Chaayinaan ammas qorattoota hawaatti ergite, US sochiin Beejiing balaa qaba jette

Astiroonota Chaayinaa

Madda suuraa, CCTV

Xiyyaar-samiiin Chaayinaa astiroonota umrii xiqqaa sadii fi injinara dubartii kan jalqabaa taate of keessaa qabdu imala sa'aa jahaa booda hawaarra milkaahinaan qubatte.

Astiroontotni kun buufata hawaa Chaayinaan tolchite keessa ji'oota jahaaf turu. Turtii isaanii kanaan qo'annoo gaggeessu, hawaarras tarkaanfachuun muuxannoofi odeeffannoo iccitii qaban sassaabuu jedhameera.

Kaayyoo guddaan imala kanaa bara 2030tti galma Chaayinaan addeessarra nama qubachiisuuf qabatte milkeessuudha.

Beejing bara kana qofa xiyyaar-samii 100 gara hawaatti erguun duula US gootu dursuuf karoora qabattee kan jirtu yoo ta'u, xiyyaar-samiin Sheenzhuu 19 jedhamtu qaama karoora ajaa'iba kana keessaa tokko taatee milkiin bakka qubannoo hawaa qaqqabuu, kunis milkaahina guddaa ta'uu ibsite.

Waggaa lama dura pirezidant Shii Jiinpiing ''hawaa isa bal'aa abuuruun, indaastirii hawaa misoomsuufi Chaayinaan hawaarratti biyya humna guddaa qabdu akka taatu gochuun abjuu keenya barabaraati'' jedhaniiru.

Warri Waashingitan fiigicha hawaa beekuuf Beejiing gochaa jirtu kanaan yaaddahaniiru, yaaddessaadha jedhaniitis ibsu.

Jalqaba bara kanaatti hogganaan Naasaa Biil Neelsan US fi Chaayinaan adeessatti deebi'uuf ''dorgommiitti jiru'' jedhan. Dabaluun Beejiing qaamni addeessaa gariin ''kan kooti'' jechuuf deemti sodaa jedhu qabaachuus himan.

Sagantaan namoota nagaa gara adeessaa erguuf Chaayinaan qabatte sagantaa waraanaa of keessaa qaba jechuun kana amanan ta'uu seera baastota USttis himuu dubbatan.

Abbaan Starlink, Eloon Maask gama isaan X gubbaa yaada maxxanseen sagantana hawaa Chaayinaa kana namni hubatuun olitti amayyaawwaa ta'uu hime.

Ogeeyyiin US kaan ammoo teknoolojiin hawaa abuuruuf hojiirra oolaa jiru dhimma waraanaaf oola jedhanii yaaddahaa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ajajaan damee hawaa US Janaraal Isteefan Waayitiing walgahii Ebla darbe gaggeefame tokkorratti Chaayinaafi Raashiyaan saffisa guddaan hawaarratti investi tolchaa jiruu jechuun dubbataniiru.

Ejensii hawaa Chaayinaatti wajira teeknoolojii kan hoogganan Lii Yiingliyaang yaaddoo gama US irraa dhiyaatuuf deebii kennaniin 'yaaddoo hin barbaachifneeedha'' jedhan.

''Kuni dorgommiidha jedhamuu hin qabu jedheen yaada...Chaayinaan sagantaan hawaa nama erguun qorachuu naga qabeessa ta'uu qaba ilaalcha jedhu ni kabajji. Fuula durattis walta'iinsa idila addunyaa qabnu gama teeknoolojii hawaafi gama biroo hedduun ni jabeessina, walii qooduu bu'uureffachuun walta'iinsa goona'' jeedhan.

Dorgommiin hawaa inni haaraan addeessarraa qubachuu miti. Inni guddaan qabeenya achi jiru eenyu dhuunfata kan jedhudha.

Adeessa gubbaa albuudonni, sibiloonni akka ayiranii fi titaaniyeem, hiiliyeemiin fa'isi ni argamu. Albuudnii fi sibilonni kunniin oomishaalee teeknooljiifi fayyaa keessatti barbaadamoodha.