Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Nan du'an malee achii lubbuun nan ba'a jedhee hin yaadne'
Maqaan isaa Jeemsi jedhama. Lammii Gaanaa yoo ta'u, Burkinaa Faasoo keessatti hidhattoota jihaadistotaan qabamee gara buufata isaanii, kan gammoojjii bal'aa keessatti aragamuutti geeffame.
Umurii waggaa 30 keessa kan jiruu fi amantii aadaa Afrikaa kan hordofu Jeemsi, guyyaa jalqaba qabame buufata sana keessa geeffame sanatti, loltoonni Islaamummaa hojii oppireeshinii irraa deebi'anii ol dhukaasaa waan turaniif hedduu sodaaachisaa ture jedha.
Boodarraa finciltoonni kun gaaf tokko ajajaa kutaa waraanaa ta'uu akka danda'u itti fakkeessuun, sossobanii gara waraanatti makuuf yaalan.
Ajajaan waraanaa meeshaa waraanaa adda addaa qawwee (AK-47, M16, fi G3) gadi yaasee kanneen keessaa isa kam qabachuu akkan danda'u na gaafat jedha. ''Kanaan dura tokkoo isaallee yaalee akkan hin beekne itti hime.''
''Ajajichiis meeshaa waraanaa gurguddaa heddu qabna, kanaaf kutaa waraanaa akka ati qabattus ni taasifna, eenyullee si miidhuu hin danda'u'," jedheen
Jeemsi garuu mana keessaa daa'ima dhukkubsate akka qabu itti himee, ajjajaa waraanaa san kadhatee. Gaanaa keessatti akka isaaniif hojjatu waadaa galuun torban lama booda gadhiifame. "Waadaa ani gonkumaa hin raawwannen galeef." jedha.
Dargaggoonni jihaadistootatti akka hin makamneef duula ummataa geggeessaa kan jiru Komishiniin Biyyoolessaa Barnoota Lammummaa Gaanaa, waan Jeemsi irratti ta'e akka beeku BBC'tti himeera.
Finciltoonni Jamsi butan kan Jama'at Nusrat al-Islam wal-Muslimin(JNIM), ykn Garee Deeggarsa Islaamummaa jedhamu ture.
Dhaabbata al-Qaayidaa waliin hidhata kan qabu yoo ta'u, bara 2017tti akka damee gareewwan jihaadistoota adda addaa naannichaa ta'uun ifatti eegalame.
Burkina Faasoo keessatti, keessumaa naannawa daangaa kaaba biyyatti keessa socho'u,bakka bal'aas to'ataniru. Garuu gara kibbaattis babal'ataniiru, daangaa dheeraa gara 550km (340 mile) ta'u daangaa Gaanaa waliin qabu irra qabatanii jiru.
Namoonni kuma 15 ol Burkinaa Faasoo irraa walitti bu'iinsa kana jalaa miliquuf gara kaaba Gaanaa baqachuu isaanii dhaabbileen gargaarsaa kan himan.
Burkina Faasoo malees jihaadistoonni kunneen Niijer fi Maalii keessattis lafa bal'aa qabataniiru. Akkasumas Ayivoorii Koost, Beniin fi Toogoo keessattis haleellaa raawwataniiru
"Wiirtuun shororkeessummaa Baha Giddugaleessaa fi Kaaba Afrikaa irraa gara Afrikaa Sahaaraa gadiitti ce'eera. Irra caalaan isaa naannoo Saahel [kan Burkina Faasoo, Maalii fi Niijar of keessatti hammate]," jedhan qondaalli olaanaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii.
Dhaabbanni Hariiroo Idil-addunyaa Nezerlaandi, think tank, haleellaan qabataamaan lafa Gaanaa irratti raawwatamuu dhabuun isaa shallaggii JNIM sarara dhiyeessii fi bakka boqonnaa jeequu dhiisuu fi waraana cimaa bobbaasuu dhabuu isaa irraa kan ka'e akka ta'e gabaaseera.
Dhalattoonni Gaanaa harki caalaan isaanii Kiristaanota ta'anis, ummanni naannoo daangaa Burkinaa Faasootti argamu garuu baay'inaan Muslimoota ta'uun isaa jihaadistoonni faayidaa isaaniif itti fayyadamuu danda'u jechuun yaaddoo uuma.
JNIM hawaasa xiqqaa Gaanaa, baay'inaan Muslimoota Fuulanii ta'an jeequmsa akka raawwatan bobbaasuuf ykn kakaasuuf yaaleera, garuu bu'aan tattaaffii isaa milkaa'ina xiqqaa argateera akka dhaabbatni think tank kunjedhutti.
Hundeessaa fi ajajaa lammaffaa JNIM kan ta'e Amadou Koufa qabsaa'otni isaanii irra caalaan hawaasa Fulani Burkina Faso keessa jiran irraa kan dhufaniidha.
Waraanni kun gareewwan mirgaaf falmaniin Fuulaanota maqaa balleessuun haaloo ba'uu, fi haleellaa loogii tokko malee gandoota isaanii Burkina Faasoo irratti raawwachuu isaatiin himatamaa tureera.
Bara 2022tti dhaabbatni miti mootummaa Faransaayitti argamu tokko akka jedhetti, jihaadistoonni dargaggoota Gaanaa 200 hanga 300 ta'an akka bobbaasan eera.
Gariin biyyoota fincilaan miidhaman kan akka Burkina Faasoo keessatti socho'aa kan turan ta'us, kaan ammoo "Dhuga ba'iinsa amantii" isaanii lallabuuf gara gandoota isaanii kaaba Gaanaatti deebi'anii ergamuu jechuun dabalee ibseera.
