Restooraantii tokkicha Itoophiyaa 'Magaalaa Dhagaatti' argamu

Restoraantii Absiiniyaa Itoophiyaa, Zaanzibaaritti argamu
    • Barreessaa, Zalaalam Taaddasaa Duuressaa
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Taanzaaniyaa odola Zaanzibaar gidduugala magaalittii, Magaalaa Dhagaa [Stone Town] jedhamuun beekamu keessatti kan argamu Restooraantiin Abisiiniyaa Itoophiyaa beekamtii guddaa argateera.

Zaanzibaar magaalaa seenaa qabeettii taatee fi UNESCO irratti galmoofte keessatti kan argamu restooraantiin Abisiiniyaa Itoophiyaa, turistoota biyyicha galaniin qofa osoo hin taane, lammiilee biyyichaa birattis jaalatamummaa guddaa argateera.

Maagaalaa Zaanzibaar keessaa iddoo seenaa qabeessa Magaalaa Dhagaa [Stone Town] jedhanii waaman keessatti argama.

Marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduutti gaggeeffame gabaasuuf yeroo garas deemnu akka gidduugala magaalittii geenyeen mana nyaataa Abisiiniyaa Itoophiyaa jedhu argine.

Lammiilee Taanzaaniyaa hojiif nu waliin turan yoo gaafannu‚ "maagalaa kana keessatti restoraantii baay’ee beekamadha," nu jedhan.

Restooraantiin kun erga banamee waggootni 12 darbaniiru. Biriktii Walduu Taanzaaniyaa keessa waggoota 20 oliif jiraatteetti. Mana nyaataa kana bara 2011 akka bantee fi ergasii maamiloota addunyaa guutuu irraa akka argatte nutti himte.

Restoraantiin kun banamee waggaa lama keessatti beekamtii guddaa argachuun mootummaa biyyattii irraa beekamtii argate.

Turistootni addunyaa guutuu irraa Zaanzibaar deeman manneen nyaataa filatamoo yoo barbaadan warra jalqabaa keessatti Abisiniyaa Itoophiyaa argatu.

Garuu daakuu xaafii argachuun qormaata guddaa ture. Buddeena ruuzii, daagujjaa fi waa'ee ruuzii ittoo lukkuun qopheessanii isnitti himna.

__________________________________________________________________

'Ruuzii, ittoo lukkuun jalqabne'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biriktiin akka mana nyaataa kana banteen maamila homaa akka hin qabne yaadatti.

''Namni dhufee nyaatu tokkollee hin turre. Nyaata Itoophiyaas namni beeku hin jiru ture,'' jette.

"Jalqaba ruuzii ittoo lukkuudhaan dhiyeessuun jalqabne.''

''Xaafiin biyya kana hin jiru. Zaanzibaar keessa ammoo gonkumaa namni buddeena tolchee gurguru hin jiru. Yeroon mana nyaataa koo bane buddeena tolchuun hedduu na rakkisee ture,‘‘ jette.

Ruuzii irraa buddeena tolchee hin beeku. Ruuzii irraa buddeena tolchuuf yoo jedhu takka takka eelee irraa bahuu didee harka kootti qabata.

Maamilootnikoo iyyuu yeroo nyaatan harka isaanii irratti akkuma marqaa taha ture, jetti ka’umsa ishee yoo yaadattu.

Ruuzii buddeenaaf tahu kam akka tahe ani hin beekun ture kan jettu Biriktiin ruuzii isa harka irratti baqu ture kanan fayyadame jette.

‘‘Gosti ruuzii biraa buddeenaaf tahu jira ture. Lammiilee Itoophiyaa Daar es Salaam jiraatan yoon gaafadhu na dhoksan. Bukoo ruuzii baay’ee dhangalaasna ture. Abdii nama kutachiisa ture," jechuun waan ishee mudataa ture nu haasofsiifte.

Booda dubartii lammii Itoophiyaa taate tokko Daar es Salaamii fiduun ji’atti dolaara 500 kaffalteefii akkaataatti ruuzii irraa buddeena tolchuun danda’amu ishee irraa barachuu himti.

Biriktiin muuxannoo kana erga argattee manni nyaataa ishee jaalatamummaa guddaa argataa akka dhufe himte.

Biriktiin ammayyuu xaafii argachuu waan hin dandeenyeef buddeena xaafii dhiyeessuu hin dandeenye.

