Haleellaan lafoo Israa’el harkifachuun akkamitti Ameerikaa fayyada?

Madda suuraa, Rooyitars
Ministirri Muummeen Israa’el weerara lafoo Gaazaa gaggeeffamu haala ifa hin taaneen labsuun Ameerikaaf ni mijata. Tariiyyuu dhiibbaan keessa jiraachus mala.
Beenjamiin Neetaaniyaahuun haleellaan kun yoom akka raawwatamu yeroosaa ifatti hin ibsine. Haata’u malee, miidiyaan CBS kan michuu BBC ta'e akka jedhutti, haleellaan lafoo harkifateera.
Waashingitan gahee dhimma kana qabdu ibsurraa of qusatte, garuu faayidaa yeroo dabalataa fudhachuun qabu ibsiteetti.
Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden Roobii darbe akka jedhanitti, yoo danda'ame Netaniyaahuun hanga Hamaas namoota butaman dabalataan gadhiisutti eeguu qaba yaada dhiyeessan, ''garuu ani hin gaafanne'' jedhan.
Yaadni isaa kun tooftaa Ameerikaan waraana Israa’el garee hidhattoota Filisxeem irratti gaggeesitu kan akeeku.
Jalqaba haleellaa Hamaas lammiilee Israa’elirratti raawwate booda kutannoo Hamaas dhabamsiisuuf Israa’el qabdu akka deeggaran ibsanii turan.
Ameerikaan karaa namoonni butaman uggura Hamaas jalaa bilisa baasuun danda’amu barbaaddi
Yoo loltoonni lafoo-Israa’el Gaazaatti qajeelan karaan kan cufamuu fakkaata.
Lammiileen Ameerikaa dabalatee namoonni 200 ol butamanii to’annoo Hamaas jala jiru.
End of Odeeffannoo kanaan walitti dhiyaatan asii argattu
Guyyoota darban keessa namoota butaman afur gadhiifamuun namoonni hafan biroo gadhiifamuu akka danda'an abdii uumeera.
Humnoota Ameerikaa Iraaq fi Sooriyarraa keessaa jiranirrratti hidhattoota Iraaniin deeggaraman haleellaa raawwannaan Peentaagan meeshaalee haleellaa ittiin qolatan gara Baha Giddugaleessaatti saffisaan erge.
Kunis weerarri Gaazaa erga jalqabee booda yaaddoo naannichatti tti hammeeesse.
US harkifannaa kana faayidaa isheef eegumsa cimsuuf itti fayyadamaa jirti.
Ministeerri Dhimma Alaa kanaan dura hojjettoonni hedduu barbaachisoo hin taane Imbaasii Iraaq fi Libaanos keessaa akka bahan ajajeera.
Akkasumas yoo barbaachisaa ta'ee lammiilee Ameerikaa naannicha keessa jiran bal'inaan baasuuf karoora qopheessaa jirti.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinken Baha Giddugaleessaa keessatti lolichi akka hin babal’anne ittisuuf yaaluun naannichatti marmaaraniiru.
Waamicha lollii akka dhaabatuuf dhiyaatu
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti wixinee murtoo(resolution) Ameerikaan dhiyeessite tooftaa waldhabdee qabdu akeeka.
Balaan namoomaa uggura Israa'eliin Gaazaatti dhalate guddaadha.
Wixinee murtoo Ameerikaan dhiyeessite dhukaasni akka dhaabatu waamicha hin dhyeessine jechuun Raashiyaa fi Chaayinaan fudhatama dhabsiisan.
Biyyoonni Arabootaa michuu Ameerikaa ta'an kanneen akka Masrii, Sa’uudii Arabiyaa, Libaanos, Joordaan, UAE fi Abbaan Taayitaa Filisxeem dhukaasni akka tumsan.
Amma dhukaasa dhaabuun Haamas qofa fayyada jedhan Dubbi-himaan Waayit Haawus Joon Kirbi.












