Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ergaan qondaalli waraanaa Yugaandaa 'Keeniyaa qabachuuf torban lama qofa nutti fudhata' jechuun barreesse ijoo dubbii ta'e
Ilmi Pirezidaantii Yugaandaa Let. Janaraal Muhoozi Kainerugaba karaa toora tiiwiitara isaanitiin, ''Aniifi waraanni koo Naayiroobii to'achuudhaaf torbanoota lama qofaa nutti fudhata'' jechuun barreessuun lammiilee Keeniyaa dheekkamsiiseera.
Abbaan hogganaa waraana lafoo Yugaandaa, Yuwerii museveniin waggoota 40tti siqaniif biyyattii bulchaa jiru.
Hogganaan waraanaa kun guyyoota lama dura waa'ee Itoophiyaa irratti yaada falmisiisaa kennanii ture.
Muhooziin '' Tigiraayiin ni ittisna,'' jedhanii osoo hin turiin ammoo, ''Minilik II'n akaakayyuu keenya,'' jechuun fuula tiwiiterii isaanii irratti maxxansanii ture.
Amma immoo ''Naayiroobii qabachuuf anaafi waaraana koo torban lama qofa nu fudhata'' jechuun fuula Tiwiiterii isaanii irratti barreessuun falmii guddaa kaaseera.
''Rakkoon koo tokko obboleesikoo hangafaa yeroo sadaffaaf dorgomuu dhiisuu isaati, silaa salphaatti mo'anna ture,'' jechuun waa'ee pirezidaantii duraanii Uhuuruu Keeniyaataa aangoo karaa nagaa Wiiliyaam Ruutootti dabarsanii barreessan.
Muhooziin abbaa isaanii Yuwerii Museveenii irraa aangoo pirezidaantummaa fudhatu jedhamuun eegamu.
Fuulli Tiwiiterii kun tarii kan sobaatii jedhamee yaadamus kanuma dhuunfaa isaaniiti.
Ministerri Dhimma Alaa Yugaandaa hariiroon biyya keenyaa fi Keeniyaa dubbii miiidyaa hawaasaa irratti kan bu'uureffame miti jechuun ibsa baase.
Biyya ollaa keenyaa walaba taate Keeniyaa wlaiin duudhaa fi aadaa waloo waan qabnuuf ollaa gaarii wal tumsan tahuu barbaanna malee imaammatni alaa keenya dubbii miidiyaa hawaasaa irratti hin hundaa'u jedhe.
Heerri mootummaa Keeniyaa pirezidaantiin biyyattii filannoo lamam qofaaf dorgomu akka danda'u daangeessa.
Uhuruu Keeniyaataan ammoo heera mootummaa kanarratti fooyyeffamni akka taasifamuuf yaaliin taasisanii turan Mana Murtii Olaanaa biyyatiin kufiifamunsaa ni yaadatama.
Lt Gen Muhoozi Kainerugaba Uhuuruun yeroo sadaffaa filatamu dhabuutti kan aaran fakkaatu.
Qondaalli waraanaa kunis ergaa tiwiitaraa Onkolooleessa 3, 2022 walitti aansuun barreesseen, heera mootummaa ykn seeraaf akka dhimma hin qabne kaasuun, ''Nuuf Waraaqsa qofaadha, waa'ee isaatiis dhiheenyatti ni bartu'' jechuun barreesse.
''Rakkoon ani obbooleessi kiyya angafa waliin qabu tokkichi, yeroo sadaffaadhaaf dorgomu dhabuusaati. Silaa haaluma salphaatti mo'anna ture!'' jedhe.
Akkasumas haala baacootiin ''Firoota koo Keenyaa nan jaaladha. Heera Mootummaa? Olaantummaa Seeraa? Ni qoostu ta'a!
''Nuuf garuu Warraaqsa qofaadha, kanas dhiheenyatti waa'ee isaa ni bartu!'' jechuun barreesse.
Namoonni itti dhiheenya qabanis ilmi Pirezidaantii yeroo tokko tokkoo karaa tiwiitaraatiin akka barbaadetti barreessu kun, abbaasaa Yooweerii Museevanii bakka bu'uun pirezidaantii ta'uf kaadhimamaa jiraachuu dubbatu.
Aab Museeveniin erga bara 1986 kaasee Yugaandaa hoogganaa jiru.
Haata'u malee erga bara sanaatii asi ammoo Keeniyaan pirezidaantoota ishee yeroo sadiif filannoon geeddarte jirti.
Qondaalli waraanaa kunis inniifi waraanni isaa Naayiroobii to'achuu torban lama qafaa akka itti fudhatu barreessuu qofa osoo hintaane, erga Naayiroobii to'atanii booda eessa akka jiraachu danda'ulleen akka asiin gadiitti gaafateera.