Amma ruuzii irraa osoo hin taane daagujjaa irraa buddeena akka tolchaa jirtu himti.

Daagujjaa Itoophiyaattis namootni buddeenaaf fayyadaman jiru. Garuu filatamaa miti.

Birktiin buddeeni daagujjaa keenya hedduu jaalatama jetti. Kan buddeena xaafii irraa garaagarummaa akka hin qabne himti.

‘‘Buddeenni daagujjaa amala dafee goguu qaba. Kanaaf buddeenni tolchinee bulchinu hin jiru. Ammuma tolchinee ho’aa isaa maamiloota keenyaaf dhiyeessina,’’ jette.

Namoota mana nyaataa keessatti walitti qabaman

Rakkoon biraa ammoo bakkatti daagujjaas tahe shiroo fa’aa daaksifatanidha. Biriktiin mana nyaataa isheef jecha baabura midhaan daakuu qofaatti bitachuu himti.

"Shiroo, barbaree fi daagujjaa ofuma keenya asitti daaksifanna. Shiroo namoota barbaadaniif dhiyeessuus dandeenya.’’

Rakkoon biraa ammoo hojjettoota nyaata Itoophiyaa qopheessan argachuu akka tahe dubbatti. Lammiilee Taanzaaniyaa leenjisuun akka hojjechiisaa turte himuun, maqaa nyaataa fi akkaataa qophii isaa garuu dafanii hin qabatan jetti.

Biriktiin nyaata isheen qofa osoo hin taane juusii isheen hedduu beekamti. Abisiiniyaa saanshaayin kan jedhamu hedduu akka jaalatamuuf himti.

Dubbii keenya irratti akkaataatti juusiiwan ishee kanneen akka qopheesitu na hin gaafatiinaa jette.

Maamilootni koo hedduun lammiilee Raashiyaa, Indiyaa fi biyyoota Awurooppaa kaanii fi Ameerikaa irraa dhufanidha.

Lammiilee fi dhalattootni Itoophiyaa biyya biraa jiraatan bashannanaaf yeroo gara Zaanzibaar deeman kaan akkuma gammadanii bahan kan komatamanis hin dhabaman.

Biriktiin lammiileen Hindii fi Itoophiyaa yeroo hedduu nyaata irratti akka ishee rakkisan dubbatti.

Namootni tokko tokko akkaataatti nyaata isaaniif qopheessinu nutti himuurra darbanii hanga gola nyaata itti bilcheessinuutti kan galan jiru jetti.

''Kana itti dabali, kana irraa hir'isi si jedhu. Kalaankala, [xibsii] zayitii hin qabne, ashaboon itti hin baay'anne, qaaraa fi waan biraa hin qabne bareechii naa hojjedhu si jedhu.

''Yoo akka isaan jedhanitti hojjettuuf homaa waan hin mi'oofneef komii dhiyeessu... [kolfa]... waaddiin zayita, shunkurtii [qullubbii], ashaboo hin qabne akkamiin mi'aawuu danda'a?'' jette.

''Itoophiyaanonni tokko tokko inumaayyuu nyaatanii ka'anii kanatti hin kaffallu jedhanii bahanii qajeelu. Gaaf gaaf poolisiitu qabee kaffalchiisa.

Keessa bahanii Imbaasiin Ameerikaa eessa jira? Akkamitti nyaata akkasiif kaffalla jedhanii kan dubbatanis jiru jechuun mudannoo ishees nuuf qoodde.

Abisiiniyaan akkamiin baname?

Haati qabeenyaa restoraantii Abisiiniyaa Itoophiyaa, Biriktii Walduu, Magaalaa Maqaleetti dhalattee magaalaa Adaamaatti guddatte. Akka tasaa Beerut deemuun ogummaa nyaata bilcheessuu barachuun biyyatti deebite.

Ogummaa ishee kanaan hojjettoota dhaabbata GIZ jedhamaniif nyaata bilcheessuu qacaramuun hojjechaa turte.

Biriktiin Itoophiyaatti hojjettoota dhaabbata GIZ jedhamuuf yeroo hojjetaa turte jaalatamummaa guddaa argatteetti.

Ogummaan Beeruttitti argattee galtes hedduu ishee gargaareera. Nyaata isheen hojjechuu dandeessu kan Itoophiyaa caalaa gosoota nyaataa adunyaa irratti beekamanidha.

