Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gabaan jijjiirraa tibbanaa taphattoota ciccimoo warra kam kilaba isa kamitti geessa?
Tapha Pireemer Liigii Ingiliiz bara kanaa Hagayya 5 jalqabuuf jiru dura gabaan jijjiirraa taphattootaa akkuma ho'etti jira.
Kilaboota ciccimoo Liigichaa warra akka Maanchester Yunaayitid, Maanchester Siitii, Arsenaaliifi Chelsii dabalatee gareen hundi gabaa taphattootaa bahanii soqachaafi sossobachaa jiru.
Firaankii di Yoong Baarseloonaarraa gara Man Yunaayitid
Maanchester Yunaayitid taphataa sarara gidduu Baarseloonaa Firaankii di Yoong Paawondii miliyoona 65 itti baasuun qe'ee isaatti fiduuf dhiyaateera.
Taphataa lammii Neezerlaand kana Baarseloonaa irraa fiduuf Maanchester Yunaayitid baasii kana qofaan kan milkaa'u miti.
Baarseloonaan dabala irratti gaafachuutti waan jiruuf ammallee waliigaltee isa dhumaarra akka hin ga'amiin jiru maddeen kilabichaa ni mullisu.
Haata'u malee, taphataan kun akka gara Maanchester Yunaayitid dhufu dubbiidhuma dhumatte fakkaatti.
Taphataan umuriin isaa waggaa 25 ta'e kun, taphataa haaraa ganna kana keessaa leenjisaan Maanchester Yunaayitid Teen Haag ija irra godhatedha.
Maanchester Yunaayitid Yoong malee Ganna kana keessa taphataa biroo fidatu jedhamee eegama.
Maanchester Yunaayitid taphataa sarara gidduu Denmaark umuriin isaa waggaa 30 ta'e Kiristiyaan Eriksan mallatteesisuuf eegaa jira.
Erkiseniif Bireentford'illeen dhoofsisee akka barbaadu itti himeera.
Walumaagalatti Maanchester Yunaayitid taphattoota biroo sarara gara garaa irratti barbaadaa jiraatus Yoong fiduun garuu kan dursi kennameefidha.
Gabri'el Jiisas Maan Siitiirraa gara Arsenaal
Taphataa sarara duraa Maanchester Siitiifi Biraazil Gabri'el Jiisas baasii Paawondii miliyoona 45 itti baasuun fudhachaa kan jiru Arsenaal, osoo adeemsa jijjiiraa hin xumuriin dura qorannoo fayyaa taasifachuutti jira.
Taphataan lammii Biraazil umuriin isaa waggaa 25 ta'e kun kilaboota Piriimer Liigii Ingiliiz dabalatee guutummaa Awurooppaa keessatti haalaan barbaadamullee, inni garuu warra Gaaners galuu filateera.
Jiisas bara 2017 Palmee'iraas irraa gara Maanchester Siitii dhufee taphoota 236 taphateefiif galchiiwwan 95 lakkoofsiseeraaf.
Turtii isaa Maanchester Siitii keessatti Piriimer Liigii afur, Liig Kaaps sadiifi FA Cup tokko mo'ateera.
Siitiin taphataa sarara duraa lammii Noorwey Erliing Halaand Boorsiyaa Doortimoond irraa fiduu isaa hordofee Jiisas carraa hiriiruu inni qabaatu ni xiqqaata ture.
Jiisas kanaan dura manaajera Arsenaal yeroo ammaa Mikeel Arteettaa Maancheester Siitii turetti waliin hojjeteera waan ta'eef haalaan wal beeku bakka qaawwe guuttachuuf gabaa keessa jira.
Arsenaal taphataa sarara gidduu Faabiyoo Viyeeraa Poortoo irraa Paawondii miliyoona 34.2n gannuma kana mallatteessiseera.
Ammas dabalataan maqaan Arsenaal taphataa Liids Yunaayitid kan ta'e Rafiinaa waliin ka'aa jira.
Rahiim Isterliing Maanchester Siitii irraa gara Chelsiitti?
Chelsiin taphataa sarara duraa Ingilaand Raheem Isterliing Maanchester Siitii irraa fudhachuuf gaafachaa jira.
Isterliing bara 2015 keessa baasii Paawondii miliyoona 49 ta'uun Liiverpuul irraa gara Maanchester Siitii kan dhufe yoo ta'u, taphoota 339 itti hirmaatee gooliiwwan 131 lakkoofsiseera.
Taphataan kun abbaa qabeenyaa Cheelsii haaraa Todd Boehly' tiif jijjiiraa isa guddaadha jedhameera.
Taphataa umuriin isaa waggaa 27 ta'e kana fudhachuuf Chelsiin ammallee ifatti hin gaafatiin jira, garuu dhiyootti kun ni ta'a.
Jijjiirraan taphattootaa Piriimer Liigii kun guyyoota itti aanan keessas cimee itti fufa.