Ilmi Mootii Sa'udii Bin Salmaan awwaalcha Giiftii Elizaabeet irratti hin argaman jedhame

Madda suuraa, Reuters
Ilmi Mootii Sa’udii Arabiyaa Mohaammad Bin Saalman kana booda sirna awwaalcha Giiftii Elizaabet II irratti ni dhufu jedhee akka hin eegne, maddeen Ministeera Dhimma Alaa UK himan.
Sirna awwaalchaa kana irratti akka hin hirmaanne Saa’udiin yaada jijjiirrachuu Rooyitarsi maddeen kanneen eeruun gabaase.
Gareewwan mirga namaatiif falmanis Mootiin Sa’udii Arabiyaa abbaa irree ta'e sirna awwaalchaa irratti akka hirmaataniif affeeruun mormii kaasaa ture.
Ilmi mootiii, kan MBS jedhamuun beekaman, ajjeechaa gaazexeessaa Jamaal Kashogjii bara 2018'tti raawwatameef ajaja kennan jechuun dhaabbileen tika biyyoota Lixaaa isaan himatu.
Haa ta’u garuu, Mohaammad Biin Saalman akka ajjeechaa Kashoogjii keessaa harka hin qabne waakkatan.
Kashoogjiin qontsilaa Sa’udii Arabiyaa Turkii jiru keessatti erga ajjeefame kaasee biyyoota Lixaa biratti akkaan qeeqamuu bira darbee gara UK deemanii hin beekan.
Maddeen Embasii Saa'udiitti dhiyeenya qaban Ilmi Mootii Biin Saalman gara Landan ni dhufu jedhanii turan.
Warra mootii Sa'udii keessaa tokko kan ta'e Turkii al-Fayisal garuu sirna awwaalcha Giiftii Elizaabeet irratti akka argamu maddi Ministeera dhimma alaa UK ifoomse.
Gareewwan mirgoota namaaf falman mootiin Sa'udii Biin Saalman sirna awwaalchaa irratti akka argamaniif affeeramuun isaanii sarbama mirgoota namoomaa Sa'udiin raawwatutti akka waan homtuu hin raawwanneetti ilaaludha jechuun mormii kaasan.
Chaayinaaniis sirna awwaalcha Giiftii irratti akka argamtuuf affeeramuun ishee mormii biraa kaasera.
Sababni isaa ammoo sarbama mirgoota namoomaa Chaayinaan Musliimota Uyiguur bulchiinsa Shiinjiyaang keessa jiraatan irraan geessudha.
Chaayinaan sirna awwaalchaa Giiftii Elizaabeet irratti akka hirmaataniif pirezidaantii itti aanaa kan ta'an Waang Qiishan akka gara Landanitti ergitu beeksifteetti.












