Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shakkii, rakkoowwaniifi jijjiirama Maanchister darbiirratti hin oolle
Leenjisaan haaraa Maanchister Yunaayitid Ruuban Amiroom dubbii dubbataniin kanumaan dura dhageettii guddaa argateera.
Kilaba biyya Cheek Viktooriyaa Pilzeen tapha Yurooppaa Liigiitiin 2-1n mo'atee deebi'uun Maanchester darbii yeroo jalqabaasaa har'aa taasisu ilaalchisuun gaafatamee deebii kenneera.
"[Taphichi] falmii gareewwan gurguddoo lama ol aantummaaf falman gidduutti gaggeeffamu ta'uu qaba. Haata'u malee, kun yeroo ammaa kanaa waan ta'u miti. Gareen lachanuu amma gatantaraa jiru," jedhe leenjisaan lammii Poorchugaal kun.
Haalli qabatamaa gareen lamaan yeroo ammaa irra jiran tapha Siitiifi Yunaayitid gidduutti har'a taphatamu kana adda taasisa.
Amiroom torban shaniin boodadha kan Maanchister Siitii waliin taphachuuf dhiyaate. Kilaba Ispoorting qabatee qe'eesaanii Poorchugaalitti 4- fi 1n Maanchister Siitiidhaan jilbeeffachiisuun isaa ni yaadatama.
Shaampiyoonaa bara darbee kan ture Maanchister Siitiin taphoota 10 darban keessaa tokko qofaa mo'achuu kan danda'e yoo ta'u, kana keessatti gooliin 23 itti galeera.
Amirom erga leenjisaa Maanchister Yunaayitid ari'e Eriik Teen Haagiin bakka bu'een booda taphoota Piriimer Liigii taphaterraa qabxii afur argateera.
Tapha lamaan taphateen Maanchister Yunaayitid garuu Arsenaaliifi Nootingihaa Forestiin mo'ameera.
Yeroo ammaa Piriimer Liigii torban 16ffaaf taphatamaa jiruun Maanchester Siitiin afuraffaa irratti argama. Maanchister Yunaayitid ammoo sadarkaa 13ffaa irratti argama.
Maaltu dogoggora ta'e?
Maanchistar Siitiin Onkoloolessa 26 as yeroo tokko qofa injifate.
Leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaa sababni gareen isaa kun itti akka hin eegamneef ta'e sagantaa taphaa baayyee walitti sissiquun taphattoota dadhabsiiseeti jedha.
Sagantaan taphaa itti baayyachuun akka gareen isaa kun gahumsa dhabaa deemu taasisuu amana Gaardiyoolaan.
Miidhaan taphattootaas rakkoo Maanchester Siitii mudatedha, keessumaa taphataan isaa urjii bara kana badhaasa kubbaa miilaa guddicha Baaloon D'Or mo'ate Roodirii mudate kilabichaaf miidhaa qixxee hin qabnedha.
Injifataan Baaloon D'Or kun tapha Siitiin Yunaayitid waliin taasisu kanarratti taphattoota olaanoo Siitii ja'a hafan keessaa isa tokkodha.
Riikoo Luwiis adabbiin waan hin taphanneef Peep Gaardiyoolaa sarara ittisaarratti taphattoota sadii qofa qabaachuu mala jechuudha. Kanaaf, Bernardo Silvaa ykn Matewoos Nuunes sarara ittisaaf filachuuf dirqamuu danda'a jechuudha.
Ammaaf taphattoota walfakkaatan taphachiisaa jira, isaan keessaa gariin warri akka Fiil Fooden fi Erliing Halaand haala gaarii irra hin jiran.
Dhuma Onkoloolessaa keessa, Siitiin Saawuzhaampitan erga injifatee guyyaa tokko booda, Yunaayitid ammoo Weestihaam waliin ta[hatee mo'ame.
Kunis Erik ten Hag guyyaa itti aanutti hojiirraa ari'ameef xumura ta'uu kan mirkaneesse ta'e.
Yunaayitid tarkaanfii hundee qabu fudhachuuf murteessee, walakkeessa bara dorgommii kanaatti Amorim Ispoortingirraa fudhate.
Lammiin Poorchugaal kun ijaarsa haaraa hojiirra oolchuuf yaalaa jira. Haata'u malee, tapha darbii kanaaf yeroon leenjiin gahaan hin jiruuf. Milkaa'uudhaaf adeemsa dheeraa akka ta'u dursee akeekkachiisee jira.
