Waggoottan torba bulchiinsa MM Abiy Ahimad akkamitti ibsama?

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad erga angoo qabatanii amma waggaa torba ta'eera. Waggoota torban darbe kanneen keessas gama siyaasaa, diinagdee, dippiloomaasii fi hawaasummaa dabalatee badhaadhina ykn milkii gaarii fiduuf waadaa galaa turaniru.
Ummanni bara bulchiinsa isaanii jijjiramni dhufeeraa, bu'aawwaan hedduu galmaa'aniiru, jechuun deeggaran akkuma jiran, kanneen haalonni itti hammaataniiru jechuun bulchiinsasaanii qeeqanis jiru.
Waggaa torbaffaa kana sababeeffachuun hiriirri deeggarsaa bulchiinsa mootumma Abiy Ahimadiif tibbana magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti adaamsifamaa ture.
Imalli bulchiinsa Dr. Abiy Ahimad waggaa torbaa akkasumas gaaffiilee ummataarraa ka'u irratti furmaanni kennamaa ture akkamittin ibsamuu jechuun BBCn, Paartii badhaadhinaa damee Oromiyaa irraa Dr. Buzaayyoo Daggafaa akkasumsa biyya Siwiizerlandiitti Yuniiversiitii Zuurik irraa, qorataafi barsiisaa dhimma Siyaas-dinagdee Gaanfa Afrikaa kan ta'an Dr. Asebaa Raggaasa dubbiifneera.
Kaayyoon hirrira deeggarsa Bitootessa 24 guyyaan MM Abiy Ahimad aangoo qabatanii gaggeefamuu tokkoffaa qabsoo obsa fixachiisaa booda bu'aa argame yaadachuuf.
Inni biraa ammoo injifannoo kanaan bu'aan argame maal maal akka ta'eefi qormaatiwwan hedduu jiran keessatti milkaa'ina bulchiinsi kun fideef beekamti kennuu fi tumsa taasisuufidha jedhu Dr. Buzaayyoon.
Yaada kana irratti kan waliif hin galle Dr. Asebaan hirirri deeggarsaa kan gaggeefamu yeroo baay'ee mormiin yoo mootummaarra jiraateedha jedha.
''Mootumman wayita mormiin irratti heddummatu anis deeggarsan qaba jedhee, namoota isa deeggaru ykn deeggaruu fakkeessu hiriiraaf baasa.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Motummaan nagaafi waligalteen ummata waliin jiraatu dhimma hiriira deeggarsaa waggaa waggaan baasuuf hin qabu kan jedha Dr Asebaan, ''mormiin mootummaarra jiraachuu isaa agarsiisa malee deeggarsa miti,'' jedhu.
Dr. Buzaayyoon hanqinoonni jiraatanillee guyyaa kana yaadachuuf sababni ga'aan akka jiru himu.
Jijiiramni mootummaa kun qabsoo, aarsaa fi wareegama ummataa heddun kan dhufe ta'uusaa duwwaan utuu hin taane bu'aawwan achii booda argamanis heddudha. Bu'aa argame jabeeffachaa kannen hin deebineef ammoo gaafachaa deemutu barbaachisa jedhan.
Bulchiinsi mootumman Dr. Abiy Ahimed qabsoo aarsaan guddan itti kanfalameen gara aangootti waan ba'aniif jijjirama gaaritu dhufa jedhamee abdiin irra kaa'ame waggaa torba kana keessatti abdii qofa ta'ee akka hafe Dr. Asebaan kan eeran.
Waggaa tokko utuu hin guutiin adeemsi sun jijjirame, amma haala jiru adeemsa keessa namuu hubataa dhufeera jedhan, amma haala jiru namoonni argaa jiru.
