Icciitii du'a obbolaa durbaa lamaan reeffi isaanii torban lama booda mana keessatti argamee

Madda suuraa, NEW SOUTH WALES POLICE
Jalqaba ji'a Caamsaa keessa guyyaa tokko Awustiraaliyaa magaala Sidinii keessatti kan argamu mana jireenyaa tokko poolisoonni irra deddeebin balabala rukutanis namni jalaa banu hin argamne.
Balbala mana jireenyaa appaartaamaa kana fuuldura xalayaan tuulamee jira. Mana kiraas erga kaffalanii ji'a sadii guutera. Dubartoonni mana kana kireeffataanii jiraatan obbolaa yoo ta'an, lammummaan isaanii Sa'udii Arabiyaadha.
Balbala bananii yoo ol galan reeffa obbolaa lamaanii mana keessatti argan. Poolisoonni gaafa argan erga du'anii torban lama ta'eera. Manicha keessa golaa siree garaa garaa keessatti argame reeffi isaanii.
Reeffi isaanii erga argamee ji'a lama ta'eera. Isheen angafaa Asiraa Abdullaahii Alsehili yoo taatu umuriin ishee 24. Quxisuun ishee ammoo Amaal Abdullaahii Alsehilidha.
Akkaataa du'a isaanii ilaalchisee poolisiin qorannoo cimaa gaggeessus ammayyuu kana waan jedhu irra hin geenye. Kuni ammoo gaaffii isaanitti uumera.
Obbolaan lamaan kun eenyudha isaan?
Waa'ee obbolaa lamaanii odeeffannoon ifa ta'e baay'ee muraasa. Asilaa fi Amaal bara 2017 tti Saa'udii Arabiyaa irraa gara Awustiraaliyaa imaluun koolugaltummaa gaafatan.
Maatii isaanii akka shakkinu kan nu godhu "ragaan homtuu hin jiru" jechuun ibse poolisiin.
Obbolaan kun lamaan Awustiraaliyaatti baruumsa ogummaa barachaa to'annoo tiraafikaas hojjachaa turan. Baruumsa ogummaa akkamii barataa akka turan garuu hin ibsamne.

Madda suuraa, REALESTATE.COM
Namoota wajjin akka walitti hin dhufnee fi yeroo hunda isaan lamaan qofti akka waliin dabarsan ollaan isaanii miidiyaatti himaniiru.
Hoji gaggeessan appaartimentii dubartoonni du'an keessa jiraataa turanii miidiyaatti akka himetti, viidiyoo kaameran gamoo sanaa waraabu osoo isaan hin du'in kan ji'a lamaa akka dhufanii ilaaniif qorattootatti himeera.
Hoji gaggeessan gamoo sanaa Maayikil Beerd akka jedhutti namichi nyaata isaanif fidu tokko waa gochaa akka tare shakkii qaba. Viidiyichi garuu homaa hin agarsiisu.
Hoji gaggeessichi shakkee ji'a Bitootessaa keessa poolisiitti himee jennaan, obbolaan lamaan rakkoon homtuu akka hin jirre poolisiif himan.
Booda ofiidhuma isaatii dhaqee isaan gaafannaan waan ta'e akka sodaatanii fi na'uu isaanii akka itti himan Sydene Morning Heralditti hime.
Waanti barame jiraa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waa'en du'a obbolaa kanaa Awustiraaliyaa keessatti ijoo dubbii ta'eera- of ajjeesan moo namatu ajjeese kan jedhu.
Poolisiin kana jedhee ibsuu baatus miidiyaalen Awustiraaliyaa odeeffannoo garaa garaa ta'uu mala jedhan tokko tokko baasaa jiru.
Akka gabaasa kanaatti dubartoota du'anii argaman lamaan keessaa tokko saalli ishee hoomooseekshuwaalii yoo taatu isheen biraa ammoo Waaqni hin jiru jettee kan amantuu fi kanumaaf jecha Sa'udii Arabiyaatti hari'atamni irra geenyan baqatanii Awustiraaliyaa akka dhufan.
Mana dubartoota kanaatti faayan mormaa fannoo fannoo ofirraa qabu akka argame ABCn gabaasera.
Gaaffin koolugaltummaa isaanii fudhatama akka dhabee fi waan maan jiraa kaffalatan dhabaniis rakkataa akka turan gabaasni biraa ni mul'isa.
Namni maqaan isaa hin himamne tokko ammoo ABC tti akka himetti namichi inni beeku tokko apartimentii obbolaan lamaan itti galan yeroo heddu akka seenu fi bahu dubbate.
Gurbaan kun yeroo gaafatamus dhuguma gamoo sana keessaa akka bahu amaneera.
Inumaayyuu obbolaa lamaan keessaa isheen guddoon Asiraan bara 2019 tti nama maqaan isaa hin ibsamne tokko akka qabamuuf ajaja irratti baastus osoo hin turin ajajicha kaastee turte jedhama.
Odeeffannoowwan dhiyaatan kana irratti poolisiin waan jedhe hin qabu, BBC'nis mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Diyaaspooraa Sa'udii irratti yaaddoo uume
Duuti Asiraa fi Amaal lammiilee Sa'udii Awustiraaliyaa keessa jiraatan irratti yaaddo fi sodaa uumera.
Aktivistii fi artistiin Saafaa jedhamtu, "Baay'en keenya sodaa keessa jirra" jetti.
Angawoonni fi maatiwwan Saa'udii dubartoota baqaan gara biyya biraatti godaananiif yaaddoo ta'anii itti fufuu isaanii BBC tti himte Saafan.

Madda suuraa, SAFFAA
Kanaaf ammoo fakkeenyi isheen fudhattu, bara 2017 tti dubartii Yaadinaa alii jedhamtu kan Filippinsi irraa maatin ishee gara Saa'udi Arabiyaatti akka deebitu erga godhanii booda achi buuten ishee dhabameedha.
Asiraa fi Amaal milkaa'efii Saa'udiidha bahanii biyya waggaa shaniif keessa jiraatan keessatti of ajjeesu jettee hin yaaddu Saafan.
Baqattoonni Saa'uddii hedduun isaani hanga ji'a jaha dura qunnamtiin obboloota kanaa adda citutti sirriitti akka isaan beekanii fi dhuguma rakkoon wayii akka uumame himti Saafan.
'Awustiraaliyaan isaan hin gargaarre'
Dubartoonni kun bifa kamiinuu yoo du'an Awustiraaliyaan isaan gargaaruu hin dandeenye jechuun komatti qorattuu Hiyuman Raayits Waach kan taate Soofii Maakneel.
Namoonni koolugaltummaa barbaadan heddu akka rakkatan, addumatti ammoo kan dubartoota Saa'udii "adda" jechuun BBC tti himte.
Awustiraaliyaa keessatti hedduun isaanii rakkoo maallaqaa qabu.
Awustiraaliyaatti namoonni koolugaltummaan isaanii hanga mirkanaa'ufitti maallaqa xiqqoo kennamuuftu jira.
Akkuma jedhame obboloota lamaanif viizan ni dhorkame taanan "waan hin malleedha" akkasumas dhiphinaaf isaan saaxileera ta'a jetti Saafan.
Taaten kun Awustiraaliyaan dhimma koolugaltummaa namoota Saa'udi Arabiyaa irraa baqatanii keessa deebitee akka ilaaltu ishee taasisuu akka qabu dubbatu Safaa fi Soofi Makneel.












