Ministirri qorqorroo manaa hatuun shakkamte Faasikaa mana hidhaatti dabarsuuf

Madda suuraa, Reuters
Ministirri kaabiinee Yugaandaa Meerii Kituutuu qorqorroo manaa hataniiru jedhamuun himataman. Aanga'aan kun garuu himannaa irratti dhiyaate kana waakkataniiru.
Qorqorroon ministiriitiin hattee jedhame kun silaa kan buqqaattota Kaaba baha biyyattiitti argamaniif ergamee turedha.
Komishiniin farra malaammaltummaa akka jedheetti, qorqorrichi osoo lammiilee yaadameef bira hin gahiin ministirootaan adda qodataniiru.
Ministiroota kanneen keessaa tokko kan taatee ministirri kaabiinee Meerii Kitutuuti jechuun himateera. Addee Meeriin bulchituu naannoo Kaaraamoojaa jedhamuuti.
Meerii walinis qondaaltonni mootummaa olaanoon biraa 10 ishee waliin qorqoorroo jedhame kana adda hirataniiru jedhameera.
Komishiniin qorannicha gaggeesse akka jedhetti, qondaaltota qorqorroo manaafi dallaa kana adda hiratan keessaa tokko ittaanaa pirezidantii, ministira mummee, af-yaa’ii paarlaamaa keessatti argamu.
Walumaagalatti qorqorroon hatameera jedhame 14,500 yoo ta’u, ministirri mummee maqaansaanii tarree hattootaa keessatti ka'e ammoo dhiifama gaafachuun, qorqorroo jedhame kan deebiisan yoo ta’u, warri kaaniis fakkeenya isaanii akka hordofaniif gaafataniiru.
Ministirri biraa tokko ammoo qorqorroo fudhatanii ture dallaa isaa buqqisuun deebisaniiru jechuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Naannoon Kaaraamoojaa waliitti fufiinsaan kan gammoojjiin miidhamu yoo ta’u, wayita roobni roobuutti ammoo lolaadhaan miidhama. Kanaan wal qabatee naannichi deeggarsa irratti hirkata.
Bulchituun naannoo kanaa Aaddee Meerii Kitutuu Roobii darbe to’annoo seeraa jala oolfaman.
Kana jechuun Ayyaana Faasikaa faranjootaa Dilbata iftaanii kabajamu mana hidhaatti dabarsu jechuudha.
Himannaan irratti dhiyaate akka jedhutti, qorqoorricha namoota deeggarsi barbaachisuuf qaqqabsiisuurra aanga’ootaafi firitasaaniitiif adda qodaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aadde Meerii waliinis obbooleessi ishee Maayikil Kitutuu kan himataman qorqorroo 100 fudhatan jedhamuunidha. Haata’u malee, innis akkuma obbooleetii isaaniitti balleessaa hin qabu jechuun haaleera.
Meeriin mana murtiitti dhiyaachuun ishee miidiyaalee biyyatiitiin kan baayyee eegamaa turedha jedhameera.
Miidiyaalee hedduunis mana murti dhimmisaanii irratti ilaalameetti argamuun hordofaniiru.
Yeroo mana murtiitti dhiyaatanittis, fuulaafi mataasaaniitti shaashii maratanii ture.
Abookaatoon ministira kanaas mirgi wabii ishee akka eegamuuf kan gaafatan yoo ta’u, gaaffiin isaanii kun fudhatama hin argatiin hafeera.
Abbaan alangaa akka wabiidhaan hin baaneef kan morman yoo ta’u, keessattuu wayita mannii haadha Meerii sakkata’ameetti qorqorroon kan argame yoo ta’u, jecha akka hin kenniineef dhorkaniiru jechuun himatan.
Kanaaf, yoo wabiidhaan gadhiifaman balaansaa kan cime akka ta’uu malu mana murtichaatti himaniiru.
Aade Meeriin oggeettii eegumsa naannoo yoo taatu, nannoo itti dhalattee Gaara Iliingoon jedhamu qorachuun beekamti.
Miseensa paarlaamaa kan taate bara 2016 yoo ta’u, isaan dura ministira Albuudaa fi Inarjii ta’un tajaajillaa ture.
Yugaandaatti aanga’oonni olaanoon malaammaltummaa raawwachuun kan barame ta’ulleen, yoo ministirri dhiifama gaafatu ykn aangoo gadhiisu arguun garuu baayyee kan baratame miti.
Pirezidantiin biyyattii Museevenii kanneen hatan hundi murtee ta’uu malu akka argataniif gaafataniiru.