Gama biraan bu'awwaan bulchiinsa mootummaa Paartii Badhaadhinaatiin argaman yoo eeran Dr. Buzaayyoon akka fakkeenyaatti hidha Laga Abbayyaa waggoota hedduuf lafarra harkifataa ture, amma gara xumuraa ga'uu isaa kaasu. Kun bu'aan isaa guutuu biyyaa qofaaf utuu hin taane biyyoota Afrikaa heddullee kan fayyaduudha jedhan Dr Buzqaayyoon.
Dr. Abiy torban tokko dura gaffilee miseensota mana maree bakka bu'oota ummataa irra ka'aniif wayita deebii kennaan hidhi Laga Abbayaa dhibbeentaa 98 irra gahuu fi ji'oota 6 booda akka xumuramu himan
Milkaa'inaa fi bu'aalee argaman biroo akka fakkeenyatti Dr Buzaayyoon kaasan keessa hundeeffamuun Paartii Badhaadhinaa tokko ta'uu himu.
''Duraan naannoleen hedduun dhiibamaa turan. Har'a akka kaleessa naanoolee muraasni kan dhiibaman utuu hin taane akka baay'inaa fi qabeenya isaaniitti dhimma biyyaa irratti hirmaannaa qabu kun mataan isaa bu'aadha."
Babal'inni manneen barnoota Finfinnee, Oromiyaa fi naannolee birootti taasifame, daa'imman deeggarsa nyaataa, meeshalee barnootaa fi uffata (Uniform ) akka argatan taasifamuu fi walumaa galatti qulqullinni barnoota akka cimuuf hojiin hojjatame bu'aa lakkawamuu danda'u akka ta'es eeru.
Gama hawaasummaatiin Oromoo waggoota hedduuf Finfinneerraa dhiibamaa ture, Ayyaana isaa ayyaana Irreecha Finfinnetti akka kabajatu kan deebise bu'aa jijjiramichaati jedhu.
Gama oomisha qonnaan, gama fayyaan, gama misooma magaalaa fi kanneen biroon bu'awwaan hedduun argamu himuu Dr. Buzaayyoon.
Dabalataanis sirna kana keessa miidiyaaleen bilisummaa kan qaban ta'uu ibsu. Kanaaf kan argatan kan kunuunfachaa, hafeef ammoo irratti hojjachuun barbaachisaa akka ta'e dhaamu.
Isaan kana haa jedhan malee walabummaan miidiyaa akka jalqaba MM Abiy Ahimed waadaa galaniin itti hin fufne.
Gaaxexeessitoonni hidhamaa turuu dhaabbileen mirga gaazexeessitootaaf falman akka CPJ ibsaa turan.
Dr. Asebaan gama isaaniin mootumman oomisha qamadii fi kolidaarii qofa utuu hin taane waan baay'ee lakkawwachuu danda'a, garuu milkaa'ina jedhamee kan ilaalamuu qabu waanti jalqaba jijjiramni sun akka dhufuuf warraaqsa ummataa kaase maali? kan jedhuudha.
''Gaaffilee ummata qabsoo sanatti galchan har'a deebi'emoo hin deebine kan jedhuun ilaalama.'' Kana malee ibsaan magaala tokkotti waan galeef ykn aanga'aan tokko ooyiruu qamadii bareeda keessa dhaabatee waan agarsiisef jijjirama ta'uu hin danda'u jechuun mormu.
Gaaffiin bu'uraa gurguddan ture, waa'ee gaaffi Dimokiraasii fi namni qe'eesaarra nagaan jiraachu fa'i. Har'a sun ni jira? Namoonni ajjeefama hin jiranii, kan qe'ee isaanirra buqqifamaa hin jiranii? Dararamni qaamolee mootummaa fi kaanin irra ga'aa hin jiruu? Yeroo amma kana ummatni gaaffin demokiraasii haa hafuuti lubbuun jiraachuuf wabii dhabeera.''
Guyyaa guyyatti waan ummatarratti raawwatamu namuu argaa oola. Ummatni hanga dur oomishatu, daldalatu hojjatatu ... hojjachuu dadhabee bakka jirutti akkamiin milka'ina ta'a jechuun gaaffii kaasu?