Bara 2022 irraa eegalee Gaanaan humna naannoo haaraa warra dhihaatiin deeggaramuu fi namoota kuma 10 qabu uumuuf tattaaffii fincila Islaamummaa irratti taasifamu keessatti adda duree taatee jirti.
Haata'u malee, waajjirri muummee kun hanga ammaatti kan hin banamne yoo ta'u, naannichi biyyoota dhihaa fi Raashiyaa deggeran gidduutti erga qoodamee booda hireen sochii kanaa ifa miti.
Daa'imanii fi dubartoota harka Ji'aadistootaa
Burkina Faasoo, Maalii fi Niijer Raashiyaa cinaa kan turan yoo ta'u, Gaanaa fi mootummoonni naannoo biroo biyyoota dhihaa waliin michuu ta'uu itti fufan.
Paartiin Kongireesii Dimookiraatawaa Biyyaalessaa Gaanaa (NDC) karoora filannoo isaa keessatti "michoota idil-addunyaa" waliin nageenya daangaa fooyyessuu fi dandeettii basaasaa biyyattii fooyyessuuf waadaa galeera.
Hagayya bara 2023tti Gamtaan Awurooppaa konkolaattota hidhannoo gara 100 ta'anii fi meeshaalee hordoffii kanneen akka diroonii Gaanaaf akka dhiyeessu beeksiseera.
Namoonni nagaa fi baqattoonni hedduun yaaddoo nageenyaa qabaatus daandii miilaafi kaaniin qaxxaamuruun gara daangaa Gaanaa fi Burkinaa Faasoo ce'uun hojii daldalaairratti hirmaachuu fi firoota isaaniin wal argu.
Jeemsis isaan keessaa tokko yoo ta'u, utuu mootar saayikilii isaatiin hanga Senegaal deemaa osoo jiruu hidhattoota gara 500 ta'an kaaba dhiha Burkinaa Faasoo keessan qabamuun gara kaampii gammoojjii fakkaatu keessa jiraatanitti geeffame.
Kaampiin kun kutaa sadiitti kan qoodame yoo ta'u, kunis ajajootaa fi maatii isaanii, jihaadistota sadarkaa gadi aanaa, akkasumas jiraattota gandaa fi loltoota booji'aman kan hammate ture.
Jeemsi akka jedhutti, haalli kaampiichaa yeroo muraasaaf nagaa fakkata, garuu gareewwan jihaadistotaa yeroo hunda gara waraanaatti kan deeman yoo ta'u, yeroo deebi'an injifannoo isaanii ibsachuuf dhukaasni dhuka'u dirree waraanaa hamaa keessa akkan jirtutti natti dhaga'ama jedhe
Jihaadistoota dabalatee daa'imman hedduun meeshaa waraanaa fi kanneendhoo'an dabalatee leenji'uu isaanii arge. Kana malees "dubartoota booji'an ni daldalu. Kaan ammoo haadhotii manaa godhachuu fi nyaata qopheessisuuf itti fayyadamu. Kan gareen gudeedamanis quba bqabaachuu hima. Dubartoota hidhannoo guutuun sochii waraanaa kessatti hirmaatanis jiru.
Viidiyoo Ololaa
Jihaadistoonni kun "warri dhihaa hamaadha" jedhanii lallabuu fi halkan hunda viidiyoo olola agarsiisuudhaan Jamsi barsiisuuf yaalan. Viidiyoowwaan kunneen weerara Ameerikaan Iraaq irratti raawwatte, akkasumas waldhabdee amma Israa'el waliin qabdu keessatti Falasxiinota ajjeesuu isheefaa dabalata.
Jihaadistoonni tokko tokko maqaa qabsaa'ota kanneen akka Burkina Faasoo Toomaas Sankaraa fi Gaanaa Kwame Nkruma waamuun namoonni "garbummaa" jalaa irraa bilisa akka ta'an kaakaasu
Duraan hojii kan hin qabne Jeemsi jihaadistota Afrikaa Dhihaa keessa jiraniin erga qabamee osoo Sankaaraa fi Nkruman faa yeroo dheeraaf jiraatanii Afrikaan hundi haala gaarii keessa taati jedhee amana.
Hiriyyoota Musliimaa lama waliin hogganaa hafuuraa Musliimaa Senegaal keessa jiru tokko waliin wal barsiisuuf utuu deemani miliquuf yaalan.
Hiriyaan isaa tokko wayita baqachuuf yaalu rasaasaan kan ajjeefame yoo ta'u, hiriyaa isaa kaan biraa waliin qabamanii bakka kaampii sanaatti geeffame.
Jeemsi ajajaan sun hiriyaa isaa san akkam akka godhe hin beeku, garuu du'eera jedhee akka isaas ajjeesu ittin sodachisa ture.
Dhuma irratti "loltoota dabalataa akka naaf argitu yoo naaf mirkaneessite si gadhiisa," jedhen.
Itti dabaluudhaanis, gara buufata konkolaataa tokkootti gaggeessuu fi gatii imala gara biyyaatti deebi'uuf kennuufiin dura, finciltoonni lakkoofsa quunnamtii ittin argatu kennuufin waada galchiisanii gaggeessuu hima.
Jeemsi humnootni kunneen Gaanaa fi Burkina Faasoo jeequu caalaa xiyyeeffannaan isaani biyyootni dhiyaa qabeenya Afrikaa irraa fudhatanii ummata ishee miidhu jedhanii amanu jedhe
Xiinxalaan nageenyaa kan Gaanaa keessa jiraatu Adib Saanii fincilli Afrikaa Dhihaa keessatti garee kanneeniin raawwatamu guddachaa dhufuun yaaddoo ta'uu fi furmaata waraan akka barbaadamu ibsaniiru.