Waa’ee gonfoo Giftii Elizaabet kana beektuu?

Madda suuraa, Reuters
Sanduuqi reeffaa Giiftii Eliaabet II Masaraa Baakingihaam keessaa Mootii Chaarlis III, Ilma mootii Wiiliyaamiifi Haari akkasumas kaaniin dabaalame erga bahe booda galma Westiministar akka buufatu ta’e.
Sanduuqa kanarratti gonfoon fagoodhaa calaqqisuufi qalbii hawwatu taa’eera.
Gonfoon kuni albuudota gatii qaalii hedduu mootonni Biritaaniyaa jaarraa dheeraaf walitti qabanirraa kan tolfamedha.
Gonfoo kana irratti albuudi gatii qaalii lakkoofsaan 3,000 ta’an irra jiru. Kana keessaa 2,868 daayaamandiidha. Emeraaldi dabalatee albuudotni gatiin isaanii jabaa ta’an irra jiru.
'‘Waan balaqqisuuf yeroo tokko tokko gonfoo kana ilaaluunuu nama rakkisa. Baay’ee balaqqisa,’’ jechuun ibsu barreessituun kitaaba The Crown Jewels, Aan Key.
Bara durii gofoon ibsituu qabeenyaafi kabajaati jechuun qorattuun kuni himti.
Gonfoon kuni yeroo abbaan Giiftii Elizaabet II, Joorj VI ALA bara 1937 muudaman kan hojjetamedha.
Gonfoon kuni gonfoo Giiftii Viktooriyaa ittiin fayyadamaa turanirraa fooyya’eefi mataarra salphatee akka taa’u kan tolfamedha.
Akkasuu ta’e gonfoo kuni kiloogiraama 1.06 ulfaata.
Giftiin Elizaabet bara lubbuun turan waggaatti si’a takka guyyaa paarlaamaan banamu godhatanii dubbii taasisu turan.
Teessuma bifa warqii qaburra taa’uuniifi gonfoo ofirra ka’anii hojiiwwan ijoo mootummaa itti aanu dubbisu.
ALA bara 2018 Giiftiin Elizaabet waa’ee ulfaatina gonfoo kana ilaalchisuun qoosanii turani.
‘’Gad- jedhanii dubbisuun hin danda’amu, waraqicha ol qabuun dirqama ture. Sababni isaas yoo ol jedhame morma cabsuu danda’a,’’ jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Umuriin Giiftii Elizaabet 90 erga darbe booda gonfoo ulfaatinni isaa xiqqaa ta’e akka fayyadaman taasifamee ture.
ALA bara 2021 yeroo xumuraaf manni maree bakka bu’oota ummataa yeroo banamee haasaa taasisanitti Giiftii Elizaabet gonfoo hin ka’anneyyuu ture.
Gonfoon kuni kaaraatii dayaamandii 317 Cullinan II jedhamu ofirraa qaba. Yeroo tokko tokko Second Star of Africa jedhamuunis waamama.
Daayamandii guddicha hanga ammaa argame irraa muramee guyyaa dhalootaa 66ffaa Ediwaard VII’f Afrikaa Kibbaan kenname.
Yeroos mootummaan Afrikaa Kibbaa kolonii Biriitish jala waan tureef mootummaa Transvaal jedhamee waamama ture.
Gonfoon kuni daayaamandii jaarraa 11ffaatti mootiin Ingilizii Ediwaard quba isaanii irratti godhataniiru jedhames ofirraa qaba.
Gonfoo kana irratti dhagaan diimaa gatiin isaa jabaa ta’eefi ‘Black Prince’s Ruby’ jedhamu qalbii giiftiitti akka hawwatu amanama.
Walakkeessa waggaa darbe dokimantari BBC’f gonfoo kana itti dhiheenyaan kan agarte gaazexeessituun Kiliiv Meeri ‘’qulqullinni daayaamandii kanneenii amanuuf nama rakkisa’’ jechuun ibsite.
Gatiin gonfoo kanaa meeqa?
Gatiin Gonfoo Giiftii Elizaabet jabaadha.
Ogeessi sirna bulchiinsa warra mootii kan ta’an Olistar Biruus BBC’tti yoo dubbatan, gatii isaa maallaqaan tilmaamuun tasa hin yaadamu jedhan.
Gonfoon kuni yeroo hojiirra hin oolletti gamoo Landaanitti kan argamu Jiwiil Hawuus jedhamu keessa ka’ama.
Mootiin Chaarlis III sira durii itti fufsisuun guyyaa muudama isaanii gonfoo kana kaawwatu.
Eegasii yeroo manni maree biyyattii banamuufi sirnoota kaan irratti mataarra keewwatanii mul’atu.












