Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaan Addunyaa 2022 yoom gaggeeffama, Qaataar akka qopheessituuf maaliif filatamtee?
Dirreefi bakkawwan taphoonni Waancaa Addunyaa 2022 Qaataar qopheessaa jirtu itti gaggeeffaman filatamaaa jiru.
Istaadiyeemonni qophaa'an kam fa'i? Ho'iifi haalli qilleensaa Qaataar taphaaf hangam mijataa ta'a? Qophiin taphattootaafi keessummoota simachuuf taasifamu ammoo maal fakkaata?
Waancaa Addunyaa 2022 kana wanti adda taasisu tokko biyya Baha Giddu-galeessaa keessatti qophaa'uun isaa kan jalqabaa ta'uu isaati.
Wanti biraan ammoo ji'a/baatii inni itti gaggeeffamu jijjiiramuu isaati.
Waancaan Addunyaa 2022 yoom gaggeeffama, ho'i Qaataar ammoo hangam dhiibbaa qabaata?
Kanaan dura taphni Waancaa Addunyaa ji'a Waxabajjiifi Adoolessa keessa gaggeeffama ture.
Waancaan Addunyaa 2022 garuu seenaa dorgommii ispoortii guddaa addunyaa kana keessatti yeroo jalqabaatiif Sadaasaafi Mudde keessa gaggeeffamuuf jira.
Kun ammoo sababa haalli qilleensaa Qaataar ji'oota Waxabajjiifi Adoolessa keessa baayyee ho'aa ta'eefidha.
Kanaafis ture dorgommii kana Qaataar akka qopheessituuf murteessuun baayyee falmisiisaa ture.
Sagantaa bahee jiruun Sadaasa 21 hanga Mudde 18tiitti gaggeeffamuuf jira. Yeroo kanatti ammoo ho'i Qaataar keessaa yeroo hedduu 25C (77F) ta'a.
Waancaan Addunyaa 2022 kun akkuma duraan baratameen osoo ji'a Waxabajjiifi Adoolessa keessa gaggeefameera ta'e ho'a 40C caaluu danda'u yookaan ammoo hanga 50C ta'uu danda'u keessatti gaggeeffama ture.
Kun ammoo hangam akka rakkisaa ta'e hubachuun salphaadha.
Qaataar duraan ji'uma duraan baratame keessatti isteediyeemota cufaa tekonooloojiin qilleensa ittiin qabbaneessan (air-conditioned) tolfamee qopheessitee akka gaggeeffamuuf yaada dhiyeessitee turte.
Boodarra garuu karoorri kun osoo hin fudhatamiin hafee aanga'oonni dhimmi Waancaa Addunyaa ilaallatu ji'a taphaa jijjiiran.
Yeroo taphaa Waancaa Addunyaa jijjiiramuun kun rakkoo maalii qabaata?
Baatiiwwan Sadaasaa fi Mudde kilaboota kubbaa miilaa Awurooppaatiif yeroo hedduu itti ko'oommtanidha.
Ko'uma kana keessatti taphattoonni tapha Waancaa Addunyaa 2022 kanaaf biyya isaaniirraa gara Qaataar 2022 deemuun ammoo qaawwa uumuun isa awaan hin oolledha.
Kanarraa kan ka'eenis, liigiiwwan biyyoota Awurooppaa kan akka Piriimer LiigiiIngilaand, Serie A Xaaliyaan fi La Liga Ispeen fa'i dorgommii idil-addunyaa kanaaf jecha torban tokkoof butanii jalqabuuf dirqamu.
Qaataar Waancaa Addunyaa akka qopheessituuf maaliif filatamte?
Qaataar bara 2010 ture Waancaa Addunyaa 2022 akka qopheesituuf sagalee miseensota hoji-raawwachiiftuu FIFA 22 argattee kan mirkaneeffatte.
Yeroo sana biyyoota akka USA, Kooriyaa Kibbaa, Jappaan fi Ausstiraaliya adorgomtee mo'atte.
Dorgommii Waancaa Addunyaa qopheessuudhaaf biyya Arabaa jalqabaas taateetti Qaataar.
