Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Konkolaataa oofuu osoo hin bariinan xiyyaara balaliisuu bare'
Barataan biyya Iskootilaand mana barnootaa Abendiinshiir tokko osoo konkolaataa oofuu hin bariin dura eeyyama xiyyaara balaliisuu dhuunfaa argate.
Maqaan barataan kanaa Joorji Wooker Juuniyer jedhama.
Mana barnootaa 'Inverurie Academy’ jedhamutti barataa kan ta’e Wooker Juuniyer, akaakayyuun isaa balaliisaa kan turanii fi amma du’aan kan boqotan Boob Sootal akka fakkeenyaatti fudhate.
Gurbaa ol adeemaan kun barnoota balaliistummaa akka itti fufu abdata.
Wooker Juuniyer ''xumura irratti balalisaa daandii qilleensaa ta’uun barbaada. Xiyyaarota geejjibaa addunyaarra balaliisuun fedha, eeyyamni balalii dhuunfaammoo kanaaf tarkaanfii jalqabaati’ jedhe.
''Bara darbe ji’a Adoolessaa keessa barnoota yeroo jalqabaaf yoo argadheetti, umuriin koo waggaa 16 ture. Guyyaan sun guyyaa dhalootaa koo ture. Achiirraan eegale, amma balaliisu bare’’ jedhe.
Joorji BBC'tti akka himetti, akaakaayyuun isaa balaliisaa humna qilleensaa Royal Air Force(RAF) yoo ta’u, xiyyaarota geejjibaa balaliisaa ture.
''Yeroo hundumaa akaakaan ilaala ture, guyyaa tokko anis akka isaatti nan balaliisa jedheen yaada ture. Kanatu na onnachiise,’’ jedhe Joorji.
Eeyyamni dhuunfaa xiyyaara injiinii ykn motora tokkoo akkan dhuunfaan balaliisu naaf eeyyama.
Fuulduratti ammoo xiyyaarota geejjibaas akka balaliisu barbaadu hime.
Miltoowwan isaa biroo maal akka yaadan kan gaafatame Joorji akkas jedhe:
''Isaan waan gaari akka ta’e yaadu, barattoonni qorumsa erga darbanii booda konkolaataasaanii duratti suuraa ka’u, animmoo xiyyaara koo duratti suura ka’a,’’ jedhe.
Namoonni hedduun hedduun akkan isaan fuudhe deemu barbaadu jedhe.
''Amma yoonaatti eeyyama hin arganne, kun waan nama aarsu fakkaata - xiqqoo muddama keessan ture,'' jedhe.
Wooker Juuniyer ‘’waan amma xiyyaara balaliisuu addunyaaa kanarratti dalagee hin beeku, keessattu qophaa koo balaliisuu nan jaaladha,’’ jedhe.
Meeshaa ajaa’iba [xiyyaara] to’achaa haala teessuma lafaa hunda ilaaluun natti tola,’’ jedhe.
Abbaan Joorjii gama isaaniitiin milkaa’ina ilma isaaniitti akka boonan himan.
''Guyyoota muraasa keessatti eyyama balalii waraqaan guyyoota muraasa keessatti argachuu qaba. Sana booda gara Dornoch [magaalaa] balaliisuu qabna, laaqana nyaannetu xiyyaara balaliisuun deebina, sababni isaa balaliisuu ni dandeenya,’’ jedhan abbaan isaa.