'Haati osoo sa'a elmituu waraabessi daa'ima butee galaafate' - Abbaa

Bakkeewwan Itoophiyaa adda addaatti waraabessi namootarra miidhaa yoo geessisu irra deddeebiin dhagahama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bakkeewwan Itoophiyaa adda addaatti waraabessi namootarra miidhaa yoo geessisu irra deddeebiin dhagahama

Qe’ee baadiyyaa Harargee kanatti yeroon horiin itti dallaatti nam’itee, namuu manatti walitti qabamuu eegale ture.

Dimimmisa malee waan hin dukkanoofnef ijoolleen ala taphataa turan.

Wanti boodarra mudate kan namuu hin eegne qofa osoo hin taane hariiroo namaafi waraabessaa kan jijjiredha.

Akeekkachiisa! Odeessi kun miira keessan jeequu mala.

Obbo Ahimad Aliyyiin waa’ee ilma isaanii waraabessi butee galaafate yoo dubbatan gadda guddaani.

ALI Adoolessa 12, 2015 ture Godina Harargee Lixaa Aanaa Burqaa Dhintuu araddaa Kurfaa Baadiyyaa jedhamutti waraabessi daa’ima isaanii nyaate.

Dur Obbo Ahimad horii isaaniif yaadda’u, eega daa’ima isaanii waggaa shanii ajjeese booda garuu daa’ima ergachuuyyuu yaadda’uu himan.

“Ollaafi namni jabaadhu naan jedhanii jabaachuuttin jira” jedhan Obbo Ahimad haala irra jiran yeroo BBC’tti dubbatan.

Daa’imi isaanii waraabessaan nyaatame ijoollee torba godhatan keessaa kan xumuraa - quxisuudha.

Garuu hangafoonni isaas ta’e namoonni kaan lubbuu galgala sa’aatii 12:30’tti waraabessa gaadee daa’ima buterraa oolchuu hin dandeenye.

“Haati mooraa keessa loon elmatti. Daa’imni immoo ijoollee sadi waliin jaajjitee turte” jechuun waan ture dubbatu.

Yeroo kanatti ture waraabessi battalatti dhufee daa’ima humnaan ofirraa hin deeffanne butatee deemuu himan.

“Gara lapheedhaa ol nyaatee irraa fixe. Achumaan namni gamaa gamanaa itti birmatee irraa buuse” jechuun taatee uumame dubbatan.

Waraabessi duruu jira. Ammoo Obbo Ahimad Aanaa Buqraa Dhintuutti dhalatanii guddatanii ijoollummaa eegalee yeroo waraabessi nama nyaatu arganii akka hin beekne BBC’tti himan.

“Horii qofa, beellada irratti miidhaa hamaa irraan gaha. Garuu kan namaa kana takkaa hin agarre” jedhan.

Magaalaa Harar waraabessi namatti madaqee madda turizimii ta’eera. Achuma Harargee keessa garuu waraabessi yoo nama miidhu irra deddeebiin dhagahamaa jira.

Waxabajjii 2023 keessa Godina Harargee Bahaa, Aanaa Gursumitti waraabessi nama tokko nyaatee, afur madeessuu BBC’n odeeffateera.

Kanneen miidhamanii lubbuun hafan keessaa maanguddoo ganna 60 keessa jiranidha.

Finfinneefi naannawa isheettillee waraabessi nama loluufi galaafachuullee kana dura BBC’n odeeffatee ture.

Namoota itti baafne…

Bulchaan araddaa Kurfaa Baadiyyaa Obbo Mahaammad Naasiroo akkuma ‘waraabessi daa’ima nyaate’ oduun jedhu dhagahame hawaasi birmatee harkaa buusuu BBC’tti himan.

“Manarraa fuudhee meetira 100 hin gahu kan inni irra taa’ee nyaate. Achitti irraa buufne” jedhan.

“Erga irraa buufnee booda warri mootummaa, qorataan yakkaa dhufee ilaalee gara awwaalchaa deemne” jechuunis himan.

Awwaalcha boodas hawaasni naannoo baay’inaan bahuun waraabessa miidhaa geessise fi kan biroo irratti tarkaanfii fudhachuu dubbatan.

“Ummata bal’aa baafnee sakattaa gochaa turre. Gara nama 400 araddaa guutuu itti baafne” jedhan.

Magaalaa Hararitti waraabessa sooruun hawwata turizimii ta'us, achuma baha Itoophiyaa Harargeetti waraabessi nama galaafatuun dhagahamaa jira

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Hararitti waraabessa sooruun hawwata turizimii ta'us, achuma baha Itoophiyaa Harargeetti waraabessi nama galaafatuun dhagahamaa jira

Obbo Mohaammad guyyaa Kamisaa warabessa osoo hin argin ooluufi guyyaa Jimaataa garuu waraabessa daa’ima nyaate dabalatee kunneen biroo irratti tarkaanfii fudhachuu himan.

“Waraabessa daa’ima nyaate sana ajjeefnee harkaafi mataa daa’imaa kan inni nyaatee liqimse garaa baqaqsinee keessaa baasnee awwaalle” jechuun BBC’tti himan.

“Sababa sanaan gara waraabessa sadiimoo afurii ajjeefne” jechuunis himan.

'Dur horiif, amma dhala ofiif yaaddofne'

Bulchaan araddaa kuni yeroo waraabessi beellada malee nama galaafatu kun akka araddaa isaaniitti isa jalqabaa ta’uu dubbatu.

“Beellada baay’ee nurraa nyaate. Gara loon 30 ol nyaate” jedhan.

Re’oota, hoolota fi harroota dabalatees waliigala beelladootni 100’tti siiqan ji’oota muraasa darban keessa waraabessaan nyaatamuu himani.

Haleellaan waraabessaan loon irratti raawwatamu kun ji’a Amajjii bara kanaa irraa eegalee daran hammaachuu isaas himaniiru.

Haa ta’u malee “kan beellada nyaatu malee kan nama nyaatu nuuf haarawa.’’

“Horii hidhaan hidhannee jirra. Ijoolleenis manatti galtee jirti. Nutis sodaannee ergaayyuu ergachuu dhaabnerra” jedhan Obbo Ahimad Aliyyii.

Taatee kanaan ijoolleen Obbo Ahimad biroollee guddoo rifatan.

“Halkan dhiisii guyyaayyuu sodaannee ofirraa dhiifne” jechuunis sodaa qaban ibsan.

Waraabessi maaliif nama nyaata?

Ogeeyyiin dhimma bineeldotaa qoratan bineensonni akkuma namaa amala jijjiirratu jechuun himu.

Obbo Baankii Buddaamoo, Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itoophiyaatitti Daarektara Hirmaannaa Ummataati.

Kana dura dhimma kana irratti BBC’n yeroo isaan dubbise sababoota lama dhiheessan: "Maaliif yoo jenne bakki jireenyaa waraabessaa namaan qaqqabamee waraabessi inumaa namaan makameera."

"Bosonni hin jiru, bosonni waan garmalee manca’aa jiruuf, waan nyaatamu dirreerratti wanta gatuuf [namni] waraabessi gara namaa akka dhufu godha,’’ jechuun BBC’tti himan.

Kunimmoo Finfinnee qofa osoo hin taane bakkee biyyattii adda addaatti mudataa jira jedhan.

"Rakkoon bakka jireenya isaanii bakka bulan, oolan, akkasumas nyaatallee akka salphaatti argatan suni yoo jalaa xiqqaate ykn dhabame gara ummanni jirutti bobba’uun isaanii dirqama ta’a.