Walloo Kibbaatti namoonni albuuda baasan boolla keessatti erga hafanii torban lama guute

Albuuda

Madda suuraa, MOM

Godina Walloo Kibbaatti namoonni osoo albuuda baasanuu biyyoon irratti jigee boolla keessatti erga hafanii torban lama guute.

Guyyaa taateen kun mudate hawaasniifi mootummaan namoota kana boolla keessatti hafan keessaa baasuuf yaaliin godhamaa ture jedhame.

Aanaa Dalaantaa bakka "Qooq Wuhaa" jedhamutti gaafa ALI Amajjii 30, 2016'tti halkan osoo albuuda baasaa jiranii ture holqi isaanirratti kan jige.

Baayyinni lamoonni boolla keessatti hafan lakkoofsi isaanii hanga ammaa adda hin baane. Namoonni naannichaa akka jedhanitti namoonni boolla keessatti biyyoonni itti jigee hafan kun 8 hanga 20 ta'u jedhame.

Mootummaafi dhaabbileen dandeettisaa qaban akka birmataniif maatin namoota boolla keessatti hafanii iyyataa jiru.

Obbo Geexuu Mollaa obboleessisaanii Faasil namoota boolla keessatti hafan keessaa tokko akka ta'e himuun hanguma guyyaan dheerataa bulu carraan obboleessisaanii lubbuun hafuu gabaabbataa deema jedhan.

Obbo Geexuun akka jedhanitti obboleessisaanii namni ganna 29 qormaata biyyaaleessaa kufee albuuda baasutti akka bobba'e BBCtti himan.

Akka Obbo Geexun jedhanitti Faasil waggoota 13 darbaniif albuuda ooppaalii faayawwan garaa garaa tolchuuf oolu baasaa akka ture himu.

"Halkaii guyyaa boo'aa jirra; haa ta'u garuu furmaata homaatuu hin arganne," jedhan Obbo Geexun.

Hojiin albuuda baasuu kun halkanis guyyaas akka hojjatamu kan himan jiraatan kun guyyaa balici uumamu obboleessisaanii Faasil halkan albuuda baasaa akka ture himu.

Holqichi dheerina meetira 150 kan qabu yoo ta'u, bakki jige meetira 50 akka ta'eefi holqicha keessa karaan ittiin qilleensa argatan jiraachuu akka malu himu jiraatan kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maatin namoota holqicha keessatti hafanii BBCtti akka himanitti guyyaan hanguma dheerataa deemu carraan lubbuun hafuu namoota kanaa baay'ee dhiphataa akka jiru himuun qaamni dhimmi ilaallatu akka isaanif birmatu gaafatan.

Obbo Geexun akka jedhanitti obboleessisaanii Faasil kanaan duras osoo albuuda baasuu si'a lama boolli irratti jigee guyyaa lama booda lubbuun hafee bahee akka ture yaadatu.

Bifuma wal-fakkaatun bakka albuudi ooppaalii bahu kanatti kanaan dura boolli irratti jigee guyyaa 11 booda namoonni lubbuun hafanii bahan akka turanis ibsu Obbo Geexun.

Bakki albuudi ooppaalii bahu kun lafa hallayyaa guddaa ta'uurraa kan ka'e maashina lafa qotu seensisuufis ta'ee namoonni heddu seenanii akka hin qoonneef hallayyaan jijjiguu danda'a kan jedhu sodaan akka jirus himu.

Humna namaan qotanii namoota kana lubbuu baraarun balaa biraaf saaxiluu danda'a jedhamee hojiin lubbuu baraaruu erga dhaabatee fala biraa osoo hin barbaadin guyyoonni heddu darbuus himu.

Gaafa Guraandhala 11, 2016 ALItti raayyan ittisaa fiixee hallayyaa jiguu danda'ama jedhamee sodaatamu fanjiidhan jigsuu yaalanis bu'aa barbaadamu hin fidin hafe jedhan bulchaan Godiina Wallo Kibbaa Obbo Alii Makonnin.

Furmaata biraa jedhamee kan dhiyaate fiixee holqichaa jiguu danda'a jedhamee sodaatame taankidhaan rukutanii jigsuu kan jedhuudha. Haa ta'u garuu hanga ammaa murteerra akka hin gahamne himu walitti qabaa waldaa omishtoota albuudaa naannichaa kan ta'an Obbo Tasfayee Aggaaz.

Ministeera Albuudaa qunnamuuf yaalin BBCn godhe hin milkoofne.