Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Goorillaan hirriyaa isaanii dhaltuu waggootaaf adda bahan barbaaduun beekamu
Hariiroo goorillaan gaara keessaa dhaltuu tahan waliin ijaarratan isa yaadameen ol akka tahe qorannoo haaraan Ruwaandaatti gaggeeffame tokko agarsiise.
Gorillaa dhaltuun yeroo garee haaraa gorillaa biraatti makamuu barbaaddu isaan keessaa gorillaa dhaltuu duraan beektu akka isaan keessa jirtu adda baasti.
Qorattoonni Paarkii Biyyaalessaa Volkaanoo jedhamu Ruwaandaa keessatti argamu keessatti waggoota 20 oliif gareewwan goorillaa adda addaa irratti gaggeessaniiru.
Qorattoonni kunneen akka jedhanitti gorillaa dhaltuun adda bahanii waggaa dheeraa yoo turaniyyuu garee adda addaa keessa galuun wal barbaadu.
Garee haaraa itti makamtu keessa gorillaa dhaltuun waggoota dheeraa dura beektu jirti taanaan isaanitti makamti jedhan.
Argannoon qorannoo joornaalii Riyal Society jedhu irratti ba'e hawwaasa goorillaa keessatti hariiroon goorillaa dhalaa lamaa hagam murteessaa akka tahe agarsiisa.
Dursaan qorannichaa Viktoorii Maartinyaak, Yuunvarsiitii Zuurik irraa ''saayinsiidhaan waa'ee michummaa haasa'uu danda'uukoo hin beeku,'' jedhe. ''Garuu Hariiroon gorillaa saala wal fakkaataa ykn dhaltuu lamaa baay'ee murteessaa athuu argine'' jedhe.
Gara garee hawwaasa gorillaa biraatti godaanuun kkaataa wlaiin jireenya isaanii qajeelchuuf isaan gargaara. Waan kana gorillaa dhalaa fi kormaan waan godhanidha.
Bara jireenya isaanii keessatti gorillaa dhalaan si'a baay'ee garee tokkoo gara garee biraatti godaanu.
Waan kun ammoo achuma keessatti sanyiima tokko akka hin horree fi sanyii isaanii garee adda addaa keessa facaasuun horaniif isaan gargaara.
Kun ammoo waliin jireenya gorrillaa qajeelchuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan qoratichi.
''Bineensa bosonaa biratti waan kun baay'ee murteessaadha.''
''Garuu kana irratti qorannoo gaggeessuun baay'ee ulfaataadha. Goorillaan tokko garee tokkoo bahuun yeroo garee biraatti makamu hordofuun isaa baay'ee waan ulfaatuufi.''
Dhaabbata erga bara 1967 as imalaa fi jireenya goorillaa kana hordofaa ture Diyaan Foosee Goorillaa jedhamu waliin hojjechaa turuu kan himte qorattuun kun, karaa isaanii sochii goorillaa kanneenii hordofuu himte.
Dhaabbbata kana waliin goorillaa dhalaa 56 hordofuun garee akkamii akka filatanii fi maaliif akka tahe adda baaseera.
Goorillaa dhaltuun garee goorillaa kormaan keessa jiruu fi kana dura wal beekaan dhiisuun kan biraa barbaadaa turan.
Garuu garee goorillaa dhalaan kana dura beekan keessa jirtu barbaaduun itti makamaa turan.
Kun isaaniif waan murteessaadha jedhan qorattoonni kunneen.
Warri dhalaan kun osooma waggoota dheeraaf addaan bahanii turaniyyuu waan wal yaadataniif wal barbaaduun walitti makamu jedhan.
Goorillaa dhalaa waliin guddatan, ykn hariiroo hawwaasumaa qaban waliin wal barbaaduun waliin taphatu. Hariiroo gaarii waliin qabaatu.
Qorattuu Maartinyaak jedhamtu kun gooriillaan faayidaa hawwaasummaa qabaniif bakka guddaa waan kennaniif goorillaa kana dura beekan barbaadu jette.
''Garee goorillaa haaraatti yeroo makaman jireenya isaanii tokko jedhaniiti lafaa jalqabu. Goorillaa dhalaan kana dura isaan hin beekne amala itti jijjiiratu.
''Sababni isaas goorillaa kormaa garicha keessa jiru irraa fudhachuu waan dandeessuuf akka masaanuutti ilaalti. Kanaaf amala itti hammaatti,'' jette.
Qorattoonni kunneen godaansa garee tokkoo gara garee biraatti goorillaan taasisu akkaataa hawwaasummaa dhala namaa qorachuufi hubachuuf waan nu gargaarudhas jedhan.
Gooriillaan dhala namaatti dhiyeenya waan qabuuf hawwaasummaa isaanii hubachuun murteessaa akak tahe himan.
Hawwaasummaa goorillaa keessatti ammoo hariiroo goorillaa dhalaan waliif qaban hedduu murteessaadha jedhan.