Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Moolii Sidnii keessatti haleellaa aalbee nama tokkoon namoonni shan du'an
Namichi gamoo Awustiraaliyaa magaalaa Sidnii keessatti daa'ima ji'a sagaliifi namoota kaan sagal waraane rifaatuu uume dhukaasaan ajjeefameera.
Wiirtuu gabaa(moolii) Weestfiild irraa namoonni baqachaa yeroo bahan mul'ateera, poolisiin hanga yoonaa namoonni shan lubbuun darbuu akkasumas sagal madaa'uu himeera. Warreen miidhaman kanas hospitaalatti ariifachiisaa jiraachuu hime.
Poolisiin taateen kuni uumamuu kan labse namni haleellaa raawwate Sambata ganama sa'atii 03:00itti itti dhukaafamuu booda dha.
Taateen kuni ammallee itti fufee waan jiruuf namoonni naannicha akka hin deemne dhorkamaniiru.
Viidiyoon bahaa jiru akka agarsiisutti poolisootaa fi konkolaataan ambulaansii baay'ee naannicha guuteera. Waan Miidiyaalee hawaasaa irratti qoodame ammoo namoota miidhaman baayyeefi nama haaduu guddaa baatee jiru agarsiisa.
Ambulaansiin Niiw Saawuuz Weelis gochaa kana nama tokkotu raawwate innis poolisiin itti dhukaasee ajjeefameera jechuun AFP'tti himeera.
Koomishinariin Poolisii Antoonii Kuuk ibsa kennaniin namni haleellaa kana raawwate kuni ''qofaamasaati'' dalagee, yaaddoon dabalataa uummatatti dhufaa jiru hin jiru jedhan.
Namni kuni yakka kana maaliif akka raawwachuu danda'e waan ciicatan yoo jiraate gaafatamnaan Kuuk qorannootti jiraachuu himaniiru.
Namni ijaan arge tokko ammoo nama lafa ciisee ture arguufi maaltu akka tahe hubachuu akka yaale hima.
''Namoota nutti as fiigan argine, achii abbaan warraa koo gara suuqii Adaayirs jedhamutti nu dhaqate. Hamma poolisiin dhufutti mana qulfii qabutti cufannee taa'aa turre,''
Kaan ammoo, dubartii lafa ciistee akka argeefi, ''waan hin eegamnetu tahaa gara gootu wallaalta,'' jedhe.