Rakkoo kana kan geessise irra caalatti rakkoo dhabamuu nagaa fi tasgabbiiti. Naannoo Tigarayi keessa waraanni waggaa lamaa oliif tureera. Oromiyaan waggoota 6'n darban kanaa nagaa dheebbotteeti, naannoon Amaaras akkasuma.
Dr. Buzaayyoon waggota 7'n darban keessa rakkoo nageenyaa dabalatee gufuuwwaan bu'aan barbaadamu akka hin dhufne taasisan hedduun akka turan yaadachiisu.
''Barii jijjiramaa irraa kaasee danqaa fi qormaatawwan heddutu ture'' jedhan. Isaan keessaa yaalii fonqolcha mootummaa, rakkoon Kooviid, waraanni ololaa fi keessaan biyyattii irratti banamee, waraanni Kaabaa Itoophiyaa fi qal'iinsi jireenyaa bu'aan caalu akka hin galmoofne danqaa akka turan himu.

Madda suuraa, Asebe
Dhabamuu nagaa
Dhabamuu nagaa fi tasgabbii kan hammeesse akka jedhamu dirreen siyaasaa dhiphachuun utuu hin taane Itoophiyaa keessatti namni taa'ee mari'achuurra humnaan wal mo'uuf ykn fedhiin humnaan aangoo qabaachuu barbaadu waan jiruuf ta'uu dubbatan.
''Aadaan aangoo marii fi karaa nagaan walitti dabarsuun hin baratamne. Haalli amma jiru garuu jalqabbii gaaridha.
Aaadan akkasii baratamuu qaba jedhee mootummaan yoo amanu qaamoleen biroo mootummaa karaa afaan qawweetin angorra buusuuf sochii taasifamu keessatti waraanni dhalatee ummata miidhaaf saaxile.
''Nagaa buusuun kan qaama tokkoo qofa miti. Qaamni walitti bu'e lama yoo jiraate lamaanuu bira nagaaf fedhiifi kutunnoon jiraachuu qaba.'' Gama hidhattotan fedhiin akkasii dhabamurraa kan ka'e bu'aa silaa argamu qabu hanqise. Miidhaan waraanni geessisummoo guddadha jedhan.
''Kaleessa qaama biraatu ummata cunqurse, har'a garuu sababa waldhabdee yaadatiin maatii tokkon gaga'amni ga'aa jira.''
Mootummaan nagaa fiduuf kutannoo qabaachuun isaa, hanqinni tokko tokko jiraatus, waligaltee Piritooriyaa fudhachuun ni danda'ama, marii nagaa hidhattota biroofis kutaannoo wal fakkata qaba.
''Ammas furmaanni mariidha. Xumurri lolaa hedduun mariin xumurama. Rakkachuun ummataa faayidaa hin qabu. Kun rakkoo ifa jiru ta'us garuu har'a bakka kaleessa turre miti kan jiru'' jechuun bu'aa jijjiraman booda argaman kunuunfachuun akka barbaachisu himu.
Badhadhinni yoom dhugooma?

Madda suuraa, AMN
Dr. Buzaayyoon, ''badhaadhinni Oromoof haaraa miti, garuu Partiin Badhaadhinaa akkamitti badhaadhina mirkaneessa yoo jenne waan tokko qofa miti kan ilaalamu,'' jedhu.
''Kun yaadamarraa eegala. Yaadama bittinnaa'urra gara tokkummatti dhufuuti. Namni ilaalchi isaa badhaadhumaa hin qabaannne badhaadhuu hin danda'u. Hidhi Abbay xumuramuun bu'aa humna walooti. Jijjiramootaafi misoomni magaalota keessatti amma mula'atan kun badhaadhummaarraa ka'a'' jechuun ibsu.
