Ijoolleen Giiftiin Elizaabeet akkawootti ooltuuf owwaalcharratti uffata loltuu uffachuufi

Sirna awwaalchaa

Madda suuraa, PA Media

Sirna awwaalcha Giiftii Elizaabeeti irratti ilmi Mootii Haariin haaluma abbaan isaa mootii Chaarlis III gaafataniitiin uffata dambii waraanaa kaawwachuuf.

Sirni awwaalcha Giiftii Sanbata dhufaa raawwatamu irratti eenyu fa'itu argama kan jedhu wantoota eegamaa jiran keessaa tokkodha.

Haaluma kanaanis ijoolleen ijoollee Giiftii Elizaabeet ilma mootii Weels dabalatee, sirna awwaalchaa daqiiqaa 15'f ni ilaaluu jedhameera.

Mootiin Chaarlis ammoo ijoolleensaanii lamaanuu; Wiiliyaam fi Haariin lamaan isaanituu uffata dambii waraanaa akka uffataniif gaafataniiru.

Obbolaan lamaan kunneenis Pitar Filiipsi, Zaaraa Tindaal, intala mootii Beetishaa fi Eugenie, giiftii Luwos Windso fi Jeemsi, Viskaawunt Severnii fa'i waliin hirmaatu.

Ilmi Mootii Haariin erga guyyaa Giiftiin duutee kaasee qophiiwwan ummataa irratti uffata gaddaa uffataa jira.

Amma erga bara 2020'tti miseensa maatii moototaa ta'uurraa adda of baasee kaasee yeroo jalqabaatiif uffata dambii loltummaa kaawwata jechuudha.

Reeffi Giiftii Elizaabeet hanga guyyaa Wiixataa, gaafa sirni awwalchashee itti raawwatamutti Galma Weestiministeer keessa kan turu ta'a.

Ilma mootii Haariin akka uffata dambii loltummaa sirna awwalchaa irratti hirmaatuuf hayyamameef

Madda suuraa, PA Media

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ilmi mootii Haariin kan waraana keessatti marsaa lamaaf Afgaanistaan keessatti tajaajilee ture yoo ta'u, ammaan tana haadha warraa isaa Meeganiifi ijoolleesaa lamaan waliin Kaaliforniyaa keessaa jiraataa jira.

Dubbi himaan Haarii kana dura ''Akkoosaa kabajuuf sirnicha guutuu uffata gaddaa uffachuun dabarsa'' jedheera.

Itti dbaluunis, ''Tajaajjilli inni waraana keessatti dabarse uffannaa danbii inni uffatuun kan hin murtoofnee yoo ta'u, jireenyaa fi leegaasii Giiftii Elizaabeet irratti akka xiyyeefatuuf kabajaan gaafanna'' jedhee ture.

Ilmi mootii Weelsi karaa mataa reeffa giiftiin Ilmi mootii Duke Sussex ammoo karaa miilaatiin akka dhaabbatan Masaraan Baakinhaam himeera.

Haaluma gaaffii Mootiin Chaarlis amma Haariif akka uffata dambii loltummaa uffatuuf dhiyeessaniin, sirni awwaalchaa hanga xumuramuutti uffata loltummaan turan jechuun.

Akkasumas ilmi mootii Andireew kan bara 2019tti aangoo ilma moototaa keessaa bahes, uffata dambii loltummaa isaa akka uffatuuf hayyamameefiira.