Sirni awwaalchaa Giiftii Elizaabet II raawwatame

Gaggeessaa Giiftii Elzaabeet

Madda suuraa, PA Media

Sirni awwalcha Giiftii Elizaabeet II kan bakka hawaasi 2,000 argametti gaggeeffamaa ture xumuramuun, kan maatii fi miseensonni bataskaana St Joorji qofti hirmaatan irra ga'eera.

Bataskaana St Joorji, Windsor keessatti maatii fi miseensonni walumatti 800 ta'an sirna hafe hordofaa jiru.

Reenfi Giiftii Elizaabet siidaa bakka awwaalchaaf qophaa'e keessatti abbaa warraashee Duukii Edinbiraa waliin bakka tokko kaa'ama.

Sirni awwaalchaa Giifti Elizaabet kunis bakka gaggeesitoonni adunyaafi keesumoonni hedduun argamanitti gaggeeffamaa oole.

Awwaalchi Giiftii Elizaabet II Landan keessa Westiminister Abeeyitti gaggeeffama.

Reeffi Giifti Elizaabet II gara Westiminister Abeeyitti galaa jira. Mootii Chaarles III reeffa harmee isaanii Giiftii Elizaabet II duuba goruun deemaa jiru.

Giifti Eelizaabet umurii ganna 96, waggoota 70'f erga Giiftii UK tahuun tajaajilanii boqatan.

Sirna gaggeessaa xumuraa kana irratti keesummoonni 2,000 ol argamu jedhamee eegama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri Muummee UK Liiz Tiras kan Giifti Elizaabet du'a isaanii guyyaa lama dura muudan gara Abeetti imalaniiru.

Pirezidaantii Itoophiyaa Aadde Sahilewarqi Zawudee, pirezidaantii haaraa keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo fi gaggeesitootni Sudaaniifi Somaaliyaa sirna awwaalchaa Giiftii Elizaabet II irratti argamuuf UK galaniiru.

Pirezidaanti Saahilewarqi Itoophiyaa bakka bu’uun gadda isaanii ibsuuf Landan kan galan yoo tahu, galmee gadda ibsachuuf qophaa’e irrattis gadda isaanii ibsaniiru.

Pirezidaantiin Keeniyaa, Wiiliyaam Ruutoo, sirna awwalchaa Giiftii Elizaabet II irratti erga hirmaatanii booda kora Waliigalaa UN, Niiw Yoorkitti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf gara US'tti imalu.

Pirezidaantiin US, Joo Baayiden, guyyoota muraasa dursuun Uk galaniiru. Pirezidaantiin Kanaadaa Jastin Tiruudoo, waggoota 40 dura yeroo jalqabaaf Giiftii Elizaabet II akka argan himan.

Tiruudoon yeroon Landan dhufu yeroo hundaa Giiftii nan argadha ture. Amma kana booda yeroon dhufu giiftittii arguu dhabuun koo na gaddisiisa jedhan.

Pirezidantii Itoophiyaa Aadde Saahilewarqi Zawudee du'a Giifti Eelizaabet II gadda isaanii ibsatan

Madda suuraa, MOFA

Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakiroon haadha warraa isaanii waliin Westiminister Abetti bakka qabataniiru.

Bilbilli mana amantaa irraa si'a 96 qixa umurii giiftii kan tahu hanga sirna awwaalcha isaaniitti bilbilama.

Kunis akka sa'a UKtti 11:00 ykn ammoo waaree booda sa'a 8:00 irraa jalqabuun garaagarummaa daiiqqaa tokkoon bilbilama.