'Mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa fayyadamee mormii dhorkaa jira' - Amanastii

POOLISII FEDERAALAA ITOOPHIYAA

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaatti gargaaramuun namoota siyaasaa beekamoo kara nagaan mormii dhageessifataniifi gaazexeessitoota hidhaa jira jedhe dhaabbanni mirga namaaf falmu Amanastii Intarnaashinaal.

Dhaabbatichi ibsa har'a Guraandhala 19, 2024 baaseen kana ibse.

Ibsa baase kanaan, mootummaan Itoophiyaa gaafa Guraandhala 02,2024 labsiin yeroo muddamaa ji'a jaha dura bahe dheeressuu eere.

Naannoo Amaaraatti walitti bu'insa humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti hammaachaa deeme hordofee naannichi mootummaan federaalaa gidduu akka seenu gaaffii dhiyeesseeni labsiin yeroo muddamaa labsame.

Amanastiin ji'oota jahan darban keessatti labsiin yeroo muddamaa akka biyyalessaatti labsame, ''qondaalota mootummaaf ajaja mana murtii malee shakkamtoota to'achuu, dhorkaa yeroo sochii, iddoodhaa iddootti deemsa dhorkuu fi mirga walitti qabamuu dhorkuuf aangoo hin daangeffamne kenneeraafi,'' jedhe.

Dhaabbatichi mootummaan Itoophiyaa, ''qabata labsii muddamaa jedhuun mala bulchiinsota duraanii mirga bu'uuraa dhorku fayyadamuu dhaabuu qaba,'' jedhe.

''Dabaluunis Itoophiyaan Naannoo Amaaraa keessatti lola keessa jirti, Naannoo Tigraay keessatti rakkoo namoomaa hamaafi Naannoo Oromiyaa keessatti ammoo rakkoo nageenyaa badaatu jira, walumaagaltti ammoo yakki raawwatamee adabbii malee hafaa jira,'' jedhe.

Hogganaan Amanastii Intarnaashinaal waajira Afrikaa Bahaafi Kibbaa Tigaaree Chaagutaah,''shoorri miidiyaa fi bilisummaan yaada ofii ibsachuu murteessaa dha, '' jedhan

Labsiin yeroo muddamaa dheereffamuun hamma yoonaa Gaazeexaa Nagaariit irratti akka hin baane eeruun, iftoomina dhabuun kuni, ''mirga odeeffannoo argachuufi qajeelfama seera-qabeessummaa ni sarba,''

Kunis labsiin bahe akka biyyaalessaatti tahuuf dhiisuu murteessuuf rakkisa jedha.

Amanastiin yeroo muddamaa kan keessatti, ''namooti siyaasaa shaniifi gaazexeessitootni sadii to'annoo jala oolan himannaa malee mana hidhaa jiru,'' jechuun miseensota maatii waabeffachuun himeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaafa Hagayya 04, 2023 gaafa labsiin yeroo muddamaa labsame humnooti mootummaa, ''miseensa paarlaamaa ministira mummee Abiyyiin qeequun beekamu Obbo Kiristiyaan Taaddala, miseensa mana maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee, Dr Kaasaa Tashaagar, lameenuu mana jireenyaasaanii Finfinneerraa to'annoo jala oolchan,'' jedhe ibsichi.

Akkasumas miseensa paarlaamaa Naannoo Amaaraa Obbo Yohaannis Booyaalew gaafa Hagayya 15, 2023 Baahirdaar irraa to'atamtauu, ministarri nagaa Obbo Taayyee Danda'aa kan guyyaa har'aa Guraandhala 19, 2024 mirgi himatamuu Caffee Oromiyaan irraa ka'e dabalatee, yeroo muddamaa kana keessatti mootummaa qeequu isaaniin to'annoo jala oolfamuu Amanastiin ibseera.

Keessumaa Obbo Taayyee Danda'aan Ministira Mummee Abiyyiin, ''ati nama dhiiga namaatiin taphatu ta’uu keetiin hubadhe,'' jechuun booda to'annoo jala oolfamuu ibseera.

Dabalataan yeroo labsiin yeroo muddamaa gaafa Guraadhala 02, 2024 yeroo dheereffamu humnooti mootummaa miseensa paarlaamaa federaalaa Dr Dassaalanyi Caannee to'annoo jala oolchuu himeera.

Miseensoti maatii namooti to'ataman kunneeni abukaatoo isaanillee arguu akka hin dandeenye, maatiin isaanimmoo haala akkaan to'atamaa tahe keessatti akka argan ibseera.