Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphattoonni buleeyyiin Afrikaa Itoophiyaa daawwatan biyyattiif maal buusanii deebi'an?
Gidduu kana taphattoonni buleeyyiin Afrikaa keessatti maqaa gaarii qaban- African legends jedhaman Itoophiyaa daawwataa turan.
Taphattoonni kunneen Gaanaa fi Naayijeeriyaa dabalatee biyyoota Afrikaa garaagaraa irraa gara Itoophiyaa imalan.
Hedduunsaanii kilaboota Awurooppaa keessatti warra gumaacha guddaa qabaniidha.
Isaan keessaa tokko taphataa duraanii Naayijeeriyaa fi Arsenaal kan ta’e Nwankwo Kanu yoo ta’u, taphataa gameessi kun jila isaa waliin wayita Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad waliin kubbaa taphatu mul’ateera.
Waa’ee sagantaa kanaa fi affeerraa taphattoota kunneenii ilaalchisee Ministira Aadaa fi Ispoortii Itoophiyaa Obbo Qajeelaa Mardaasaa gaafanneerra.
Taphattoonni buleeyyiin Afrikaa kunneen erga Itoophiyaa seenanii sirnoota garaagaraa akka raawwatan himuun, biyyattiin gama kanaan dippiloomaasii ispoortii haaraa uummatteetti jedhan.
Bu'aa Itoophiyaan daawwannaa kanarraa argattu kan biraas ibsaniiru.
Taphattoota kunneen eenyutu affeere?
Taphattoonni buleeyyiin Afrikaa fi addunyaarratti maqaa guddaa qaban kunneen wayita Itoophiyaatti daawwannaa taasisan sadarkaa biyyaatti mootummaan affeeree osoo hin taane jalqaba dhaabbata Shanan Afrikaa jedhamutu isaan affeere.
Shanan Afrikaa jaarmiyaalee sagantaa fi festivaala adda addaa qopheessuun namoota bebbeekamoo biyya keessaa fi alaa affeeran keessaa tokko yoo ta'u, lammiilee Itoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraniin kan hoogganamuudha.
''Jalqaba Shanan Afrikaatu namoota kunneen affeere. Isa booda nutti [gara Aadaa fi Ipoortii] fidan,'' jechuun carraa uumame kanatti fayyadamuu ibsan Obbo Qajeelaan.
Sagantaan jaarmiyaan kun qopheessu agarsiisa faashinii, ispoortii fi agarsiisa aadaa garaagaraa yoo ta'u, namoonni ispoortii keessatti beekaman kunneenis kanumarratti affeeraman.
''Qophiin kun guyyaa sadiif ture. Jalqaba qophii agarsiisa faashinii irratti argaman. Guyyaa itti aanu naannawa Finfinnee kana daawwatan. Hidha haaromsaa dabalatee iddoowwan garaagaraa daawwataniiru,'' jedhan Obbo Qajeelaan.
Turtii MM Abiy Ahmad waliin...
Taphataa duraanii Naayijeeriyaa Nwankwo Kanu dabalatee taphattoonni gameeyyiin Afrikaa Ministira Muummee Abiy Ahmad dabalatee qondaaltota mootummaa olaanoo Itoophiyaa fi taphattoota kubbaa miillaa biyyattii waliin kubbaa taphataniiru.
Keessattuu taphi Ministirri Muummee Abiy irratti hirmaatan gidduu kana ajandaa ijoo ta'ee ture.
''Waajjirri Minitira Muummee taphattoota kunneen sagantaa qabachuun Dilbata ganama biqiltuu waliin dhaabanii achumaan gareen minitira muummeen hoogganamu garee taphattoota buleeyyii kunneen waliin kubbaas taphatan,'' jedhan Obbo Qajeelaan.
Taphattoonni duraanii Afrikaa kunneen namoota damee kubbaa miillaa Itoohiyaa keessa turanis argachuun kubbaa waliin taphatanii, muuxannoos qoodaniiruuf.
Taphataan duraanii umrii waggaa 47 Nwankwo Kanu taphataa sarara fuulduraa Naayijeeriyaa kan ture yoo ta'u biyyasaafis ta'e kilaboota addunyaa garaagaraa keessatti taphateef bu'aa guddaa buusuun maqaansaa ka'a.
Naayijeeriyaatti miseensa garee kubbaa miillaa biyyaalessaa ta'uun alatti kilaba biyyattii clubIwuanyanwu Nationale jedhamuufis taphateera.
