Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maan Siitii v Maan Unt'd eenyutu mo'a? Tilmaama Piriimer Liigii torban kanaa
Maanchester Darbii! Maanchetser Siitiifi maanchester Yunaayitid Dilbata dirree Siitii Iitihaad irratti wal arguuf jiru. Gareen lamaanuu mo'achuu dharra'ahoodha.
"Maanchester Darbii akka kana injifannoo dhaaebotan arginee beeknaa laata? Natti hin fakkaatu" jedha xiinxalaan ispoortii BBC Kiriisa Suutan.
"Maanchester waan ta'eef ammoo bokkaan roobuun isaa hin oolu. Waansaa, gareen lamaanuu duumessi bu'aa dhabuu isaan haguugeera."
Suutan tilmaama taphoota Piriimer Liigii hundaa kenneera. Tilmaamni taphoota kilaboota Piriimer Liigii Ingiliiz torban 16ffaa kunooti.
Sambata
Arsenaal v Everten
Arsenaal torban darbe Fuulhaam waliin waliqixa ba'us caalee taphatee ture. Maartiin Odegaard akka kanaan duraa dhiibbaa uumaa baatus, Ze Gaaners kubbaa bakka dhaabbatee dhiitamurraa goolii argachuu ni danda'u.
Namoonni Arsenaal goolii lakkoofsisuu kan danda'u kubbaa goleerraa (koornaa) irraa dhiitameen qofa lakkoofsisu qeeqaa jiru.
Ani garuu kun humna isaanii dabalataadha jedheen amana. Innumaattuu gareewwan liigichaa tokko tokko akkuma Arsenaal kubbaa bakka dhaabbaterraa dhiitamuun osoo goolii lakkoofsifachuu danda'anii jedheen hawwaaf.
Imalli gaarii Arsenaal taasisaa jiru Everteniin ni dhaabbata jedhee hin yaadu. Everten ittisuudhaaf carraaqanis mo'amuurraa waan oolan miti. Taphni kun koornaatti fayyadamuurratti garee isa kamiti caala kan jedhullee kan murteessu natti fakkaata.
Ani Arsenaalitu caalaa itti fayyadama jedheen yaada.
Tilmaama: 2 -0
Liiverpuul v Fuulhaam
Fuulhaam tapha torban darbe Arsenaal walii taasiseen naannawaa goolii isaanii eeggachuun baayyee cimoo turan. Tapha kanaanis kana ni godhu jedheen tilmaama.
Haata'u malee, akka tapha torban darbe eisaaniif ni milkaa'a jedhee hin yaadu.
Liiverpuul walakkaa torban darbee tapha Shaampiyons Liigii Awurooppaa Jiroonaa waliin taasiseen hangas mara sodaachisoo hin turre.
Tapha kanaan gooliin jalqaba amurteessaadha jedheen yaada. Goolii jalqabaa kan lakkoofsisu ammoo Liiverpuul ta'a. Tapha kanas osoo isa hin quqquuqiin ni mo'ata.
Tilmaama: 3 - 0
Niiwukasil v Leester
Leester Siitiin leenjisaa isaa IstiivKuuppariin ari'ee Ruud Vaan Nistirooy muudeera. Ruud Vaan Nistirooy ammoo tapha isaa jalqabaa mo'ateera.
Niiwukasil bara kana haalaa gaariin dabarsaa jira jechuun hin danda'amu. Haata'u malee, gareen Arsenaaliin mo'atee iiverpuul waliin walqixa bahu tuffatamuu hin qabu.
Kanaaf, Niiwukasil tapha kanaan salphaatti mo'ata jedheen yaada.
Tilmaama: 3 - 0
Woolvis v Ipsiwiich
Woolvis tapha kanaa goolii ni lakkoofsisaa? Eyyeen.
Ipsiwiich tapha kanana goolii lakkoofsisuu danda'aa? Tarii ni lakkoofsisa. Sababiin isaa ammoo kalabni hunduu Woolvis irratti waan lakkoofsiseeruuf.
