Roonaaldoo yeroo tokkichatti bo'icha irraa kolfatti- Karra eegaan Poorchugaal Roonaaldoo oolche

Karra eegaan Islooveeniyaa Jaan Oblaak sa'aa dabalataa irratti rukuttaa peenaaliitii Poorchugaal argatte Roonaaldoo jalaa yoo oolchu gaddi guddaan Roonaaldoo liqimse.

Akka bara ijoollummaa isaa sanatti hirqinfate boo'e. ''Onneekoo na cabe'' jedhes Roonaaldoo.

Taphataan ganna 39 taphaan booda miidiyaa Poorchugaalitti yoo dubbatu Waancaan Awurooppaa kun isaaf isa dhumaati.

Dursaan taphattoota Poorchugaal kun boquu buusuun imimmaan ofirra cobse.

Taphattootni kaan garuu itti fiiganii isa jajjabeessaa turan.

Roonaaldoon yeroo adda addaatti karra eegaa Atileetiikoo Maadiridii fi Islooveniyaa kana irratti galchii 11 lakkoofsiseera.

Kaleessa garuu Roonaaldoon takkaa gadda dhuma irratti ammoo kolfaa fi gammachuu keessummeesse.

Islooveeniyaan hanga kana Poorchugaal morkachuun waan raajii ture. Gahumsa tpahttoota biyyootni lameen qaban waliin yoo ilaallu.

Roonaaldoonis salphinaa fi gadda kanaan kubba miilaa kana booda Poorchugaaliif taphatu xumuruuf fiixeerra gahee ture.

Taphni xumuramee rukuttaa peenaaliitii dhumaa irratti garuu Roonaaldoon bareechee galchii lakkoofsise.

Karra eegaan Poorchugaal Diyoogoo Koostaa kubba sadii taphattoota Islooveniyaa jalaa oolche.

Roonaaldoofis oolmaa guddaa ooleera. Ammas Roonaaldoon imimmaaniin guutame. Yeroo kana garuu bo'ichi isaa kan gammachuu guddaa irraa madde ture.

''Namootni jajjabo jedhamaniiyyuu guyyaa badaa akkasii isaan mudata. Yeroo gareenkoo na barbaadutti galchii sana dhabuunkoo akka malee onnee na cabsee ture,'' jedhe Roonaaldoon.

''Gaddi jalqabarratti na mudate gammachuu guddaan goolabame. Kubbi miilaa kunoo akkasi. Yeroo wal fakkaataatti gaddeen deebi'ee ammoo gammade.''

"Garuu waan guddaan ittiin bohaaruudha. Gareen keenya tapha ajaa'ibaa agarsiisan. Hanga dhumaatti falmanneerra. Qabxiin kun nuuf mala jedheen amana.''

'Roonaaldoon imimmaan cobsuu hin qabu ture'

Roonaaldoon ammayyuu dorgommii Waancaa Awurooppaa Jarman kana irratti taphaan galchii hin lakkoofsifne.

Carraawwan argate qisaasessaa ture. Deeggartoonni Poorchugaal Roonaaldoo faarsaa turan. Garuu yeroo rukuttaa peenaaliitii dhabus deebisanii isumatti iyyaa turan.

Deeggartoonni Islooveniyaa ammoo gammachuu guddaa keessa turan. Dhumarratti garuu waan hunduu wal jijjiire.

''Roonaaldon taphataa jabaa fi dhama'u tahuu hundi keenyayyuu ni beekna. Edas gootummaa isaa agarsiiseera,'' jedhe karra eegaan Poorchugaal Koostaan.

Hammam akka dhiphateeru argaan ture. Sababni isaa ammoo kanumaaf dhama'aa ture waan taheef. Isa waliin garee tokko keessatti taphachuukoo kabajaa fi gammachuu guddaa naaf kenna.''

''Nuyi maatiidha. Akkasittan yaada. Waan danda'u hundaan gareekoof gumaachuun qaba. Kun waan murteessadha.''

Jireenya kubba miilaa keessatti dabarse keessaa inni kun adda kan jedhe Koostaan Roonaaldoon ammoo gara dhumaatti lfatti kufee jilbeenfachuun carraa biraa argachuuf gara samiitti ol ilaalee hawwaa ture.

Gara deeggartootaan deebi'uun ammas cimsanii akka isaan deeggaran sagalee dhageesisan jajjabeessaa ture. Rukuttaa peenaaliitii yoo dhabu ammoo ''Viva Ronaaldo'' jechuun ammas isa jajajniiru.

Alan Shiirer haala ulfaataa akkasii keessatti peenaaliitii rukutuun ulfaataa tahus carraa kana dhabuun ammoo waan amanamu miti jedhe.

Roonaaldoon Waancaa Awurooppaa marsaa jaha irratti hirmaachuun taphataa seenaa hojjete taheera.