'Giiftiin addunyaa dhiiraan guutame keessatti gahee ofii bahatte' - Haadha warraa Mootii Chaarlis

Giiftii Elizaabet II erga gara aangootti dhufaniin booda ''fakkeenyummaa mataashee bahattee jirti'' jedhan haati warraa Mootii Chaarlis, Giiftii dureen Kaamilaa haasaa kabajaa amaatii isheetiif TV irratti taasisaniin.
Kaamilaan ''ija bareedduu cuqulisaa ta'eefi seequu [isaanii] hin dagatamneen'' Giiftii akka yaadatan BBC'tti himan.
Giiftiin ''yoomiyyuu qaama jireenya keenya taatee jirti'' jechuun ibsan.
Yeroo Giiftiin Elizaabeet bara 1952'tti aangootti dhuftu daa'ima waggaa afurii kan turte Kaamilaan, ''Amma ani umuriinkoo 75 yoo ta'u, Giiftii malee nama biraa homaayyuu hin yaadadhu'' jechuun dubbatan.
''Yeroo isheen seeqxu ijjishee cuquliisni sun fuulashee guutuurratti ifu'' jechuun giiftii yaadatti. ''Seequu ishee sana yeroo hundan yaadadha.''
Akkasumas gaaffiifi deebii Sagantaa BBC waliin taasisaniin, amaatiin ishee attamiin addunyaa dhiirotaan dhuunfatame keessatti akka ''qofaashee ta'uun'' waggoota dheeraaf fakkeenyummaa mataashee akka bahatte kaaftee jirti.
''Yeroos pirezidantii ykn Ministirri Muummee hin turre. Kanaafuu gahee ishee bahuuf daandii ofiisheen akka sirreeffatteen yaada.''
Giiftiin Elizaabeeti, sirna kabaja waggaa 70ffaa aangoo ishee bara darbe osoo hin kabajiin dura, yeroo Chaarlis Mootii ta'anitti Kaamilaan Giiftii duree akka taatuuf ''hawwii cimaa akka qabdu'' ibsuun ishee ni yaadatama.
Akkasumas ilmishee Mootii wayita ta'utti ummanni akka mootichaafi haadha warraa ilmasheetiif deeggarsa taasisuuf waamicha taasiftee turte.
Mootiin Chaarlis mataansaanii haasaa erga aangoo qabataniin booda yeroo jalqabaatiif taasisaniin waa'ee haadha warraasaanii, ''Gahee haaraa ishee irraa eegamuun kutannoo ani irratti hirkadhu akka raawwattu nan beeka'' jedhan.
Guyyaa Dilbata kaleessaa Landan guutuutti qoophiilee fi taateewwan gadda ibsachuu raawwatamaa oolaniiru.
Guyyaa dhumaa Giiftiin itti aawwalamtuuf osoo mootummaan namoonni hiriira sa'aatii 13.5 tursiisuu eeggataa jiru jechuun akkeekkachisulleen, kumaatamni hiriira qabachu itti fufaniiru.
Hiriirichi masaraa qabee hanga Paarkii Saawuzwarkiitti diriireera.
Miseensoonni ummataatis reeffa Giiftii Galma Weestiminsiteer keessatti hanga Wiixata sa'aatii 06:30 ilaaluu ni danda'u.
