Kilaboota Awurooppaa kanneen akka Ayaaksi, Intar Miilaan, Arsenaal, West Bromwich Albion fi Portsmouth keessas taphateera.
Taphataan lammii Naayijeeriyaa Nwankwo Kanu Ministira Muummee Abiy waliin biqiltuu dhaabeera.
Daawwannaan kanarraa bu'aan argame maali?
Akeeki sagantaa kanaa namoota bebbeekamoo, taphattoota kubbaa miillaas warra kaanis, gara biyya kanaa fidanii investimantii keessatti akka hirmaatan gochuudha jedhan Obbo Qajeelaan.
''Namoonni kunneen warra qabeenya qaban. Kanaaf ispoortiirratti, aadaarratti, tuurizimii keessatti investi akka godhan yaadameeti. Namoota bebbeekamoos waan ta'aniif biyya kanas akka sirriitti baran gochuun kaayyoo gooroo sagantaa kanaati.''
Keessattuu dippiloomaasii aadaa fi ispoortii akkasumas diinagdee biyya kanaa, cimsuu keessatti kun qooda guddaa qaba jedhan.
Daawwannaan taphattoota buleeyyii kunneenii yeroo kilabiin Raayyaa Ittisaa waggaa 80ffaa hundeeffamasaa kabajatuun walirra bu'e kan jedhan Obbo Qajeelaan, ''garuu kan affeere isaan miti,'' jedhan.
Namoonni kunneen jaarmiyaa Shanan Afrikaa jedhamuun affeeramanillee, biyyattiin ammoo carraa kana gargaaramuun irraa fayyadamteetti akka Obbo Qajeelaan jedhanitti.
Dilbata galgala sagantaa gaggeessaa namoota kunneeniif hoteela Skylight'tti qophaa'erratti gara fuulduraattis waan hedduu akka waliin hojjetan waliin dubbachuus ibsan.
''Namoonni kunneen ministira muummee waliinis turan waan ta'eef dhimma hedduu waliin dubbataniiru. Gara fuulduraatti akkasaan ispoortii Itoophiyaarratti hojjetan abdii qabna.''
Taphataan Poorchugaal Luwiis Naanii jedhamu gara Itoophiyaa dhufuun walqabatee dhimmi jirus sagantaama kana keessatti hammatama jedhan Obbo Qajeelaan.
Naaniin wagga 80ffaa hundeeffama kilaba Raayyaa Ittisa Biyyaa [Machaal] irratti argamuuf akka affeerame kilabichi ibsuu miiidyaaleen biyya keessaas gabaasaniiru.
Taphataan lammii Poorchugaal kun ''bakka argama dhala namaa kan taate Itoophiyaan onneekoo keessa jirti,'' jechuun viiidyoo maxxansame irratti dubbata.
Kilabni Raayyaa Ittisa Biyyaa [Machaal] erga hundeeffamee gama kubbaa miillaan qofa osoo hin taane gama atileetiksiin atileetota jajjaboo Itoophiyaaf gumaacheera.
Atileet Abbabaa Biqilaa gurraacha Afrikaa yeroo jalqabaaf dorgommii Maraatoonii Room irratti miilla qullaa fiiguun warqee ishee jalqabaa dorgommichaan Afrikaaf argamsiise bu’aa kilaba kanaati.
Itoophiyaan damee atileetiksii fiigichaan addunyaarratti dorgomtuu cimtuu taatus gama kubbaa miillaan milkaa'ina hin qabdu.
Haata'u malee biyyattiin Waancaa Afrikaa bara 2029 qopheessuuf akka yaada qabdu kan ibsite yoo ta'u, taphattoonni buleeyyiin muuxannoo qaban biyyattii daawwachuun karoora kana milkeessuu keessattis guddoo gumaacha jedhamee abdatama.
Itoophiyaan Waancaa Afrikaa qopheessuuf ifatti gaafachuu MM Abiy Ahimadis guyyaa Dilbataa dabaluun ibsaniiru.
Haata'u malee Itoophiyaan dirree sadarkaa eeggate dhabdee gareen biyyaalessaashee biyya ormaatti osoo taphatuu akkamiin Waancaa Afrikaa qopheessuun danda’ama jechuun xinxaltoonni gaafachuutti jiru.
Ministirri Ispoortiifi Aadaa Obbo Qajeelaa Mardaasaa bara 2029 biyya biraa waliin ta'uun osoo hin taane ''kophaadhumatti keessummeessuuf karoorfannee'' jechuun kana dura BBC'tti himan.