Ilmi pirezidaantii Yugaandaa "addunyaa raasuun barbaada" jechuun miidiyaa hawaasaa fayyadamuutti deebi'e

Jeneraal Muhoozii

Madda suuraa, AFP

Ilma pirezidaantii Yugaandaa Yuweerii Musevenii, Jeneraal Muhoozii Kaayinaarugaabaa miidiyaa hawaasaa fayyadaamuu dhaabera erga jedhee torban booda "deebi'eera" jedhe.

Hojii ergama waraanaa irratti xiyyeeffachuu akka barbaadu ibsuun miidiyaa hawaasaa X fayyadamuu dhaabuusaa ibsee ture.

Amma immoo "addunyaa raasun barbaada" jechuun fuula X irratti barreessuu eegale.

"Deebi'een jira!" jechuun toora X irratti akkuma barreesseen deeggartoota dabalataa hordoftoota heddu argate.

Qondaala olaanaa Waraana Yugaandaa kan ta'e Jeneraal Muhoozin, miidiyaa hawaasaa irratti wantoota falmisiisoo ta'an barreessuun beekama.

Waa'ee biyyootaa, gaggeessitoota biyyootafi dhimmoota garaa garaa irratti yaada dheekkamsaafi falmii kaasu barreessa.

Jeneraal Muhoozin gaheessa ganna 50 yoo ta'e, siyaasa Yugaandaa keessattis hirmaannan isaa dabalaa jira.

Inumaa abbaasaa Pirezidaant Museveenii bakka bu'a jedhamee shakkama. Miidiyaa hawaasaa irratti yaadonni inni kaasu falmisiisoo ta'uurraa kan ka'e, namuusa loltuurraa hin eegamne agarsiisa jechuun kan qeeqan heddu.

Dhiyeenya kana gaggeessaa paartii mormituu kan ta'e Boobii Waayin "morman irraa kuta" jedhee X gubbaatti barreessuu hordofee dheekkamsa kaasee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miidiyaa hawaasaa fayyadamuutti deebi'uusaa erga ifa godhee booda, Yugaandaa keessatti nama uffata waraanaas ta'ee kan isa fakkaatu uffate yoo argan battalatti to'annaa jala oolchaniif ejansii nageenyaa Yugaandaa ajajuu beeksise.

"Kanneen ajaja kana hin kabajne...rakkoo mataasaanii qabu," jedhe ajajaa humna lafoo Waraana Yugaandaa kan ta'e Jeneraal Muhoozin.

Akkasumas dippilomaatii US tokkos akka Yugaandaa keessaa baasu dhaadate. Sababni isaa ammoo dippilomaatin US inni jedhe "jeneraalicha nagaa hin gaafanne" kan jedhuudha.

"Rakkoon koo attaachee waraanaa US qofa waliini. Bakka ta'e tokkotti isa argee lafaa ka'ee [akka loltuun nagaa wal-gaafatutti] nagaa na hin gaafatu yoo ta'e... battalumattan isa hidha!" jechuun fuula X irratti barreesse.

Qondaalli olaanan waraanaafi ilmi pirezidaant Museeveenii kun waggaa sadi keessatti si'a miidiyaa hawaasaa fayyadamuu addaan kute jedhee itti deebi'uunsaa kuni kan lammataati.

Bara 2022 keessa Keeniyaa weeraruu akka barbaadu irra deddeebin X gubbaatti barreessuu isaa hordofee muddamni dippilomaasii Keeniyaafi Yugaandaa gidduutti dhalatee ture.

Boodarra pirezidaantiin Yugaandaa gidduu seenun dhiifama akka gaafatan dirqisiise.

Dhiyeenya kana ammoo gaggeessaa paartii mormituu kan ta'e, Boobii Waayin "mormasaan kuta" jedhee X gubbatti erga barreessee dheekkamsi miidiyaa hawaasaa irratti ka'ee booda, qoosaa ta'uu himuun dhiifama gaafate.

Jeneraal Muhoozii Kaayinarugaabaa, abbaasaa pirezidaant Museeveenii bakka bu'a jedhamee amanama. Haa ta'u, garuu Museeveenin dubbichi dhara jedhu.

Jeneraal Muhoozin, akkaawuntii haaraa banate irratti hordoftoota 1,000 ol horateera. Akkaawuntiinsaa X duraanii hordoftoota miliyeena tokkoo ol qaba ture.