Haasaan ambaasaaddara Ameerikaa biyyoonni Arabaa balaaleffatan maali?

Israa'elitti Ambaasaaddara US- Maayik Hukabii

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Biyyoonni Arabaa fi biyyoonni Muslimaa haasaa Ambaasaaddari US dhimma Israa'el ilaalchisuun taasisan balaaleffachuun ibsa baasan.

Israa'elitti ambaasaaddarri US Maayik Hukabii Israa'el dachee Baha Giddugaleessa gara caalu to'achuuf mirga qabaachuu dubbatan.

Gabaasi Asoosheetid Pirees (AP) akka mul'isutti Ambaasaaddar Hukabii yaada kana kan kennan gaaffii fi deebii nama Israa'el, sirna duriitti cichuun yaada kennuun beekamu, Takara Kaarlisan waliin taasisaniini.

Gaaffii fi deebii Jimaata qilleensarra oole kana keessatti Kaarlisan akkaataa Kitaaba Qulqulluutti qacceen Ibraahim (Abrahaam) hundi dachee Baha Giddugaleessaa qooddachuuf mirga qabu jechuun, kanarratti Israa'el akka mirga qabdu Ambaasaaddar Hukabii gaafate.

Ambaasaaddar Hukabii ''Osoo hundasaa qabatanii gaariidha, garuu Israa'el daangaa babal'ifachaa hin turre, ammoo dachee mirga irratti qabdu nageenyasaa eeguuf mirga qabdi,'' jedhan.

Haasaa qondaala US kanaa biyyoota ollaa- Masirii fi Jordaan dabalatee biyyoonni Arabaa kanneen akka Sa'uudii Arabiyaa, Kuweet, Omaan akkasumas jaarmiyaalee biyyoota Arabaa- Dhaabbata Qindoomina Islaamummaa fi Liigiin biyyoota Arabaa balaaleffataniiru.

Ministeerri dhimma alaa Sa'uudii Arabiyaa haasaa Hukabii kana ''yaada finxaalessummaa'' fi ''fudhatama hin qabne,'' jechuun Ministeerri dhimma alaa US yaada qondaala kanaarratti ibsa bal'aa akka kennu gaafate.

Ministeerri dhimma alaa Masirii ammoo yaadi qondaala US kun seera idiladdunyaa ''kan sarbu'' jechuun balaaleffate.

Israa'el daangaa Filisxeem 'seeraan ala qabattee jirtu' ykn lafa biyyoota Arabaa kaanii irratti mirga hin qabdu jedhe.

Liigiin Arabaa gamasaan haasaa qondaala US kana balaaleffachuun ibsa baaseen ''haasaan akkanaa, kan yaada finxaalessummaa of keessaa qabuu fi bu'uura tokkollee hin qabne, qubsuma seeraan ala babal'isuu fi miira amantii fi biyyummaa kan walitti makuun ala hiika biraa hin qabu,'' jedhe.

Dhimma kanarratti ammatti Israa'el fi US yaada hin kennine.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Israa'el erga bara 1948 hundooftee daangaa beekamtii qabu qabaattee hin beektu.

Daangaan biyyoota Arabaa waliin amma qabdu kana waraanaan, lafa humnaan qabachuun, marii dhukaasa dhaabuu fi waliigaltee nageenyaan tolfachuu dandeesse.

Bara 1967 waraana guyyaa ja'aa booda Isaa'el West Baank fi Baha Jerusaalam Yordaanos (Jordaan) irraa, Gaazaa fi gammoojjii Peniinsulaa Masirii irraa akkasumas Gaarreen Goolan Sooriyaa irraa fudhatte.

Garuu waliigaltee waraana dhaabuu waraana Baha Giddugaleessaa bara 1973 mallatteeffame booda gammoojjii Peninsulaa Masiriif dhiistee baate.

Bara 2005 ammoo Gaazaa gadhiistee baate.

Dhiheenya kana Israa'el qubsuma seeraan alaa West Baank keessatti akkaan babal'isaa jirti.

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Israa'el akka West Baank weerartu akka hin eeyyamne fi sochii karoora kanaaf taasifamu kamuu akka dhaabsisu ibsee ture.

Filisxeemonni West Baank fi Gaazaa qabatanii Baha Jerusaalem magaalaasaanii godhachuun biyya hundeeffachuuf erga sochii eegalanii waggoota kurna hedduu lakkoofsisaniiru.

Haata'u malee hanga yoonaa biyya mataasaanii hin argatin jiru.

Amantii Kiristaanaa kan hordofanii fi wangeelatti kan amanan Ambaasaaddar Hukabii qondaala US Israa'el deeggaruu irratti ejjennoo cimaa qabaniidha.

Qondaalli US kun akka Israa'el West Baank weerartu deeggaru, akkasumas dhibdee Israa'el fi Filisxeemiif furmaanni gareen lameen walqixa akka biyyaatti ilaalu akka argamu nama hin feene.

Bara darbe gaaffii fi deebii taasisan tokko keessatti qaccee Arabootaa kutaa Filisxeem kan Biriteen bulchaa turte jala turaniin ''Filisxeemota'' jedhanii akka hin waamnee fi akkasittis beekuu akka hin barbaanne ibsanii turan.

Gaaffii fi deebii isa ammaa keessatti ammoo Kaarlisan qondaalli US Hukabiin kitaaba qulqulluu Seera Uumamaa keessatti Waaqi dachee laga Naayil irraa hanga Laga Yifraaxas jiru qaccee Abrahaamiif arjoomeera jedhu akka ibsan gaafateera.

''Sun Levant ta'uusaati- Israa'el, Jordaan, Sooriyaa, Lebaanan. Akkasuma dachee Sa'uudii Arabiyaa fi Iraaq hammata,'' jedhe Kaarlisan.

Ambaasaaddar Hukabii akkas jechuun deebise: ''Hanga kana deemuun waan nurra jiru natti hin fakkaatu. Lafa bal'aa eebbifamaa jechuudha.''

Israa'el erguma Gaazaa keessatti waraana eegalteellee daangaa hedduu qabatteetti.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu amma hojiirra oolaa jiruun Israa'el loltootashee baasuun iddoo qophaa'e tursiisuu qabdi.

Garuu ammallee dacheen Gaazaa walakkaa ol to'annoo loltoota Israa'el jala jira.

Waliigalteen kun loltoonni kunneen hanga yoomiitti hanga ba'anii fi hanga yoomii hanga turan daangaa yeroo kaa'uu baatus garuu loltoonni Israa'el Gaazaa keessaa akka fagaatan ajaja.

Loltoonni Israa'el erga Pirezidantiin Sooriyaa Bashaar al-Asaad xumura bara 2024 aangoorraa ari'amee as iddoo bara 1974 akka bakka humni waraanaa hin geenye akka ta'u irratti waliigalame qabataniiru.

Israa'el sochiin kun yeroof akka ta'ee fi daangaa karaa sana jiru naga qabeessa gochuuf sababa jedhu dhiheessiti.

Waraana Hizboollaa, Lebaanan waliin bara 2024 keessa gaggeeffame hordofees Israa'el daangaawwan Lebaanan shan to'atteetti.