Biyyoonni Afrikaa 15 Itoophiyaa dabalatee dhimma Raashiyaa irratti sagalee kennuurraa of qusatan

Yaa'ii Walii galaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niwu Yoorkitti kaleessa Guraandhala 23 gaggeeffame irratti biyyoonni Afrikaa 15 yaada Yukireen weeraruu isheef Raashiyaa balaaleffachuuf dhiyaaterratti sagalee hin kennin hafan.

Yaa'ii kanarratti biyyoonni Afrikaa 15 wixinee dhihaate hin deeggarres, hin morminees - sagalee kennuurraa of qusatan.

Kanneen keessaa tokko Itoophiyaadha.

Biyyoonni 28 ammoo Raashiyaan Yukireen weeraruu isheef balaaleffatamuu qabdi yaada jedhu dhiyaate deeggarun sagalee kennan.

Biyyoota Afrikaa wixinee kana morman lama yoo ta'an, kunneenis Ertiraafi Maaliidha.

Wixineen Yaa'ii Walii galaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) irratti dhiyaate kun Raashiyaan waraana dhaabdee loltoota ishee daangaa Yukireen keessaa haa baastu kan jedhudha.

Sagaleen kora UN walii galaa irratti kennamu seeraan waan dirqisiisu hin qabu, garuu dhiibbaa siyaasaa ni qabaata.

Wixinee yookiin yaada murtii dhiyaate kana biyyoonni 141 yoo deeggaran 32 ammoo sagalee hin kennin dhiisan. Kanneen keessaa 15 biyyoota Afrikaati.

Biyyoonni torba ammoo yaada dhiyaate kana mormuun gara Raashiyaa goran.

Biyyoonni Afrikaa Raashiyaa irratti sagalee keenya hin kenninu jedhanii callisan: Afrikaa Kibbaa, Itoophiyaa, Aljeeriyaa, Angoolaa, Burundii, Naamibiyaa, Rippaabilika Afrikaa Giddu Galeessaa, Koongoo Biraazavil, Gaabon, Giiinii, Mozaambik, Sudaan, Toogoo, Yugaandaafi Zimbaabuweedha.

Biyyoonni akka Seneegal, Burkiinaa Faasoo, Kaameruun, Ikuwaatoriyaal Giinii, Eswaatiiniifi Giinii Bisaawoo sagalee kennuu keessatti hin hirmaanne.

Naayijeeriyaa, Ayivoorikost, Masirii, Gaanaafi Keeniyaan ammoo Raashiyaan loltota ishee Yukireen keessaa baasuu qabdi jedhanii warra deeggaraniidha.

Korri kun sagalee caalmadhaan Raashiyaan Yukireen keessaa bahuu qabdi jedhee yaada dhiyaate raggaasisuun isaa deeggarsa cimaa addunyaan biyya isaanif qabu akka agarsiisu dubbatan pirezidaantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskiin.

Guraandhalli 24, 2023 waggaa tokkoffaa itti Raashiyaan Yukireen weerarteedha.