Hogganaan ishee GIZ keessaa bara 1997 gara Taanzaaniyaatti yoo jijjiiramu isheenis akka waliin deemtu haala mijeesseef. Isheenis tole jettee Taanzaaniyaa magaalaa Eeraangaa jedhamuu waliin deemte.

Eeraangaa keessa waggoota 10 ol jiraatte. ‘’Finfinnee waliin wal bira qabdee yoo ilaaltu Eeraangaan baadiyaa fakkaatti. Bosona baay’ata. Afaan hin beekun ture. Baayyee nama rakkisa. Yoo afaan Iswaahilii hin beektu tahe sitti kolfu,’’ jette.

Waggaa 10 tahu achuman hojjechaa ture. Booda afaan isaanis baradhe. Sababa hojii kanaan faranjoota hedduu walin akka wal baruuf carraa argadheera jette.

Eeraangaa yeroo jiraataa turte mucaa durbaa tokkos qabdi ture.

‘‘Mucaan koos barattuu turte. Guyyaa idil adunyaa yeroo qopheesinu anaaf mucaakootu waan aadaa Itoophiyaa agarsisu uffatee nyaatas qopheessa ture. Faranjootnis kana arganii maaliif mana nyaataa addaa Itoophiyaa ibsu hin bantu jedhanii na jajjabeessa.''

Biriktiin yeroo kana irraa eegaluun mana nyaataa mataashee banuu yaaduu akka jalqabde himti.

Waa’ee Zaanzibaar dhageessee turistootni hedduun waan achi deemaniif restoraantii banuuf murteessuun garas deemte.

Hiriyyootni koo ‘‘mana nyaataa osoo hin baniin dura gara ji’a jahaa qorachaan ture. Humna hin qabdu. Hojii kana jalqabuun qaaliidha na jechaa turan''

Jalqaba bakka argachuun hedduu akka ishee rakkisee ture kan himtu Biriktiin restoraantii Afrikaa akka yaaliitti ilaalla jedhaniiti kan naaf eeyyaman jette.

''Lammiin alaa tokko Zaanzibaar keessatti hojii biizinesii ykn investimantii jalqabuuf yoo xiqqaate doolaara 300,000 qabaachuu qaba. Ani kana hin qabu waan taheef hedduu rakkadheen ture.

Garuu qondaalonni biyya kanaa akka yaaliitti ilaalla jedhanii na deeggaruun hojii jalqabe. Abbaa qabeenyaa ishee xiqqoon ana ture jechuun danda’ama yeroo sana’’ jette.

Har’a manni nyaataa kun guddatee beekamtii gudda argateera.

‘’Milkaa’ina koof kutannookootu saba jedheen yaada.’’

Sheefii kanan tahe akka tasaati

Biriktii Waldee amma Taanzaaniyaa jiraachuu erga jalqabdee waggootni 20 tahan darbaniiru. Lammummaa biyyichaa fudhachuufis iyyata galfachuu himti.

Biriktiin kan dhalatte naannoo Tigiraay magaalaa Maqaleetti yoo tahu kan guddatte ammoo magaalaa Adaamattidha.

Amma hojii ishee guyyuu kan tahe hojii nyaata bilcheessuu [sheefiitti] kan galte akka taasaa akka tahe himti.

‘‘Yeroon ijoollee ture meeshaan itti nyaadhullee lafaa hin kaasun ture,‘‘ kann jettu Biriktiin muuxannoo nyaata bilcheessuu guddaa akka hin qabne himti.

Guyyaa tokko hiriyaa ishee Maqaleetti wal beekanii fi waliin guddatan gaafachuu gara magaalaa Finfinnee deemti. Garuu dhabdee deebite. Eessa deemteeti jettee yoo gaafattu gara Beerut deemuu dhageessi.

Yeroo sana ijoollees waan turteef Beeruut lafuma dhiyoo amma gahanii deebi’an itti fakkaachuu hin hafne.

Obboleessi hirishee ‘‘deemuu feetaa’’ jedhee yoo ishee gaafatu isheenis osoo takkaa itti hin yaadiin tole jetteen.

Maatiinishee suuqii waan qabaniif meeshaa akka bittuuf Birrii 5,000 itti kennanii akka turan himti.

Isa irraa Birrii 2,000 hir’istee yoo kenniteef akka gara Beerut ishee geessu itti hime.

Yeroo sana umuriin ishee ganna 17 ture. Haa tahu malee, paaspoortii baafattee ofii ishee waan deemuu hin dandeenyeef umurii ishee dabaltee akka himatte dubbatti.