Shakkiin Siitii irratti mul'atu
Gaardiyoolaan garee taphattoonni mallattoo umuriin isaanii deemaa jiru waliin ka'uu isaatiin gaabbii hin qabu.
Kaayil Woolkar, tapha Juuveentus 2 fi 0n mo'amuun booda sanyummaadhaan miidhame. Taphataan kuniifi taphataa sarara gidduu lammii Jarmanii Ilkaay Gundohaan lamaan isaanii umuriin isaanii 34 guuteera. Keevin de Biruuneen ganna kana kontiraata isaa kan xumure umuriin isaanii waggaa 33 ta'eera.
Kilabichi taphattoota qabu keessa deebiyee ilaaluun isaa hin oolu.
Taphattoonni Siitiin dhiheenya kana mallatteesse hedduun ofitti amanamummaa kan namatti horu ykn amansiisu miti.
Siitiin taphattoota dhiheenya kana dhufan Jeremy Doku fi Savinho irratti Paawondii miliyoona 85 baaseera, lamaan isaaniiyyuu dhiibbaa Riyad Mahrez, 33, kan yeroo ammaa Sa'udii Arabiyaa keessa taphataa jiru qaba turee hin taane.
Murtee ganna kana Juuliyaan Alvaareez gurguruu irratti waan baay'een murtaa'e garuu lammii Arjentiinaa kun deemuu barbaade. Gurgurtaan paawundii miiliyoona 81 Atleetikoo Maadriiditti bu'aa gaarii ta'ee ture. Dogoggorri ture nama bakka bu'u fiduu dhabuudha.
Jijjiirraa Amajji banamu furmaata fidaa?
Kilaboonni lamaan herrega faayinaansii bara 2023-24 waan gadhiisaniif, jijjiirraa kanaan maaltu akka danda'amu yaada gaarii qabna.
Salphaatti yoo ilaalle, haalli Bu'aa fi Itti Fufiinsa akkuma jirutti ta'ee, Siitiin bu'aa buufateeru maallaqa baasu qabu. Yunaayitid garuu kasaaraa keessa waan jiruuf guddaa waan baasu kan qabu hin fakkaatu.
Gaardiyoolaan Jimaata darbe mallatteessitoota baatii Guraandhalaa irratti dubbatamuu irraatti dubbachuurra ''taphattoota miidhaman akka deebi'an qofa barbaada'' jedheera.
Garuu namoonni haaraan dhufan waan hin oolle fakkaata.
Dhimmi taphataa sarara gidduu amma qaawwa Roodrii cufuuf gargaaruufi booda yoo inni fayyee deebiyes isa waliin taphatu barbaaduun waan murtaa'e fakkaata.
Bakka kanaaf taphataa Niwukaastil Biruunoo Giimaarees adamsuun amallee ittuma jira; baraachisaa taananis filannoowwan biroo Awurooppaa keessas barbaadamaa jira.
Yunaayitidiif haalli jiru baayyee qajeelaa miti. Tokkoffaa, Amorim taphattoota meeqa gareesaa keessaa barbaadama? Meeqan isaaniitu ammoo tooftaa taphasaatiif akka hin taane murteessee jiraa?
Taphataan kilabidha keessatti guddate kan akka Maarkus Raashfoord gurguruun seera Bu'aa fi Itti Fufiinsa jalatti gaarii ta'a. Taphatoota miindaa guddaa argatan garuu ga'umsa gadi aanaa qaban kan akka Antooniifaa hir'isuun Amorim garee isaa fooyyessuuf gargaaruu mala.
Garuu jara lamaanuu gurguramuun karoorri kun hangammilkaa'uu danda'a kan jedhu gaaffiidha.
Fuuldurri isaanii maal fakkaata?
Maanchester Siitiin rakkoo isaa sirreeffachuuf salphaa fakkaata.
''Osoo miidhaan taphatootaa nu hin mudanne ta'ee bakka jirru hin beeku garuu tilmaamuu nan danda'a,'' jedheera Gaardiyoolaan.
"Afaan guutee dubbachuu baadhus garuu namni hundi garee fooyya'aa akka taanutti yaada."
Leenjisaan Siitii kun ji'a darbe gareen isaa taphoota afur walitti aansuun erga mo'amee booda, kontiraata isaa waggaa lamaaf dheeressuun mallatteessuu isaatiinis akka hin gaabbine cimsee dubbata.
Yunaayitidiif rakkoon jiru kana caalaa walxaxaadha.
"Rakkooa baay'ee qabna" jechuun dubbate Amorim. "Isaan [Siitiin] nu caalanii jiru."