Kaleessa Maqaleetti maaltu mudate?

Hidhattoonni Tigraay gamoo bulchiinsaa naannichatti marsanii turuun himame.
Miseensonni hidhattoota Tigraay "miindaan nu jalaa ture" komii jedhuun waajjira bulchiinsa yeroo Tigraay kan magaalaa Maqalee jiru marsuun isaanii dhagahameera.
Loltoota Armii 31 jedhamu keessaa miseensonni 70 ta'an A L I Roobii Sadaasa 24/2018 halkan iddoo Araagur (Indartaa) jedhamuu ka'uun Kamisa kaleessaa gamoo bulchiinsaa yeroofii marsan.
Miseensonni humna kanaa hidhannoo matayyaa (dhuunfaa) kilaashii dabalatee hidhannoo garee diishqaa kan hidhatan akka ta'an kanneen ijaan argan himan.
Kun kanaan osoo jiruu, ajajoonni dhiyoo Armii 31 jedhamuu muddama kana salphisuuf isaan dubbisuuf yaalanillee "aangawoonni olaanoon dhufanii nu haa dubbisan" jechuun didanii jiru.
Sochiin hidhattoota kanneenii kaleessarraa eegalee kan mul'achaa ture akka ta'e jiraattonni himaniiru, haalli kunis jiraattota magaalaa Maqalee yaaddesseera.
Aangawoonni naannichaa muddama kana tasgabbeessuuf carraaqqii gochaa jiraachuun himameeera.
Waaree booda hidhattoonni kunneen aangawoota oolaanoo bulchiinsa yeroo Tigraay waliin marii eegaluusaanii odeeffannoowwan reefuu bahan ni mul'isu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waltajjii kanarratti Pirezdaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay Leet/Jeneraal Taaddasaa Warradaa hirmaachuu fi hirmaachuu dhabuu isaanii wanti beekame hin jiru.
Loltoonni Armii 31 yeroo gamoo bulchiinsa naannichaa marsanitti sochiin geejjibaa naannawa sanaa danqamee turuu jiraattonni himanii jiru.
Hidhattoonni kunneen booda buufata miidiyaa Dimtsi Wayyaanee to'atanii ture jedhe gabaasaan Afaan Tigiree Maqalee jiru.
Qondaalonni olaanoo waraanaa humna hidhate kana tasgabbeessuufi mariisisuuf yaalanis qondaalonni olaanoo mootummaa achii as bahanii nu haa dubbisan jechuun didaa akka turan namoonni ijaan argan himaniiru.
Sa'a booda Itti Aanaan Bulchiinsa Yeroofii naannichaa Amaanu'eel Asaffaa fi Dursaa nageenyaa fi Tasgabbii naannichaa Let. Jeneraal Fissaa Kidaanuu qaama hidhate waliin mari'achuu himameera.
Garuu wlaiigalteen irra gahan hin ibsamne.
Akka gabaasaan BBC Afaan Tigiree Maqalee jiru jedhetti, miseensonni humnoota TPLF sa'a booda magaalicha dhaqaban gara waajjira tamsaasa Dimtsi Wayyaanee deemuun erga to'atanii hojjettoonni akka gadhiisanii bahan godhanii ture.
Tamsaasnis erga sa'a lamaa oliif addaan citee deebi'uu himeera.
Dabalataan naannoo siidaa wareegamtootaa magaalicha keessaatti dhohinsi dhagahamee ture. Qondaalonni naannichaa ''qoratamaa jira'' jechuu malee odeeffannoo dabalataa hin kennine.
Mormiin miseensota hidhattoota Tigraay akkanaa kun kan jalqabaa miti.
Taateen kun irra deddeebiin mul'achaa kan ture yoo ta'u, asiin duras magaalaa guddoo naannichaa Maqalee dabalatee bakkeewwan birootti akka mudate gabaafame.
Keessumaa jalqaba ji'a Onkololeessa keessa miseensonni Humnoota Tigraay Armii 22 daandii Maqaleetti bahanii komiifi gaaffii isaanii dhageessifataa turaniiru.
Miseensonni humnoota Tigraay kun akkuma ammaa kanaa gara gamoo bulchiinsa yeroo ce'umsaa deemanii kan turan yoo ta'u, sababa kanaan daandiwwan gara garaa cufamanii sochiin jiraattotaa danqamee akka ture ni yaadatama.















