Amaaraafi Tigraayiin alatti filannoon bakka bu’ootaa xumuramaa jira- Komishinii Marii Biyyoolessaa

Asxaa Koomishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Ethiopian National Dialogue Commission

Waggoota lamaan dura labsiidhaan kan hundaa’e Koomishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa naannolee lamaa: naannoo Amaaraafi Tigraayiin alatti hojii bakka bu'oota marii biyyaalessaa irratti hirmaatanii fi ajandaa kennan adda baasuurratti argamuu beeksise.

Naannoo Oromiyaa godiinota sadiin alatti bakkoota biraattis bakka bu'oota hawaasaa mariirratti hirmataan filachuurratti akka argamus beeksise.

Komishinichi naaannoo Oromiyaatti bakka bu’oota hawaasaa aanaalee Adaamaatti filachuurratti argama.

Saganticharratti kan argamaniifi komishinaroota 11 komishiniin kun qabu keessaa tokko kan tahan Obbo Zagayyee Asfaawu, rakkoon biyya kanaa kan furamu marii qofaan waan ta’eef qooda fudhattoonni gaheesaanii bahuu akka qaban dhaaman.

“Erga komishiniin kuni dhaabbatee waa’uma marii fi nagaa kana lallabaa baane. Jaarsoliin keenyas yaa rabbi nagaa buusii kadhachaa jiru. Nutis kanumaaf hojjechaa jirra. Kanaaf hojiin kuni hojii salphaa miti,” jedhan.

Obbo Zagayyee Asfawu

Madda suuraa, BBC

Biyyattiin dhukkubarra jirti

Obbo Zagayyeen Itoophiyaa sababa rakkoo nageenyaatiin dhukkubarra jirtuuf furmaanni qawwee hin ta’u jedhu.

“Akkuma sin beektan biyyi kuni dhukkubarra jirti... Amma kan as teenyuf biyya teenya dhukkubsatte kana akkamitti fayyisna kan jedhuufi. Biyya kana qawweedhan fayyisuu hin dandeenyu. Waldhabuudhaan fayyisuus hin dandeenye.

“Kanaaf akka abbootni keenya dur godhan sanatti rabbi kadhannee, mari’annee biyya tana fayyisuu qabna. Hirmaattotarraas kanatu eegama. Gubbaarraa wanti sinitti lallabamu hin jiru. Waan hundaa jalaa ol ijaaraa dhufne,” jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Adeemsi amma dura baratame gubbaarraa gadi buusuun hafee yaadaafi ajandaan uummatarraa gara olii akka dhufu taasifames xiyyeeffannaa rakkoo kana furuuf kenname kan akeeku jedhan.

“Marii kanarratti kana godhaa, sana godhaa jennee kan isin ajajnu hin jiru. Nutuu isnirraa barra. Isintu nu barsiisa. Biyyi kun yoo kufte nama xiqqaa miti hunduma keenyatu waliin kufa. Kanaaf biyya kana fayyisuun dirqama keenya hundaati,” jedhan.

Obbo Zagayyeen akka jedhanitti, komishinichi hojii bakka bu’oota filachuu kana naannolee hedduu keessatti akka xumuree fi sababa rakkoo nageenyaatiin Naannoo Amaaraa, Tigraayiifi Oromiyaa keessaa ammoo godinoota saditti filannoo hin gaggeessine.

Iddoowwan kunneenittis komishinichi qaamaan argamee filannoo bakka buutotaafi ajandaa kana gaggeessuuf mootummaa waliin dubbachaa jiraachuu eeran.

“Komishinii kanaaf waggaa saditu kenname. Amma waggaa lama darbineerra. Haalli nageenyaa hojii keenyarratti dhiibbaa fideera. Oromiyaa keessa toora akka Qeellam kana gahuu hin dandeenye. Amaara keessas erga dubbiin kuni ka’ee rakkisaa ta’eera,” jedhan.

Milkaa’ina hojii komishinii kanaatiifii nagaa biyyattii buusuuf aadaan ilaafi ilaameetiin walcaqasuun hedduu murteessaa akka ta’es himu komishinarri kun.

“Yaada kiyyuma qofatu sirriidha jechuu osoo hin taane waldhageefachuudha. Warri marii kanarratti yaada namootaa walitti qabus warra muuxannoo qabanidha,” jedhan.

Jaarsoliin yeroo eebban banan

Madda suuraa, BBC

Mootummaarraa dhiibbaan nurra hin jiru…

Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa kuni waggoota lamaan dura yeroo hundaa’etti paartileen morkattootaa hedduun komishinicharraa amantaa akka hin qabnee fi harka mootummaati jechuun shakkiin kaasaa turan.

Obbo Zagaayyeenis ilaalchi paartilee mormituu gara jalqabaa nurratti qaban fooyya’ee amma hedduu isaanii waliin hojjechaa jirra jedhan.

“Oggaa jalqabu dhaabonni gara 53 tahan hunduu baayyee nuqeeqan. Ergasii teenyee waliin mari’annee walhubannee kan waliin hojjechaa jirru amma dhaabota 46 ni ta’u. kan didanii sin hin amannu jedhanii akkasumatti jiran ammayyuu jiru” jedhan.

“Amma qaamakee tarsaastee lubbuukee itti agarsiistee akka si amanan gochuu hin dandeessu. Nuti yeroo as seennu kakuu guddaadhaan as seenne. Kakuu guddaan kuni kakuu siballeessuu danda’u, eenyumaa addatti hin deeggarru,” jedhan.

Labsiin hundeeffama komishinichaa akka jedhutti bajatni komishinichi ittiin hojjetu kan ramadu mootummaadha.

Kuni garuu mootummaan waan nuti hojjennu nu ajaja yookan dhiibbaa nurratti uuma jechuu miti jedhu Obbo Zagayyeen.

“Osoo dureessa taanee bajata biraatiin hojjenna. Amma bajata kan nuuf ramadu mootummaadha. Sababa kanaan warri nuqeeqan jiru. Isaanis haa qeeqan. Amma biyyi nuwaliin jira.”

“Amma waggaa lama fixuutti jirra, kana keessatti mootummaan ‘kana godhaa’ jedhee nu ajajee hin beeku. Yoo ajajanis hin fudhannu nuti. Hammana kakuun suni,” jedhan Obbo Zagayyeen.

Nageenya naannoo Oromiyaa kan ilaaleen namni walirraa fagaatee rakkoo keessa jira waan ta’eef gareen wallolu lamaanuu nagaaf dursa kennuu qabu jechuun dhaaman.

“Waa’een nageenyaa kuni hunduma keenya tuqa. Asii kaanee Boosat dhaquu hin dandeenye. Kan magaala jiru fira baadiyyaa hin gaafatu. Kana hunda rabbi nutti ajajee miti hojuma keenya. Kana keessaa bahuuf carraaquu qabna,” jedhan.

Mootummaa fi hidhattoonni WBO marii marsaa sadaffaa 'ni adeemsifama jedhu' kanarratti nageenya sabichaaf jecha gara waliigalteetti dhufuun nagaa Oromiyaa deebisuuf hojjechuu qabu jechuunis dhaaman.