Baayeer Munikitti kan makame Maaneen 'yoomuu deeggaraa tokkoffaa Liivarpuuli' jedhe

Jifataan Liivarpuul lammii Senegaal jijjiirraan gara kilaba Jarman Baayer Muunikitti paawundii miiliyoona 35 taasise xumuramee, Istaadiyoomii Aliyaan Arenaatti deeggartootaan simatameera.

Kilabni isaa waggoota jahan darbanii Liivarpuul gurgurtaa Maaneerraa yuuroo miiliyoona 32 argatee dabalataan ammoo Yuuroon miiliyoonni sagal gahumsa taphatichaafi injifannoo kilabichi ammaa booda argatu irratti hundaa'uun herreega baankii Liivarpuulitti galii ta'a.

Liivapuul bittaa Maaneef maallaqa Muunik si'a lama dhiyeesse kufaa godheetu sadaffaarratti waliigale.

''Qormaata haaraaf yeroo sirriidha'' jechuun jifataan ganna 30 Maaneen Jarman irraa dubbateera.

''Fedha guddaa kilabni guddaan kun jalqabumarraa narraa qabu waaniin hubadheef sammuudhaa shakkii qabaachaa hin turree'' jedhe Maaneen.

Maaneen bara 2016 'tti ture Saawuzaampitan irraa paawundii miiliyoona 34'n gara Liivarpuul kan gale.

Taphoota 269 irrattis hirmaatee gooliiwwan 120 lakkoofsiseera. Bara dorgommii darbes gooliiwwan 23 lakkofsiseera.

Saadiyoo Maaneen urjii addunyaati kan gaaffii Baayer kan hubateefi bundesliigaaf hawwattummaa kan dabale'' jedhan pireezidantiin kilaba Baayer Muunik Herbeer Hayineer.

''Taphataa addaa kanaaf jecha deeggartootni Istaadiyoomiitti argaman.''

Maaneen kilabni isaa duraanii Liivapuul chaampiyoonsi Liigiifi Piriimiyeer Liigii akka injifatu gargaareera.

Waancaa Afrikaa darbe irrattis gahumsa guddaa agarsiiseen taphataa cimaa dorgomiichaa jedhameera, biyyi isaas chaampiyoonaa Afrikaa taateetti.

Gahumsa isaa olaanaafi milkaahina isaa sadarkaa idila addunyaa baroota darbanii itti fufaa ta'een addunyaarratti taphataan akka isaa muraasa'' jedhe hoji gageessaan kilba Baayeer Muunil Oliveer Kahaan.

''Saadiyoo Maaneen waggoota dhufan keessatti toftaa taphaa isaa ajaa'ibaan deeggartoota keenya akka gammachiisu mirkanatti amanna. Injifannoo dabalataa galmeessuuf hawwiifi fedha qaba. Gartuun kun baayyee cimaadha. Taphattoota akka isaa kilaba Baayer keessa jiran waliin galmoonni gurguddon qabaman kan milkaahaniidha.''

Maaneen fedha Liivapuulii bahuu qabaachuu hordofee Liivapuul torban darbe keessa jifataa Benfikaa lammii Uraagaat Daarwiin Nuneeziin paawundii miiliyoona 64'n harka galfateera.

Maaneen garee isaa duranii Liivarpuulitti yeroo nagaa dhaammatu ''Taphataa Liivapuul ta'uu ooluun miira haaraadha garuu ammoo yeroo hin amanamneen dabarse. Yoomuu deeggaraa Liivapuul tokkoffaan ta'a'' jedhe.

Deemuun Maanee Anfiildiif maal jechuudha?

Leenjisaan Liivarpuul lammii Jarman Yaargeen Kiloop bara 2015'tti yeroo kilbaicha qabatan taphataan jalqaba mallatteesifatan Saadiyoo Maaneedha.

Yeros jifataan Liivapuul lammii Biraaziil Robeertoo Firmiinoo gahumsa gaariirra ture. Achii bara 2017'tti Mohaammad Saalaa itti makamuun kilabichi jifgattoota sarara fuulduraa seenaa piriimiyeer liigichaa keessatti milkaahoodha jedhaman akka qabaatu taasise.

Jifattootni sadeen baroota dorgommii shanan darban keessatti gooliiwwan 338 lakkoofsisan. Kanaanis Liivarpuul bara 2019'tti Shaapiyoonaa Awurooppaa, waggaa 30 boodas shaamipiyoonaa Ingiliiz akka ta'u gumaachan.

Amma barri ajaa'ibaa jifattoota Liivarpuul sadan kanaa Maaneen Jarmanitti godaanuu isaatiin xumurameera.

Jifattootni sadeen umriin isaanii mana soddomaa galaa jiraachuu isaatiin, Yaargan Kiloop taphattoota umrii xiqqaa hegeree Liivapuul ta'anitti fuula naannessaa jiru.

Sarara fuulduraa Liivarpuul boruu cimmsuuf Diyaagoo Jootaa, Luwiiz Diyaaziifi Daarwiin Nuneeziin Anfiilditti fidaniiru.

Yargan Kiloop kan amma dura maashiniidha jechuun Maanee leellisan amma godaanuu isaa hordofee yaada kennaniin ''Taphataan cimaan Liivarpuul yeroo hundaadeemaa jira, Kuni hangam waan guddaa akka ta'e amanuu qabna. Garuu ammoo waan amma dhabnerratti qabamuu hinqabnu. Wanta argannee leellisuu qabna'' jedhan.

Kilabni isaa duranii Liivarpuul gumaacha Maaneen baroota darban godheef si galateeffanna ittiin jedheera.