Adabbiin du'aa Iraaniifi Saawudii Arabiyaa keessatti hammaate

Madda suuraa, SOPA Images
Bara 2021 keessa guutuu addunyaatti adabbii du'aa raawwataman keessaa inni olaanaan Iraaniifi Saawdii Arabiyaa keessatti raawwatamuu jaarmiyaan mirga namoomaaf falmu Aministii Intarnaashinaal beeksise.
Jaarmiyaan kun bara 2021 keessa biyyoota addunyaa 18 keessatti adabbiin du'aa raawwatame kan bara isa dura turerra dhibbeentaa 200 dabaleera jedheera.
Iraan kan bara 2020 keessa namooa 246 du'aan adabdee turte, bara 2021 keessa namoota 31 du'aan adabuun guddina mul'ateef gahee isa olaanaa baateetti.
Saawdii Arabiyaanis lakkofsa namoota du'aan adabduu dachaan dabaluun bara 2021 keessa namoota 65 irratti murticha raawwatteetti.
Amniistiin erga galmee kana eegalee, bara 2010 irraa kaasee kan bara 2021 lakkofsa isa xiqqaa galmaahe ta'uun kan lammataadha.
Akkuma baroota kaanii Chaayinaan kan waggaa waggaan namoota hedduu du'aan adabuun beekamtu sababa ragaan isaa dhoksaa biyyaa ta'ee ifa hin baaneef kan bara kanaa keessattis hin hammatamne.
Veetnaamifi Kooriyaa Kaabaa keessattis akkasuma lakkoofsi namoota adabbii du'aan galaafatamanii guddaa ta'us lakkoofsicha mirkanaan beekuun rakkisaadha.

Akka Aministiin jedhutti, Iraan keessatti adabbiin du'aa dabalaa jiru kan akkaan hammaatu dhimma daddabarsa baala sammuu hadoochuun walqabata.
''Kun sarbama seera idila addunyaati'' kan jedhu jaarmiyaan kun, adabbiin du'aa yakka beekaa lubbuu namaa dabarsuun ala jiruuf hojiirra ooluu hin qabuu jedha.
Saawdii Arabiyaatti bara 2020 keessa adabbiin du'aa dhibbeentaa 140 kan dabale yeroo ta'u, akkaan rifaasisan ammoo bara kana ji'a Bitootessaa keessa qofa takkaatti namootni 81 ajjeefamuu isaaniiti.
Somaaliyaa keessatti lakkoofsi namoota adabbii du'aan ajjeefamanii 11 irraa gara 21, Sudaan Kibbaatti 2 irraa gara 9'tti, Yamanitti 5 irraa gara 14 dabaleera.
Uggurri ittisa Covid'f kaahamee ture ka'uun walqabatee biyyoota addunyaa 56 keessatti murteen adabbii du'aa 2,052 aabbootii seeraan murtaahuufi kunis kan bara 2020 dhibbeentaa 40 caalmaa qabaachuun gabaafameera.
Hoji gaggeessaan Aministii Agnes Kalamard biyyootni hedduun yakka dhaabuuf maloota jiran biroorra ''adabbii du'aa filatuu jedhanii mirga namoomaarra gaaga'mni gudoon wayita gahaa jiru kanattillee mirga lubbuun jiraacuu namaaf kabaja hin kenninee'' jedhan.