Ani bakkan kopheekoo itti fannisee buusee goolii lakkoofsisuu nan dana'a. Sararri ittisaa isaanii hanga kanatti laafeera.
Woolvis taphattoota kennaa qaban qabaatullee, osoo gooliin akka kana irratti lakkaa'amuu Piriimer Liigii keessa ni tura jechuun sobadha.
Ipsiwiich taphoota lamaan darbanirraa qabxii argachuu hin dandeenye. Tapha kanaan Woolvis qabxii foyyaa'aa ni argata jedheen yaada.
Tilmaama: 2 - 1
Notingihaam Forest v Aston Viilaa
Kun tapha garee sadarka shanaffaafi ja'affaarra jiran gidduutti taasifamudha. Falmii cimaa ta'a jedheen yaada. Aston Viilaan qabuurraa deebiyee ni fooyyaa'a jedheen yaada.
Notingihaam Forest dirree ofiisaaniirratti yeroo taphatan ni mo'atu. Tapha kanaan garuu Aston Viilaan ni mo'ama jedhee hin yaadu. Taphni kun walqixaan xumurama.
Tilmaama: 1 - 1
Dilbata
Biraayiten v Kiristaal Paalaas
Biraayiten bara kana taphoota baayyee qabxii walqixaan xumraa jira. Dirreesaarratti si'a afur walqixa baheera. Kiristaal Paalaas ammoo dirreesssaafi dirreesaatiin alatti taphoota torbaan walqixaan xumureera. Taphni kun tilmaamaaf cimaa nati hin fakkaatu. Morkiin kun qabxii walqixaan xumurama.
Tilmaama: 1 - 1
Maan Siitii v Maan Yunaayitid
maanchester Siitii akka kana burkutaa'a jedhee eenyu ilmaamee?
maanchester Siitiin taphoota 10 darban keessaa tokko qofaarrattidha kan osoo gooliin irratti hin lakkoofsifamiin hafe.
Peep gaafrdiyoolaan taphattoonni kiyya dadhabaniiru jechaa jira. Wanti Gaardiyoolaa hin beekamu. Yeroo tkko tokko deebii bitaa namatti galu kenna. Haata'u malee, haala amma Maanchester Siitiin itti jiru baayyee yaaddessaadha.
Peep gaardiyoolaan kana akkam godhe jijjiiraa?
Gama biraatii leenjisaa Maanchester Yunaayitid Ruuban amoorim muudamanii osoo hedduu in turiin abbaan qabeenyaa kilabicha Sir Jiim Raatikiliif miseensonni garichaa "dandeettiin isaanii hangas mara miti" jechaa jiru.
gareen lamaanuu dandeettiin isanaii laamsha'eera. Tapha kana maal jedheen tilmaamamaa?
Tapha darberratti Maanchester Darbii Siitiin ni mo'ata jedheen ture. Tapha kanas Siitiin ni mo'ata.
Tilmaama: 3 - 1
Cheslii v Bireentifoord
Leenjisaan Bireentifoord akkaataa itti kilabicha jijjiiran ajaa'ibadha.
Haata'u malee, taphni kun taphoota tilmaamuuf salpha ata'an keessaa tokkodha. Kannisoonni (Bireentifoord) dirreesaaniirratti ni hiddu, dirreesaaniitiin alatti ammoo qulrxummii bishana keessaa ba'anidha.
Taphni kunDilbata halkan sa'aatii 4:00 irrattidha.
Tilmaama: 2 - 1
Saawozihaampiten v Tootenhaam
Taphni kun kubbaa miidhagaa kan itti ilaalludha jedheen yaada. Sababiin isaa ammoo Saawozihaampitanis ta'e Tootenhaam tapha ittiin beekamanirraa hin socho'an. Tootenhaam torban darbe dirreesaarratti Chelsiitiin mo'ameera. Saawozihaampiten ammoo Liigicha keessa turuu dhiisuu danda'a. Tapha kanaanis ni mo'ama.
Tilmaama: 1 - 2