Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maan Yunaayitid cimina duraan beekamanitti deebiyaa jiruu?
Kilaboota Piriimer Liigii Ingiliiz keessaa sadarkaa addunyaatti baayyee beekamaa kan ta’e Maanchester Yunaayitid waggoota muraasaan asitti ayyaanna irraa fagaatee tureera.
Tapha deeggartoota isaa biratti ittiin beekamuufi sadarkaa duraan ittiin beekamurraa erga fagaatee bubbuleera.
Keessumaa erga leenjisaan duraanii kilabichaa Sir Aleks Fergusan sooramaan adda bahanii surraan kilabichaas irraa sokkee ture.
Erga Fergusan Maanchester Yunaayitid gadhiiseen booda leenjisoota biroo jijjiiranii turan, garuu foyya’insi hanga tokko mumul’ateera. Haata’u malee, gara cimina isaa duraaniitti osoo hin deebiyiin tureera.
Baruma taphaa Kana keessas jalqabii irratti dubbiin toora osoo hin galiiniif turuun gahumsatti deebiyuu dadhabee wayita rakkatu mul’ateera.
Amma tooratti deebiyaa jiraa?
Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaan Maanchistar Yunaayitid yeroo dheeraaf gatantaraa erga tureen booda dhumarratti ciminsa gaarii duraan ittiin beekamutti deebi'aa jira jedhe.
“Maanchistar Yunaayitid gara sadarkaa olaanaatti dorgomaa ta'uuf karaa irra jira,” jedhe Peep Gaardiyoolaa.
Yunaayitid bara 2013 booda Piriimiyer Liigii Ingiliiz kan hin injifanne yoo ta'u, waancaa isaanii inni dhumaa bara 2017 ture.
Garuu erga Maanchester Darbii irratti Siitiin 6 fi 3n injifamtee as taphoota torba irratti osoo hin mo'amin jira.
Jijjiiramni gaarii kun leenjisaa kilabichaa haaraa Erik ten Hag jalatti akka argamaa jiru Gaardiyoolaan raga bahaaf.
''Isa waliin miirri Yunaayitid deebi'aa jira.
"Dhuma irratti Yunaayitid deebi'aa jira - Kamisa [Sheriff Tiraspol 3-0n injifate], akkasumas walakkaa jalqabaa irratti Cheelsii waliin [dhuma torbee darbee 1-1n qixa ba'e] argeera.
"Yeroo ammaa kana waanan Yunaayitid irraa argu natti tola jedheen ture. Gareen akka Yunaayitid kun yeroo hedduu dorgomtoota cimoo ta’u. Kanaafidha Shaampiyoons Liigii Awrooppaaf darbuuf qabsaa'uufi waancaa kanaaf falmachuu kan qabdu."
Gaardiyoolaan bara kana Niwukaasil waancaa argachiifis ta’e kilaboota afran duraa keessaa tokko ta’ee ba’uuf dorgomuuf miira wal makaa keessa akka jirtu akka argu dubbateera.
''Niwukaasil duruu achi jira,'' jechuun Gaardiyoolaan dabalee kan dubbate yoo ta'u, gareen isaa Siitiin waancaa Piriimiyer Liigii Ingiliiz yeroo sadaffaaf walitti aansuun argachuu barbaada.
“Tootenhaam irratti isaan argeera. Ittisa giddu-galeessaa Keenii fi Saan waliin taasisaniin nama irraa namatti deeman homaa rakkoo tokko malee."
"Tapha sadaffaa bara kanaa irratti isaan waliin taphanneerra. Eedii leenjisaa hangam gaarii akka ta'e ni beekna."
"Taphattoota haaraa cimanii taphatan qabu. Kanaaf, dorgommii sadarkaa kana keessa ni jiraatu.”
Gaardiyoolaan kilabni isaa milkaa'ina gaarii salphaatti argamsiisaa jiraniif galata maluuf argachaa hin jiran jedhee aaman.
Dhuma torbee darbee Biraayitan waliin taasisaniin fakkeenya akkasii keessaa tokko ture. Siitiin 3-1n injifatee, Erling Haaland goolii lama galcheen morkattoota irratti injifannoo idilee fakkaatu agarsiiseera.
''Taphattoota Biraayitan booda kutaa uffannaa keessatti argeen ture, dadhabaniiru,'' jedhe Gaardiyoolaan.
"Bilbilallee fudhachuu hin dandeenye. Mee hammam akka dadhaban mee yaadi - humna Instagram banuufillee hin qaban turan."