Qaataar carraa Waancaa Addunyaa 2022 qopheessuu argachuudhaaf matta'aa aanga'oota FIFAtiif $3.7m kenniteetti jechuun himatamaa turte.
Kana hordofees FIFA irratti qorannoon waggaa lamaa banamee gaggeeffamaa tureera. Garuu isaan booda FIFAn murtee dogongoraa taasiseera jedhamaa ture.
Pirezidantii FIFA kan ture Mr. Bilaatar yeroo ammaa kanatti yakka waliin dha'uu, horii qisaasuufi malaammaltummaa birootiif qoratamaa jira. Inni garuu himannaa irratti dhiyaate kana ni waakkata.
Gama biraan ammoo Qaataar hojjetoota biyya alaa dhaabbileen Waancaa Addunyaaf barbaachisan ijaaran haala hin malleen qabataa jirti jechuun jaarmiyaaleen idil-addunyaa mirgoota namoomaaf falman akka Amiistti Internaashinaal fi Huumaan Raayitis Waach irraa mormiin mudachaa jira.
Waacaa Addunyaa 2022 irratti biyyoota kamitu hirmaata?
Taphni gulaallii Waancaa Addunyaa 2022 waggoota sadii dura jalqabe.
Gareewwan ardii gara garaa irra jiran ramaddii gara garaa keessatti erga taphataniin booda warri tokkoffaa ta'an darbanii kaan ammoo irra deebiin taphachuun adda baafamu.
Waancaa Addunyaa 2018 kan mo'atte Firaans Waancaa Addunyaa 2022f darbteetti. Shaampiyoonaa Awurooppaa yeroo ammaa kan taate Xaaliyaan garuu osoo hin darbiin hafteetti.
Dhuma irratti, gareen biyyoota 32 garee saddeti biyyoota afur afur of keessaa qabutti ramadamu.
Gareewwan ardii tokko irraa dhufan ammoo akka waliin hin ramadamneef taasifama.
Kun garuu biyyoota Awurooppa irraa dhufaniif hin hojjetu, sababiin isaa ammoo ardii kana irraa baayyee waan ta'aniif carraa biyyoonni lama waliin ramadamuun jiraachuu mala.
Biyyoonni mo'achuu danda'u jedhamanii yaadamaa jiran Biraazil, Ingilaand, Firaans fi Ispeen akka ta'an himamaa jira.
Deeggartoonni Waancaa Addunyaa maal eegu?
Qaataar biyya baayyina ummataa miliyoona 2.9 qabdu yoo taatu, biyyoota addunyaa kana irratti dureeyyii ta'an adda duraa keessatti argamti.
Kun ammoo qabeenya zayita boba'aafi gaazii uumamaa qabdu biyya alaatti erguudhaanidha.
Tapha Waancaa Addunyaa kanaaf istaadiyeemota torba ijaarteetti. Kana malees bakka taphni waancaa guyyaa dhumaa itti gaggeeffamus magaalaa haaraa tokko ijaarteetti.
Hoteelonni haaraa 100 ol ta'an, magaalaa haaraa tokkoofi daandiiwwan haaraas ijaaraa jirti.
Koreen dorgommii kana qopheessan akka tilmaamanitti namoonni miliyoona 1.5 ta'an tapha xumuraa Waancaa Addunyaa 2022 irratti ni argamu.
Qaataar biyya hawaasa Musliima jabeessanii qabataniiti. Kanaaf, deeggartoonni amaloota agarsiisaniifi akka itti deddeebiyan hunda keessatti of eeggannoo akka taasisan akeekkachiifamaa jiru.
Alkoolii dhuguu seerri dhorku cimaatu jira. Dhugaatiin baarii hoteelota qananii gurguddoo ta'an keessaa qofa bitama.
Biiraan qaruuraan tokkichi $13 baasa.
Haata'u malee, qopheessitoonni akka jedhanitti yeroo taphaa kanatti alkooliin bakkawwan adda baafamanitti gurguramuu danda'a.