Ministarri Yugaandaa eegduu isaaniin ajjeefaman

Koloneel Chaarlas Okeelloo Ingoolaan

Madda suuraa, 2020 IMAGES / ALAMY STOCK PHOTO

Loltuun waraana biyyaalessaa Yugaandaa tokko ministar mootummaa eegaa turetti dhukaasuun ajjeese.

Koloneel Chaarlas Okeelloo Ingoolaan sooruma bahuun booda ministeera Koorniyaa fi Hojjataatti itti-aanaa ministira tahuun tajaajilaa turan hamma Kibxata ganama ajjeefamanitti.

Koloneel Engoolaa fi loltuu isaan ajjeese gidduu dhibdeen jiraachuu waan beekame hin jiru.

Loltuun eenyummaansaa ifatti adda hin baafamne, daqiiqaa muraasa booda ofis ajjeeseera.

Ijaan kanneen argan akka dubbatanitti, loltuun kuni qawwee gara samiitti dhukaasaa ollaa keessa adeemaa ture.

Gabaasni jalqaba bahe akka agarsiisutti yoo taheef, namoonni kaanis madaa’uun hin oolle.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa ture bakka gochaan kuni raawwatetti jiraattota naasuun walitti qabaman agarsiisa.

Koloneel Ingoolaa qondaala gameessa yoo tahan kanaan dura itti-aanaa ministara waraana biyyattii tahuun tajaajilaniiru.

Dubbii himtuun mana maree bakka bu’oota uummataa Yugaandaa Koloneela Ingoolaan ajjeefamuu ibsa gabaabaa kennaniin mirkaneessaniiru.

‘’Har’a ganama oduu gaddaa na qaqqabeen Kabajamoo Ingoolaan eegduu isaaniin ajjeefamaniiru, boodarras eegduun isa eegaa tures of ajjeeseera. Lubbuun isaanii nagaan haa boqottu. Karoora Waaqaati. Waan geeddaruu dandeenyu hin jiru, ‘’ jedhan Aniitaa Amoong.