jechuun qeeqee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhiyeenyas Rooy Kiin gahumsa Fernaandez qeeqee ture. Piriimer Liigii keessatti sadarkaa 14ffaa irra kan jiru Yuunaayitid erga bara 1973-74 Pitriimer Liigii keessaa kufanii as qabxii gadi aanaa galmeessanidha.
Bara kana akkasis tahee Fernaandez galchii 15 lakkoofsiseera. Taphataan biraa Yuunaayitid keessaa isaa ol galchii lakkoofsise hin jiru.
''Yeroo nuyi isa barbaannu hundaatti ani jira taphataa jedhudha. Kubba fuulduratti dabarsuu danda'a. Galchii lakkoofsisa. Nama akkasaa baay'ee qabaachuu qabna'' jedhan Amooriim.
''Dursaa taphattootaa fakeenya tahuun gaggeessuudha. Akka waancaa mo'atuuf isa gargaaruu qabna,'' jedhe.
Ji'a darbe keessa qofa Arsenaal irratti galchii wal qixxeesituu kan lakkoofsise Fernaandez, Fuulhaam irrattis lakkoofsiseera.
Everteen irrattis galchii lakkoofsisuun kilebni isaa akka qabxii qooddatu taphataa gargaaredha.
Pool Iskoolsi ''torbanoota jahaa fi torba darban duubatti deebi'ee taphachuun garee isaa kana baatee deemaa jira.
Fuulduratti siqee taphachuu caalaa duubaa yeroo taphatu akka gareen isaa milkaa'u gochaa jira. Ammoo yeroo dheeraaf miidhamee hin beeku'' jedhe.
Yeroo gareen keenya caalamu ni mufata. Kubbi yeroo isa gahuu dadhabu bakka isaa dhiisee bakka biraatti kubba barbaacha baha.
Yeroo kana ammoo bakki isaa qullaa taha. Al takka takka waayillan isaa bakka kaanirra taphatanis amanuu qaba. Kanaaf ammoo furmaata gareema kana keessaa barbaanna jedhe Ruuben Amoorim.