Maatii isheetti odeeffannoo homaa hin himne. Maaliif akka deemtullee adda hin baafanne. Kanumaan gara Beeruttitti qajeelte.

‘’Biyya Masirii yoon gahudha biyyaa baduu koo kaniin bare. magaalaa Kaayiroo yeroo geenyu akka fagoo jirru natti beekame. Kanumaan boo’uun jalqabe,’’ jetti akkatti biyyaa baate yoo yaadattu.

Garuu Beeruut akka geesseen maatii gaariitu ishee mudate. Maatii amala gaarii hin qabnee fi gara jabeeyyii irra bu’anii lubbuu isaanii kan dhabanis jiru mitiiree!

Biriktiin garuu ‘’akka mucaa isaaniitti na ilaalu. Anis ijoollee waanan tureef na ilaalanii waan naaf gaddan natti fakkaata,’’ jette.

Maatiin kun mana barumsaas ishee galchan. Dabalata ammoo akkaataatti nyaata bilcheessan ykn sheefii ishee barsiisan. Turtii waggaa sadii booda gara biyyaatti yoo deebitus ogummaa kana horattee galte.

Kanumaan dhaabbata GIZ jedhamu tokkoof nyaata bilcheessuu qacaramtee hojjechuu jalqabde.

Amma ogummaan kun waan jiruufi jireenya ishee ittiin gaggeeffattu tahuu irra darbee Zaanzibaar keessatti dubartii beekamtuu mana nyaataa Itoophiyaa qabdu jedhamtee hanga beekamtutti ishee dhaqabsiiseera.

Biriktii Walduu, haadha qabeenyaa restooraantii Absiiniyaa Itoophiyaa, Zaanzibaar jiruu

Biriktiin waggoota 20 tahaniif Zaanzibaar keessa yeroo jiraattu maatii hedduu horatteetti.

Uummanni Zaanzibaar jireenya hawwaasummaa guddaa tahe qabaachuun beekamu.

Wal kabajuu, wal gargaaruu fi nama gaafachuun hedduu beekama. Biriktiin ''Itoophiyaatii bahuu kootti waanan dhabe tokkoyyuu hin qabu. Asitti maatii isaanii taheera. Daandii irratti yoo na hin argiin turanillee hanga manaatti dhufanii na gaafatu. 'Si arginee hin beeknu, maal taate, hojiin akkamitti jira na jedhu''' jette.

Lammummaa biyyichaa argachuufis gaafattee jirti. Biyyoota kaan irraa bifa adda taheen hawaasni Itoophiyaa hedduun kan keessa hin jiraanne tokko Zaanzibaar.

Bashannanaaf kanneen garas imalan irraa kan hafe jiraattotni hedduun akka hin jirre dubbatti Birktiin.

''Amma akka biyya isaaniitti maqaa naaf baasaniiru. Zayituunaa na jedhu. Zayita ejersaa jechuudha.''

Uummanni Zaanzibaar %90 ol amantaa Islaamaa hordofu. Garuu wal dhabdeen amantaa biyyicha keessa hin jiru. Hunduu amantaa walii kabajee jiraata.

Biyyattiin Taanzaaniyaa jala taatee ofiin of bulchiti. Pirezidaantii mataashee kan qabdu yoo tahu, uummata miliyoona 1.5 ol qabdi.

Zaanzibaar odola Garba Hindii irratti argamtu taatee magaalaan ishee inni guddaan odola Unguje jedhamu irratti argama.

Odolli guddaa lammaffaan ammoo Peembaa jedhama. Biyyattiin bara 1883 dura wiirtuu daldala garbaa fi teessoo sulxaanota Omaan tahuun beekamti.

Poorchugaal waggoota 200 oliif bulchiteetti. Sana booda ammoo Omaan achii Biriiten itti wal dabarsuun bitaniiru.

Bara 1964 Warraaqsa biyyattii keessatti ka'een bilisummaa ishee Biriiten jalaa argachuun yeroo sana Taangaanikaa jedhamuun kan waamamtu waliin tokkoomuun Rippabliika Taanzaaniyaa hundeessan.

Irra caalaan dinagdee biyyattii galii turizimii irraa argamu irratti hirkata.

Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi WBO marsaa jalqabaa Eebla 24, 2023 hanga Caamsaa 02, 2023tti odola Zaanzibaar kanatti gaggeeffame.