Omisha qamadiis yoo fudhanne akkasuma,yaada nutuu nyaanne hin bullee jedhuufi biyyi kamuu oomishe alatti kan ergitu irraa hafeeti miti. Bunni alatti kan ergmu nurra hafaa waan ta'eefi miti. Hiikni isaa sana oli. Inni guddaan abdii uumudha.
''Gama hundumaan hawaasummaan siyaasaa misooma fi hariiroo alaatinis abdiin jiru guddaadha. Kun imala badhaadhina guddina gara fuuldura agarsiisa malee abdii dukkanaa miti. Ifti amma jiru kun abdiif yaada badhaadhinaati."
Dr. Asebaan yaada kana ni mormu. Haala qabatamaa amma jiruun jireenya qananiif Badhaadhina dhiisii namni waa hojjatatee nyaataa bulaa hin jiru jedhu.
Itoophiyaan biyyoota guddataa jiran kan dinagdeen ishee guddan qonna irratti hundaa'edha. Iddoo humni dinagdee cimaan jiru baadiyyaan nagaa hin qabu.
Kanaaf amma namni waan nyaatee buluu argachuufu yaaddoo hamaa keessa jira. Inumaa beelli hamaan akka hin geenya sodaan qabaa jedhu. Gabaasonni baay'een sobadha ummanni gidiraa keessa jira jedhu.
Qaaliinsi jireenya rakko Itoophiyaa qofa akka hin taane Dr. Buzaayyon gama isaaniin. "Biyyota hedduu yoo ilaalle qal'iinsi jireenya sadarkaa olaanadhaan dabalu isaa qorannoon kan agarsiisu. Kun sababa hoggansa amma jirutin dhufe utuu hin taane taate akka addunyatti muudatedha."
Kanaaf akka fakkeenyaatti waraana addunyarra deemaa jiru kan Raashiyaa fi Yuukireen akkasumas Israa'eliifi Gaazaa dhibbaa gudda geessisuu himan
''Itoophiyaa qala'insi jiraa? Eeyye jira. Kana xiqqessuuf ammoo aadan hojii akka jijjiramu namni mana mana isaatti waa akka oomishatu akka dur ganna qofa oomishuun ga'aa akka hin taanee fi kanneen akka boba'aaf xaa'oof deeggarsa adeeggarsa taasisuun xiyyeeffannoo mootummaan kenneen miidhan caalu akka geenye taasifame jedhu Dr. Buzaayyon.
Dr. Asebaan halli waggoota 6n darban kana turan kan gaaffi ummataa deebisu utuu hin taane kan ukkamsu, kan gaaffi ummatatu aangotti nu fide jedhanii tartiibaa fi akka yeroo isaatti gaaffi itti daabisan utuu hin taane kan qaamoleen siyaasaa fi dargaggootni daandii qabsoo karaa nagaa irraa gara biratti tarkaanfachiisu akka ta'e eeruun yaad isaani goolabu.
Dr. Buzaayyoon mootummaan gaaffi ummataa dhawataan deebi argataa akka jiru, haa ta'uu malee gaaffileen waggoota hedduf wal harkisee dhufe tibba tokkotti jijjirun akka hin danda'amne dubbatan,
Komiifi yaadni ummataa tajaajilaa fi gama biroon jirufurmaata waaraa akka argatuuf wantootni hedduun gama teknolojiin akka hojjataman xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa jiraachuufi dhiyootti furmaata argataa kan deemu ta'ulle himan.
Walumaa galatti, mootummaan, Itoophiyaan biyya of dandeesse kan birmadummaan ishee mirkanaa'e, kadhaa kamuu jalaa baatee dhimma ishee ofii ishee ofiin murteeffatu akka taatuuf hojjataa jiras jedhan.
Kan gochuuf ammoo aadaan wal dhaggeefachaa waliif obsaa wal gorsaa deemuu akka hawaasa Gadaa uumee tokkotti aadaa rakkoo gadi teenyee marin furataaa deemuu yoo gabbifanne furmaatni fi jjiramni caalu akka argamu dhaaman.












