Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaatti haleellaa dirooniin namootni nagaa 30 ol ajjeefamuu himame

Magaalaa Moojaa fi Wadaraa

Madda suuraa, Komunikeeshinii Anaa Mojanaa

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Moojaa fi Wadaraa

Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa aanaa Moojaa fi Wadaraa keessatti haleellaa diroonii namoota konkolaataa Ayisuzuutti fe'amuun imalaa turan irratti raawwateen, lubbuu namoota hedduu darbuu namootni ijaan arganii fi jiraattotni naannichaa himan.

Namootni BBC tajaajilli Afaan Amaaraa dubbise akka jedhanitti, haleellaan kun Wiixata Guraandhala 11 bara 2016 raawwate.

Magaalaa aanittii Salaa Dingaay jedhamturraa baatee magaalaa xiqqoo argamtu Saasit jedhamtu irraa kan ka'an yoo tahu, bakka maqaa addaa Maqumsa Felaa jedhamuun beekamtu yoo gahan haleellaan irratti raawwachuu maddeen BBC afur tahan himan.

Nageenya isaaniif sodaachuun maqaan isaanii akka hin dhahamne kan gaafatan maddeen BBC konkolaataa fe'umsaa sana keessa yoo xiqqaate namootni 50 tahan turaniiru.

Konkolaachisaan osoo imaltoota buusaa jiruu haleellichi raawwachuu kan himan maddi BBC Afaan Amaaraa tokko, kisritinnaa kaasuu [daa'ima cuuphsisuuf] kan bahan maatiin isaanii 16 tahan akka dhuman himan.

''Namootni ani beeku, maatii abbaakoo fi maatii haadhakoo irraa waliigalaan namoota 16 tahan dhumaniiru." Waliigalaan lakkoofsi namoota du'anii 30 gahuus himan.

Haleellaan kun Wiixata gara ganamaa sa'a 5:00-6:00 gidduu dhaqqabuu kan himan jiraattotni naannichaa taatee kana ''dhumaatiidha'' jechuun ibsan.

Jiraataan biraa ammoo namoota du'an keessatti adaadaa fi eessumni isaanii akka argaman himan.

Yeroo haleellaan kun raawwatu bobaa akaakayyuu keessa kan ture ''daa'imni cuuphame [kiristinnaa kaafame]'' osoo miidhaan homaa irra hin gahiin hafeera jedhan.

''Daa'imicha waaqayyotu oolche, homaayyuu hin tuqamne. Garuu abbaa fi haadha daa'imaa dabalatee maatiin isaa guutuun haleellichaan dhumaniiru,'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ogeessi fayyaa buufata fayyaa Gaawunaa maqaan isaanii akka eeramu hin feene, namootni 18 madaa'uun yaaliif buufaticha geeffamuu himaniru.

Konkolaachisaa dabalatee namootni madaa'an sadii lubbuun isaanii akka achitti darbes himaniiru.

''Konkolaachisaa dabalatee yeroo nu bira dhufan haala sodaachisaa keessa turan. Hamma dandeenyu gargaaruuf yaalleerra. Daa'immanis jiru, konkolaachisaanis ture. Isaan kunneen lubbuun isaanii osoo hin turiin darbe.''

Namoota madaa'un hafan 15 keessaa afur yaala olaanaaf gara hospitaala Dabre Birhaanitti ergamuu kan himan ogeessi fayyaa kun, kanneen hafan achuma buufata fayyaa sanatti yaaliirra jiraachuu himan.

Naannoo haleellaan kun itti dhaqqabetti humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduu walitti bu'insi akka hin turre jiraattotni naannichaa himaniiru.

Abbaan amantaa eenyummaa namoota du'anii ibsan ammoo haleellicha hordofuun sagalee fi aara gurraacha arganii gara bakka haleellichaa deemuu himan.

''Yeroo bo'ichaa, yeroo sagantaa kiristtinnaa konkolaataa firaa qabachuun deemama,'' kan jedhan abbaan amantaa kun, jiraattotni naannichaa konkolaataa fe'umsaan imaluun waanuma baramedha jedhan.

Maatiin konkolaatichaan deemanis konkolaatichi kanuma isaanii tahuu himan.

Abbaan amantaa kun bakkicha yoo gahan daa'immanii hanga manguddoowaniitti du'anii reeffa isaanii akka agran himaniiru.

Jiraataan biraa bakka haleellichi itti raawwate gahuun arguu himan ''balaa cimaa'' jechuun himan.

Namootni madaa'anii oolan akka jiranis dubbataniiru.

''Namootni madaa'anii oolan gara 20 tahu,'' kan jedhan abbaan amantaa kun, namootni madaa'an buufata fayyaa Gaawunaa fi Saasit geeffamuu himan.

Jiraattotni akka jedhanitti diroonittiin deddeebitee naannawaa waan turteef reeffa kaasuuf rakkachuu himu.

Haleellichaan miidhaa cimaa waan isaan irra gaheef reeffa namoota adda baasuun ulfaataa akka tures himaniiru.

BBC'n bulchitoota aanichaa argachuuf yaalii taasisus, bulchitootni aanaa naannicha gadhiisanii erga bahanii bubbuluu fi hidhattootni Faannoo naannicha yeroo dheeraa turuu himaniiru.

Walitti bu'insa naannoo Amaaraa keessaa hordofee haleellaa diroonii naannichatti dhaqqabuun akka yaadda'e UNtti Komishiniin Mirgoota Namoomaa ibseera.

Walitti bu'insi humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti erga hammaatee naannichi labsii yeroo muddamaa jala jira.